Jaak Maa erga miidiyaarraa yeroo dheeraaf dhabamee mul'achuun dubbii ijoo tahe

Jaak Ma pirezidaantii Chaayinaa waliin argamuun dubbii ijoo taheera

Madda suuraa, Getty Images

Wal gahii pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingii fi dursitoota biizinasii Chaayinaa tibbana gaggeeffame irratti hundeessaan kaampaanii guddicha Aliibaabaa Jaak Maa argamuun dubbii ijoo taheera.

Jaak Maan erga bara 2020 damee faayinaansii Chaayinaa qeeqee as ummatatti bahee mul'atee hin beeku.

Abbaa qabeenyaa beekamaan kun pireidaantii biyyattii waliin mul'achuun xiinxaltoonnii fi ogeessonni hedduun hiika akkamii isaa fi damee teeknoloojii kanaaf qabaata jechaa jiru.

Kaampaaniin Aliibaabaa gabaasa baaseen gurgurtaa guddaa kan US keessa jiran caalaa galmeesseera.

Qoodi ykn 'Share' kaampaanichaas gara 60% guddate.

Miiidiyaan mootummaa Chaayinaa suuraa gaggeesitoota kanneenii qooduu akka jalqabeen xiinxaltoonni Jaak Maa'n 'leenjii haaromsaa wayii fudhatee deebi'ee?' jechuun gaafatan.

Wal gahicha irratti hundeessaan Deepseek, Liyaangi Wenfengi mul'ateera.

Xiinxalaan Chaayinaa Biil Bishoop, ''Jaak Maan dubbachuu baatus fuuldura irra taa'uu fi pirezidaanti Shii waliin harka wal fuudhuun dhugumatti haaromsa fudhatee bahuu isaaf agarsiiftudha'' jedhe.

Miidiyaa hawaasaa Chaayinaa keessaa dhimma kana ajandaa guddaa godheera.

Fayyadamaan miiidiyaa hawwaasaa Chaayinaa Weibo jedhamu irratti ''Jaak Maa baga gammadde, baga nagaan deebite'' jedhe.

''Jaak Maan deebi'uun dinagdee Chaayinaaf daddammaqina guddaadha'' jedhe.

Jaak Maa'n bara 2020 keessa baankota mootummaa biyyattii erga qeeqee miiidyaa irratti mul'atee hin beeku.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barsiisaan Afaan Ingiliffaa barnoota kompiteraa homaa hin qabne waggaa 20 dura mana jireenyaa isaa keessatti kaampaanii Aliibaabaa hundeessuun hiriyoonni isaa gabaa oonlaayinii kana irratti akka investi godhan amansiise.

Sana booda kaampaanii guddaa teeknloojii Chaayinaa keessatti banuun sooressa biyyichaa keessaa tokko tahe.

Yeroo baankonni Chaayinaa kalaqa irratti hojjechaa hin jiran jechuun isaan qeequ mootummaan biyyattii dhaabbata gabaa isaa 'Ant Group' irraa doolaara biliyoona 34.5 haqe.

Mootummaan tarkaanfii kana kan fudhateef kaampaanii akka malee guddate kanatti adaba gochuufi abbaa qabeenyichaa Jaak Ma akka barbaade dubbachuu jalqabetti adaba gochuun tasgabbeessuuf akka tahe himame.

Amma simbooziyeemii pirezidaantichi irratti argaman irratti argamuun isaaf gaariidha kan jedhan jiru.

Saganticha irratti dubbachuu dhabuu isaa ammoo ammayyuu yeroo haaromsaa isaa akka hin xumurre agarsiisas jedhan.

Pirezidanti Shiin kaampaanonni Chaayinaa kalaquu, fi guddachuu itti fufuu qabu jedhan.

Rakkoo dinagdee amma biyyattii keessa jiru yeroof kan turuufi kanuma biyya keessaa madde jedhan.

Mootummaan Chaayinaa kaampaanota teeknoloojii hedduu irratti to'annoo cimsee ture.

Seera wal dorgommii kaampaanotaa mirkaneessuu fi nageenya odeeffannoo biyyichaa eegsisuu irratti cimsee hojjeteera.

Dabalataan, odeeffannoo murteessoo kaampaanota dhuunfaa ofiin to'achuu barbaada.

BBC

Odeessa akkanaa biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.