Dureeyyin Chaayinaa maalif akka dhabaman godhamu?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiyeenya kana industirii teeknolojii keessatti namni beekamaa ta'e Baa'o Faan jedhamu achi buuteen isaa dhabamuun aadaa Chaayinaa keessatti dureeyyii dhabamsiisuu bifa haaran waan jalqabsiise fakkaata.
Chaayinaatti namoonni dureeyyii biliyeenaroota ta'an achi buuten isaanii dhabamuun waan haaraa miti.
Baa'o Faan guyyootaaf achi buuten isaa osoo hin beekamin dura dhaabbanni isaa qorannoo yakkaa mootummaan Chaayinaa irratti dhiyeessef gaafatamaa akka ture beeksisee ture.
Haa ta'u garuu, waa'ee maalii irratti qorannoo yakkaaf gaafataa akka tureefi achi buutee isaa mootummaan Chaayinaa hin ibsine.
Abbaa qabeenyaa Alibaba kan ta'e Jaak Maa dabalatee yeroo dhiyoo as dureeyyin Chaayinaa achi buuten isaanii dhabamuun baramaa dhufeera.
Lammileen biyyattii fakkeenyaaf mormii mootummaa keessatti qooda fudhatan, akka warra dureeyyii namni kan hin dubbanneef, bakki isaan bu'an hin beekamne hedduudha.
Ji'a tokko dura abbaan qabeenyaa beekamaan Baa'o Faan dhabamuun isaa karaa ittiin mootummaan biyyattii diinagdee to'atu keessaa tokko ta'uu caalmatti kan ifa godheedha.
Bara 2015, abbaa qabeenyaa kilaba Ingilaand Wolvarhamptan Wonderars kan ta'e Guo Guwaangchang dabalatee dureeyyiin shan bakki bu'an dhabamee ture. Yeroo sana dhaabbanni isaa akka qorannoof barbaadamaa ture ibsee ture.
Waggaa lama booda ammoo dureessi beekaman lammummaa Kanaadaafi Chaayinaa qabu Zhiyoo Jiyaanhu, Hong Koong keessaa fudhatamee bara darbe ammoo malaammaltummaan hidhaan itti murtaa'e.
Bara 2020 manneen jireenyaa misoomsun biliyeenara kan ta'e Reen Zhiikiyaang akkaataa mootummaan dhibee koronaa to'ataa ture irratti Pirezidaant Shii Jiin Ping "Gowwaa" jedhee waan qeeqef dhabamee ture.
Waggaa tokko booda, guyyaa tokko qofa mana murtiitti dhiyeessun himata malaammaltummaan hidhaan waggaa 18 itti murtaa'e.
Abbaa qabeenyaa dhaabbata Alibabafi Chaayinaatti dureessummaan kan dursu Jaak Maa, sirna faayinaansii biyyattii waan qeeqef bara 2020tti dhabamee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaa qabeenyaa Alibaba kan ta'e Jaak Maa biyyoota akka Jaappan, Taayiland fi Awustiraaliyaa keessatti mul'ateera jedhamee odeeffamus ammayyuu eessa akka jiru ifatti hin beekamu.
Sababni mootummaan dureeyyii beekamoo biyyattii irratti tarkaanfii fudhatuuf bu'uura seeraa kan hordofeefi malaammaltummaa hundeen buqqisuuf akka ta'e ibsiti Chaayinaan.
Bulchiinsa Shii Jin Piing jalatti abbootii qabeenyaa dhabamsiisuu irratti kan xiyyeeffatamuuf mootummaa irratti dhiibbaa akka hin uumnefi jedhama.
Pirezidaantin Chaayinaa Shii Jiin Piing aangoo waraanaafi siyaasaa qofa osoo hin taane diinagdee illee of jala galchuu barbaada jedhama.
"Yeroo tokko tokko taatewwan kunneen garee industirii wayiitif ergaa guddaa dabarsuuf itti yaadamee kan godhamu," jechuun BBCtti hime Niik Marroo Economist Intelligence irraa.
Haalli itti Chaayinaan dureeyyii qabaa jirtu abbootiin qabeenyaa haaraan akka hin uumamne rakkoo danqaadha jedhu namoonni yoo qeeqan.
Torbee kana Chaayinaan garee faayinaansii biyyattii to'atu hundeessiteerti. Yaa'ii kanarratti pirezidaant Shiin dameen dhuunfaa barbaachisaa ta'uu dubbachuun, hojjatanii akka duroomaniifi itti gaafatamummaan akka hojjatan dureeyyii biyyattiif ergaa dabarsan.
Haa ta'u malee Chaayinaan biliyeenaroota hedduu akka dhabaman gootee jirti. Kuni ammoo gabaa faayinaansii gabaa, biizinasiiwwaniifi walumaa galatti diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa gochuun isaa waan hin oolledha.












