Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kufaatiirra hanga xumura waancaa Awurooppaa Liigiitti: Imala Maan. Yuunaayitidi fi Tootenhaam
Maanchister Yuunaayitid! Bifa lama! Du'eera yeroo jettu ka'ee argita. Kufeera yeroo jedhan waancaaf darbee argita.
Kilebni kun kufeera yeroo jedhametti waancaa Awurooppaa Liigiif dhaqabe. Mo'ameera yeroo jedhamee galmeen isaa baranaa cufameera yeroo jedhametti duubaa ka'uun Liyoniin mo'ee waancaaf darbe.
Leenjisaa lama: Erik Teen Haag gaggeessuun Ruuben Amoorim qacare. Kilebichi erga Sir Aleeksi Fergusan soorama bahanii as leenjisaa ulfina isaa duraaniitti deebisu barbaadaa jiru.
Fergusan waliin biyya tokko kan tahan Deevid Moyesii fi Luwis Vaan Haal leenjistoota maqaa guddaa qaban tahanis Yuunaayitid waliin hin milkoofne.
Kilebichi hatattamaan maqaa isaa duraaniitti deebi'uu waan barbaadeef yeroo gahaa isaaniif hin kennine.
Achiin booda ammoo Joosee Moorinihoo, ''The Special One' miindaa guddaan fidan. Waancaa Awurooppaa Liigii isa dhumaa isatu mo'ateef. Garuu yeroo gahaa hin kennineef. Ni gaggeessan.
Bara 1999 daqiiqaa dhumaatti jijjiiramee galuun waan raajii hojjechuun waancaa Shaampiyoonsi Liigii akka injifatan kan gargaare Olee Guunar Soolshaayer yeroof qacaran. Kilebichatti miira gaarii deebiseera.
Garuu waancaa Piriimer Liigiif milkaa'uu hin dandeenye. Amma immoo biyya Luwis Vaan Haal, Nezerlaandisitti deebi'uun Erik Ten Haag qacaran. Teen Haag Ayaaksi waliin hojii gaarii hojjetaniiru.
Yuunaayitid waliin waancaa lamas injifataniiru. Garuu bara 2024-25 Yuunaayitid maallaqa guddaa baasuun taphattoota mallattesisuus warri dhufan gahumsa gaarii hin agarsiifneef.
Kaan waliin wal dhabuu hin hafne. Innis gaggeefamuun ammas ija isaanii biyya Joosee Moorinhoo Poorchugaalitti deebifatan. Ruuben Amoorim.
Leenjisaa dargaggeessa kubba miidhagaa taphachuun beekamu fiduuf murteessan.
'Amma hin tahu, yeroo gannaan dhufa' jetta taanaan carraa kana debitee hin argattu jedhaniin. Ruuben Amoorim Maan Yuunaayitid nama hedduu jaalatu waan atheef tole jedhe.
Kileba hiriyyaa isaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo, Naanii fa'aa waan taheef. Yuunaayitidii fi Ispoortingi Liisban hariiroo gaarii qabu. Yuunaayitid Roonaaldoo dabalatee taphattoota hedduu achirraa mallattesisaniiru.
Amoorimis yeroo Joosee Moorinhoo Maan Yuunaayitid leenjisu gara Oldi Tiraafoordi dhufuun Joosee irraa muuxannoo qooddataa tureera.
Kanumaan gara Maan Yuunaayitid dhufuun akkuma Joosee Moorinihoo xumura waancaa Awurooppaa Liigiif kilebicha dhaqabsiise.
Ispeen, istaadiyeemii Bilbaa'oo irratti waancaaf Tootenhaamiin morkatu. Tootenhaam ammoo erga waancaa injifatee waggoonni 17 darbaniiru.
Leenjisaan isaa Anji Poostikooguluu ''ani kileba deeme hundumaatti waggaa lammaffaa koo irratti waancaa injifachunin beekama'' jedhan.
Tarii waggaa lammaffaa isaanii Tootenhaam keessaan waancaa injifatanii kilebicha Shaampiyoonsi Liigiif dabarsuu?
Amoorim ammoo ji'a Muddee keessa gara Ooldi Tiraafoordi dhufe. Pirojekti mataa isaa ijaaruu jalqabe malee humna guutuun falaasama barbaaduun waan taphachaa jiru miti.
Har'a garuu waancaa kana deeggartoota Yuunaayitid nutti amanuun yeroo kufaatii keessa jirrus nu deeggaraniif mo'achuu qabna jedhe.
Maatiyaas Di Liiktii fi Liisaandiroo Maartinez irraa kan hafe Jooshoyaa Zirkizee, Ayden Hiven, Leenii Yooroo miidhama irraa deebi'aniiru.
Tootenhaam ammoo Kiluuseviskii, Jeemsi Madisanii fi Bergaal miidhamaan dhabeera.
Dursaan taphattoota Maanchister Yuunaayitid Buruunoo Fernaandez yeroo leenjisaa isaa waliin miiidyaaf ibsa kennan yeroo waancaa Awurooppaa Liigiif qophaa'aa jiran kanatti Ruuben Amoorim dhiibbaa keessa jiru jedhe.
Dhugaan jiru garuu waan biraati- Amooriim sababa isaa ibsuu baatus.
