Xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kaleessa Maqalee qubate maaltu mudate?

Xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Maqaleetti bara darbe daandiirraa maqee ture

Madda suuraa, planespotters.net

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarri isaa lakkoofsa balalii ET-298 ta'e ta'e kaleessa Finfinneerraa ka'e erga Maqalee buufata xiyyaaraa Alulaa Abbaa Naggaa qubateen booda sigigaatee toorasaa gadhiisuu ibse.

Kanaaf ammoo sababiin yeroo xiyyaarri kun qubatetti roobni waan tureef jedheera Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa.

Waan mudate kana fuula Facebook isaarratti kan ibse Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, "odeeffannoo hanga ammaatti qabnuun jaallatamtoota maamiltoota keenyarra miidhaan kamiyyu kan hin geenye ta'uufi nagaan xiyyaaricha keessaa akka bahan gochuun danda'ameera."

Haata'u malee, akka ibsa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kanaatti hojjetoota xiyyaarichaa lamarra miidhaan xiqqaan kan gahe yoo ta'u, wallaansa fayyaa akka argataniif gara dhaabbata fayyaa dhiyoo jiruu geeffamanii wallaansa erga argatanii booda akka gara hoteelaa deeman taasifameera.

Imaltoonni BBC Tigrinyaan dubbise taateen kun kan mudate ganama sa'aatii 2:00 irratti akka ta'e himuun, xiyyaarci daandii keessaa hanga meetira 50 bahuun gara lafa qotameetti seenee baallee xiyyaarichaa tokkoorra miidhaan qaqqabuu dubbatan.

Imaltoota keessaa tokko kan ta'e Mahareg Kiroos Alamaayyoo sababa duumessi guddaa tureen paayiletoonni si'a lama qubachuuf yaalanii garuu mijachuuf didee jenneen samiitti deebiyan jedhe. Haata'u malee, yaalii si'a sadeffaatiin xiyyaarichi qubatee gara bitaatti sigigaate jechuun haala ture BBCtti himan imalaan kun.

BBC Tigrinyaa akka mirkaneeffatetti baallee isaa bitaarra miidhaa qaqqaberraa kan hafe xiyyaarri kun osoo hin caccabiin hafeera.

Kantiibaan Maqalee Dr. Redaa'ii Barihee FM 104.4tti akka himanitti, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa konkolaataawwan ramaduun imaltoota wallaansi isaan barbaachisu hospitaala qaqqabsiisee akka wallaanaman taasiseera.

Imaltoota keessaa namni tokkoofi paayiletiin dubartii taate miidhaan irra gahee wallaansaaf hatattamaan gara hospitaalaa geeffamuu kantiibaan kun mirkaneessaniiru.

Yeroo kun mudatetti imaltoonni naasuun iyyaa akka turaniifi hojjetoonni balaa abiddaafi ambulaansiin saatii sana achi yeroo qaqqaban dhaga'ameera.

Paayiletoota lamaafi keessummeessitoota afur dabalatee xiyyaara kana keessa namoota 49 akka turanis gabaafameera.

Yeroo kamiyyu nageenya maamiltota isaatiif dursa akka kennu kan ibse Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, rakkoo maamiltoota mudateef dhiifama gaafanna jedheera.

Odeeffannoon dabalataa yoo jiraates jaallatamtoota maamilaatiif ibsa barbaachisu akka kennus beeksiseera Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibsa baase kanaan.

Bara darbes ji'a Amajjii Maqalee buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaatti xiyyaarrii Daandii Qilleensa Itoophiyaa daandiirraa sigigaachuunsaa ni yaadatama.