Chaayinaan deeggarsa akkamii Raashiyaaf gochaa jirti?

Madda suuraa, Reuters
Chaayinaan suutuma michuu diinagdee Raashiyaa cimtuu ta'aa jirti.
Raashiyaan ammoo qoqqobbii diinagdee biyyoonni lixaa irra kaa'an irraa dandamachuuf michuu akka Chaayinaa ishee barbaachisa.
Raashiyaan Yukireen irratti waraana banuu isheetin biyyoonni lixaa hedduu qoqqobbii diinagdee cimaa irra kaa'anii turan.
Amma immoo Beejing meeshalee waraanaafi dhukaatuwwan Raashiyaadhaf dhiyeessuf jetti jechuun US komatti.
Chaayinaan ammoo komiin US kuni dhara jechuun haalti.
Chaayinaan meeshaalee waraanaa Raashiyaaf dhiyeessaa jirtii?
Chaayinaan yeroo dheeraf dandeettii omisha meeshaalee waraanaa cimsachaa kan turte yoo ta'u meeshaalee waraanaa alatti erguudhaan addunyaa irraa sadarkaa afraffaarra jirti.
"Meshaaleen waraanaa Chaayinaa ammayyaa'aa jira," jedha Siimon Wazeman dhaabbata Stockholm International Peace Research Institute irraa.
"Wantoota Raashiyaan argachuuf fedhii qabdu keessaa diroononni ishee [Chaayinaa] tokkoodha.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
US ammoo gama isheetiin dhaabbileen Chaayinaa meeshaalee ammayyaa hin taane duraanuu Raashiyaaf dhiyeessaa akka turaniifi amma kanneen ammayyaa ta'an dhiyeessuf akka jiran odeeffannoo qabaachuu ibsite.
Maariyaa Shagina International Institute of Strategic Studies'tti ogeettii qoqqobbii diinagdee yoo taatu, Chaayinaan ifatti meeshaalee waraanaa Raashiyaaf dhiyeessite akka hin qabne garuu ammoo dhoksaadhaan meeshaalee tekinolojii ammayyaa omisha meeshaalee waraanaaf oolan itti gurguruu akka dandeessu dubbatte.
"Meeshaalee walakkaan dhumatoo ta'an [seemikondatarii] karaa kampaaniwwan Sheelii Hong Kong fi Yunaayitid Arab Emireet sadarkaa olaanaan Raashiyaatti kan gurguru Chaayinaadha," jetti.
Dhaabbanni teessoo isaa US godhate Center for Advanced Defense Studies akka jedhetti dhaabbileen Chaayinaa elektirooniksiiwwan raadaarii misaa'ela farra haleellaa qilleensaaf oolan Raashiyaaf ergaa jiraachuu malu.
Gama biraan ammoo US dhaabbilee Chaayinaa deeggarsa suura saatalaayitii garee loltoota Raashiyaa Waagner jedhamaniif dhiyeessan irra qoqqobbii keesserti.
Michuu daldalaa Raashiyaa cimtuu taate
Waggaa darbe Raashiyaan Yukireen hordofee biyyoonni lixaa boba'aa galchuu dhiisuu dabalatee meeshaalee teknolojii ammayyaa gara Raashiyaa akka hin ergamne qoqqobbii irra kaa'an.
Biyyoonni kaan ammoo walitti dhufeenya Raashiyaa waliin qaban guutummaatti addaan kutan.
Haa ta'u garuu daldalli Chaayinaan Raashiyaa waliin qabdu bara 2022'tti dolaara biiliyoona 190 gahuun sadarkaa olaanaa irra gahe. Kana jechuun dimshaashaan 30% ol guddateera.
Omishaalen Raashiyaan Chaayinaa irraa galchitu 13% guddachuun dolaara biliyoona 76 yoo gahu, al-argiin Chaayinaatti taasiftu ammoo 43% guddachuun dolaara biliyoona 114 gaheera.
Chaayinaan boba'aa hangam Raashiyaa irraa bitti?

Madda suuraa, Getty Images
Galiin mootummaa Raashiyaa walakkaan isaa gurgurtaa boba'aafi gaazii irraa kan argamuudha. Galiin Raashiyaan gurgurtaa boba'aa biyyoota Gamtaa Awurooppaa (EU) irraa argattu bara darbe gadi bu'eera.
Gurgurtaan gabaa Awurooppaa irraa argattu gadi bu'us gabaan Raashiyaa Eeshiyaatti ol ka'eera.
Bara 2022'tti Raashiyaan petirooliyeemii dhangala'aa kana sana duraa caalaa dachaa Chaayinaatti gurguratte.
Gaazii uumamaa 50% ujummoo boba'aa Saayibeeriyaa yoo dhiyeessitu boba'aa dikita ammoo 10% dhiyeessiteetti.
Biyyoonni G7 diinagdeen badhaadhan, Gamtaa Awurooppaafi Awustiraaliyaa dabalatee gatii gabaa boba'aa Raashiyaa irratti gatii muruuf yaalanis Chaayinaa walii galtee isaanii kana fudhachuu didde.