Garuu gareen isaa Yuunaayitid yoo waancaa Awurooppaa Liigii mo'ate, ''akka biraatti ilaalama'' jedhe.
Xiinxaltoonni kubba miilaa baay'een osooma Anji Poostikooguluu waggaa 17 booda Tootenhaam akka waancaa mo'atu godhaniiyyuu kilebicha keessaa bahuun isanaii waan oolu miti jedhu.
Maanchister Yuunaayitid garuu Ruuben Amoorim irratti amanannaa guddaa qaba.
Piriimer Liigii keessatti sadarkaa gadi anaa irra jiru. Seenaa Yuunaayitid yeroo dhiyoo keessatti kufaatii akkasii irra gahanii hin beekan.
Bara 1972-73 yeroo Maan Yuunaayitid Piriimer Liigii keessaa kufe malee qabxii xiqqaa hagasii galmeessanii hin beekan.
Yuunaayitid yoo waancaa kana mo'ate hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuu irraa qofa hanga paawondii miliyoona 100 argata. Yoo hanga dhumaatti deeme ammoo hanga Paawondii miliyoona 30-40 dabalataan argata.
Yoo mo'ame garuu erga bara 1990 as yeroo lammaffaaf qofa dorgommii Awurooppaa tokkollee malee hafa.
Amoorim maaliif dhiibbaa jala hin jirtu? jedhamee yoo gaafatamu miidiyaaleef ibsa kennuuf Amoorim cinaa taa'aa kan ture Buruunoon leenjisaa isaa dursuun deebii kenne.
''Lakki dhiibbaa jala jira. Dhiibbaa jala hin jiru jedhee eenyutu sitti hime?'' jechuun kolfaa deebise.
Amoorim ammoo ''ilaali! Hojiikoo narraa fudhachuu barbaada. Leenjisaa baay'ee gaarii tahuu danda'a. Garuu xiin-sammuu isaa irratti hojjechuu qaba. Akkamiin akka namoota waliin waliigalan hin beeku'' jedhe.
Lameen isaanii ijoollee biyya tokkooti. Umuriin Amoorimis garuma dargaggummaatti waan dhiyaatuuf salphaatti waliigalu.
Amoorim waa'ee dhiibbaa jala jiraachuu isaa gaafa ibsu: Waan addaa wayiiti. Leenjistoonni as turanii walitti aansuun mo'amanii hojii isaanii dhaban jiru..... Ibsuufiyyuu ni ulfaata,'' jedhe.
Waan hojjechuuf yaalaa jirru uummanni ni arga jedheen amana. Akkasumas waa'ee mataakoo caalaa waa'ee kilaba kanaa irra caalaa akkan yaadus waanuma argan natti fakkaata.''
Itti dabaluun keessumaa boordiin kilebichaa wantoota hedduu dhiibbaa keessa nu galchan akka jiran ni hubatu jedhe Amoorim.
Yuunaayitid erga ji'a Muddeen as Fuulhaamiin ala kileboonni inni mo'ate warra Piriimer Liigii keessaa kufan qofadha.
Taphoota saddet darban irraas qabxii lama qofa argate. Kilebichi garuu Amoorim jijjiirama barbaachisu kilebicha keessatti fidaa jira jechuun amanu.
''Kaaringitan dirree shaakala hojjennu irratti waan torban torbaniin hojjennu, jijjiirraa taphattootaa fi hojii akkaadaamii boordichi ni hubata. Rakkoo kilabichaa waanuma tokkotti quba qabuun waan furtu miti. Waanuma waancaa mo'anneef kan furamu miti.''
Yerootti Maan Yuunaayitid hojjettoota isaa hedduu hir'ise, deeggartootatti gatiin tikkeettii yeroo dabalamu, maatiin taphattootaa xumura waancaaf hanga tikkeettii dhabuutti yeroo gahan kanatti waancaa kana injifachuun kilebichi imala sirrii irra jiraachuu isaa nutti agarsiisa jedhe Amoorim.
''Namoonni kileba keenyaaf ilaalcha addaa qabu. Waancaa kana mo'achuun fuulduree gaarii tolfachuuf nu gargaara'' jedhe Amoorim.
Itti dabaluun hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii maleeyyuu kilebni keenya galii guddaa argachuu danda'a kan jedhe Amoorim, Yuunaayitid kilaba guddaadha jedhe. Waancaa mo'achuun garuu humna nuuf taha jedhe.
Bara kana aan Yuunaayitid galii paawondii miliyoona 650 ol argachuun addunyaa irraa kileba arfaffaadha.
Tootenhaam garuu bara kana qofa yeroo sadii Yuunaayitidiin mo'ateera. Seenaa kana har'a Amoorim akak irra deebi'u hin barbaadu.
Rakkoon Tootenhaam leenjisaa akka hin taane Antooniyoo Koonteen kana dura yeroo Tootenhaam leenjisaa ture dubbatee ture.
''Abbaan qabeenyaas, daarikterri kilebichaa Daani'eel Leeviis waggaa 20'f asuma jiru. Waancaa tokkollee hin mo'anne. Yeroo hundaa leenjisaatti quba qabuun rakkoo hin furu'' jechuun qeeqee hojii isaa gadhiise.