‘Deeggarsa gama waraanaatiin Yukireeniif kenninu cimsuu qabna’- Riishii Sunaak

Madda suuraa, PA Media
Ministirrii Muummee UK Rishii Sunaak hoggantoonni biyyoota addunyaa deeggarsa karaa waraanaa Yukireeniif kennamu akka cimsan gaaafatan.
Sunaak haasaa yaa’ii dhimma nageenyaa Muunikitti taa’ameerratti biyyoonni michuun Yukireen meeshaalee waraanaa jabanaa, dandeettii NATO’n walgitu deeggaruu qabna'' jedhan.
Itti dabaluun, weerara Raashiyaa biyyattiin akka ofirraa qolatuuf NATO’n wabii yeroo dheeraaf turu ta’uufi qaba jedhani gaafachuuf jiru.
Kaayyoon ijoon yaa’ii kanaa yaalii biyyonni michuuwwan Yukireen weerara Raashiyaa biyyattiirra qolachuu tumsuuf.
Yaa’ii guyyoota sadii Jarmanitti taa’amufi dhimma tasgabbii addunyaarratti mariyatu kun guyyaan yaadannoo Raashiyaan weerara Yukireen irratti bante kabajamuuf guyyoota muraasa qofti wayita hafetti.
Yaa’i Muunik kanarratti kanneen hirmaatan harka caalan isaanii dureewwan biyyootaa fi Ministiroota, basaastota biyyoota Awurooppaaf Ameerikaati.
Yaa’ii kanaarratti Pirezedantii ittaantuu Ameerikaa Kaamalaa Haaris fi hoggantoonni mootummoota biyyoota Awurooppaa 30tti dhiyaatanii hirmaataniiru.
Qondaaltota Raashiyaarra garuu namni yaa’ii kanatti akka hirmaatu affeerame hin jiru.
Yaa’ichi eegalamuun dura Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak, ‘’biyyoonni michootni keenya addunyaa jiranii fi gareewwan keenyaan Yukireen akka weerara Raashiyaa ofirraa injifattuuf tattaaffii gochaa jiru akkan dubbadhuuf carraa naaf laata’’ jedhan.

Madda suuraa, PA Media
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rishii Sunaak, biyyoonni biroos nu hordofanii taankiiwwan dirree lolaa, gumaachuu qabu, loltoota leenjisuu, akkasuma balalistota xiyyaaraa sadarkaa NATO’n walgituun akka leenji’an mirkaneessuu akka fedhan dubbatan.
Yaaddoon hirmaattota yaa’ii kanaa ammoo biyyoonni michuuwwanii cimanii Yukireen deeggaruu isa jedhu.
Dhimmi ifatti gaafatamne biyyoonni michuuuwwaan Yukireen maaliif ammattii deeggarsa cimsuufbarbaadanii kan jedhu.
Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin deeggarsi saffisaan akkaa keennamuuf gaafatan turan.
Torban darbe hogganaan Yuukireen UK, Paaris fi Biraasilsi dawwatanii kan turan yoo ta’u, hoggantoonni biyyoota Awurooppaaa biyyasaaniif jeettiwwaan waraanaa ammayyaaa akka dhiyeessaniif gaafatan.
UK’n humnoota Yukireen jeettiwwan waraanaa sadarkaa xiyyaarota NATO gituun akka leenjsuu himan.
Rishii Sunaak, tarkaanfiin kunillee fudhatamuu akka danda’u himan.
Ministirri Ittisaa UK Been Waalaas gama isaanitiin akka jedhanitti, jeettiiwwaan waraanaa UK battala kanaatti Yukireeniif dabarfamanii hin kennaman.
Kana malees, baaliistoota leenjisuun turtii ji’aan lakka'aamu fudhata jedhanii BBCtt himan.
Biyyoonni miseensota NATO muraasni jeettiwwaan waraanaa Yukireenif kennnuun waraana biyyatti keessatti adeemaa jiru ittii hammeessu mala soda jedhu qabu.
Kuni ammoo waraana kallatiin biyyoota Lixaa fi Raashiyaa gidduutti bana jedhanii yaadda'u.
Erga Raashiyaan biyya Yukreen weerarte asitti UK’n deeggarsa waraanaaf Paawundii biliyoona 23 baaftetti- Kunis Ameerikaatti aantee biyya deeggarsa guddaa Yukireeniif gumaachiteef ishee lammaffaa taasisa.












