Jaak Maa: Abbaan qabeenyaa Alibaba yeroo dheeraaf bakki jiru wallaalamee ture Chaayinaa keessatti mul'ate

Madda suuraa, EPA
Hundeessaafi abbaa-qabeenyaa kampaanii guddicha Alibaba kan ta'e Jaak Maa erga waggootaaf bakki jiru wallaalame Chaayinaa keessatti mul'ate.
Abbaan-qabeenyaa gabaa oonlaayinii guddaa kun waggoota sadan darban keessa osoo hin mul'atiin kan ture yoo ta'u, amma garuu Hangzhoukeessatti mana-barumsaa tokko keessatti mul'achuu isaa gabaasaaleen himan.
Gaheessi umuriin isaa waggaa 58 ta'e kun erga bara 2020 sirna to'attoota faayinaansii Chaayinaa irratti qeeqa dhiyeessee of dhoksee tureera.
Jaak Maa biliyeenara Chaayinaa maqaa guddaa qabu biyyattiin abbootii-qabeenyaa tekinooloojiitin milkaa'an irratti tarkaanfii fudhachuu hordofee dhokatan keessaati.
Akka South China Morning Post gabaasetti, dureessi kun waggaaa tokko erga biyya biraa tureen booda dhiyeenya kana gara CHaayinaatti deebiye.
Gaazexaan qabeenyummaan isaa kan Alibaba ta'e akka jedhetti ammoo Hong Kong keessatti yeroo gabaabaa mul'atee hiriyyoota waliin waliin akka wal argeefi agarsiisa aartii Art Basel tures yeroo gabaabduuf daawwateera.
Gaazexaan kun itti dabaluun Jaak Maa waa'ee tekinooloojii qonnaa barachuudhaaf biyyoota gara garaatti imalaa tureera. Haata'u malee, maaliif akka ija uummataa jalaa dhokatee ture garuu waan jedhe hin qabu gaazexaan kun.
Barsiisaa Ingiliffaa kan ture Jaak Maa, barsiisota waliin barsiisaa ture waliin wal argee mana-barumsaa Yungu jedhamtu kan magaalaa Hangzhou waajirri muummee Alibaba keessatti argamutti daree barnootaa keessa deemee daawwachaateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka fuulli miidiyaa hawaasaa manni-barumsichaa gabaasetti, waa'ee rakkoo hubanniin nam-tolchee (Artifical Intelligence /AI) barnoota irratti qabaachuu danda'uu haasa'eera.
"ChatGPT fi tekinooloojiiwwan isa fakkaatan biroon jalqaba jaarraa AIti. Artiifishaan Intelijensii rakkoowwan ittiin furuuf fayyadamuu qabna malee isaan to'atamuu hin qabnu," jedhe.
Dureessi Chaayinaa Jaak Maa tekinooloojii maallaqaa guddicha Ant Group jedhamu to'achuu Amajji keessa dhaabeera.
Kana hordofee namoonni tokko tokko akka jedhanitti tarkaanfii inni fudhate kun sababa ifatti dubbachuu isaafi humna qabaachuu isaatiif Paartii Komunisti Paartii Chaayinaa waliin wal dhabdee keessa galuu isaa agarsiisa.
Onkoloolessa 2020 keessa Jaak Maan kora faayinaanii tokko irratti baankonni aadaa baraman ykn durii amma "sammuu qodaa qofa qabatanii maallaqa liqeessuu" qofa qabu jechuun dubbatee ture.
Dubbii dubbate hordofee ji'a tokkoon booda gabaa sheerii Ant Group £26bn dhiyeessuun addunyaa irratti isa guudicha taasisuuf ture aanga'oota Chaayinaatiin haqame.
Aanga'oonni Chaayinaa kun sababa haqaniif yoo dubbatan dhimma to'annoo waliin walqabata jedhan.
Yeroo sanarraa kaasee dureessi kun biyyoota gara garaa Ispeen, Neezerlaandis, Taayilaandis fi Awustiraaliyaa keessatti yeroo gaggabaatiif mul'achuu isaati gabaafame.
Sadaasa darbe keessa gaazexaan the Financial Times, Jaak Maa ji'oota ja'aaf Tookiyoo, Jappaan keessa akka jiraate gabaasee ture.
Yeroo jalqaba Jaak Maan ija uummataa jalaa dhokatetti mana keessatti hidhame ykn manuma hidhaa sirrii geeffame oduun jedhu dhaga'amaa ture.














