US fi Kanaadaan meeshaalee maalummaansaanii hin beekamne qilleensa isaaniirraa rukutanii kuffisan

Kanaadaan akka jettu meeshaa maalummaansaa adda hin baane kana rukutee kan buuse xiyyaara waraanaa F-22 jedhamu, kan suuraa kanarraa mul'atuudha

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Tiruudoo akka mirkaneessanitti, meeshaan maalummaansaa hanga yoonaa adda hin baane kan biraan ammas qilleensa Kaaba Ameerikaa irra osoo balali'uu rukutamee kufeera.

Kanaadaa fi Ameerikaan akka jedhanitti meeshaa maalummaansaa adda hin baane kana rukutee kan buuse xiyyaara waraanaa F-22 jedhamu, kan suuraa kanarraa mul'atuudha.

Kana dabalatee meeshaaleen maalummaa fi ergamni isaanii hin beekamne torbee tokko keessatti yeroo sadi osoo qilleensa US fi Kanaadaa irra marsanii rukutamanii kuffifaman.

Humni waraanaa Ameerikaa torbee darbe keessa afuuffee Chaayinaan qilleensa isheerra gadhiiste rukuttee buuste, Jimaata darbe ammoo meeshaan maalummaansaa adda hin baane, kan hanga konkolaataa ga'u qilleensa Alaaskaa irraa haleelamee bu'eera.

Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Truudoo Pireezidanti Joo Baayidan waliin erga dubbatanii booda akka meeshaan qilleensa isaaniirra marsaa ture rukutamu ajajuu ibsan.

''Erga meeshaan kun rukutamee bu'e booda humnoonni waraanaa Kanaadaa maalummaa meeshaa kanaa qorachuu eegalu,'' jechuun tiwiitara isaaniirratti barreessan.

Meeshaan maalummaansaa hin beekamne kan Kaaba-dhiha Kanaadaa, Yukon irra osoo balali'uu rukutame olka'iinsa meetira 12,000 irra ture.

Hordoffii taasifameen Sambata kaleessaa gara waaree boodaa rukutamee kuffifame jedhan Ministirri Ittisaa Kanaadaa Anita Anand.

Ameerikaa fi Kanaadaan yeoro dhihoo as qaamota yookiin ammoo meeshaalee maalummaansaanii adda hin baane qilleensa isaanii keesatti arguu irra deddeebiin gabaasu.

Kan amma dhahanii buusan kanas maalummaa fi ergamsaa adda baasuuf caccabaa meeshaa kanaa waliin qorachuuf akka jiran ibsaniiru.

Meeshaan qilleensa Ameerikaa irra balali'aa ture kun afuuffeen Chaayinaa qilleensa Ameerikaa keessatti mul'atee atakaaroo erga kaasee torbee booda argame.

Meeshaan kun Jimaata darbe ajaja Pireezidanti Joo Baayidaniin rukutamee kufe.

Chaayinaa fi Ameerikaan dhiheenya kana dhimma Taayiwaan irratti waldhibdee keessa osoo jiranii afuuffeen Chaayinaa qilleensa Ameerikaa keessatti argamuun dubbii hammeesseera.

Chaayinaan afuuffeen kun ergama qo'annoo haala qilleensaati jetti, Ameerikaan ammoo ergama basaasaaf jechuun haleeltee kuffufte.

Meeshaan amma rukutamee kufe kun garuu maal akka ta'ee fi ergama maaliif akka ta'e hanga yoonaa hin beekamne.