UK'n taankiiwwan Challenger 2 jedhaman Yukireeniif erguuf

Taankii Challenger 2 jedhamu

Madda suuraa, Getty Images

UK'n dandeettii waraanaa biyyattii cimsuuf taankiiwwan Challenger 2 jedhaman Yukireeniif erguuf akka ta'e MM biyyattii Rishii Sunaak himan.

Ministirri Mummee UK haasaa karaa bilbilaatiin pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii waliin Sambata taasisaniitti ture meeshaalee waraanaa dabalataa akka erganiif kan mirkaneessan.

Kunis UKn deeggarsa Yukireeniif taasiftu cimsuuf fedhii qabaachu akka agarsisuu himame.

Pirezidantiin Yukirenis deeggarsichaaf UK galateeffachuun, murteen taankiwwan erguu kunis ''adda waraanaatti kan nu cimsu qofaa osoo hin taane, deeggartoota kaaniif illeen ergaa sirrii dabarsa'' jedhan.

Itti dabalunis deeggarsi UK biyya isaanitiif taasiftu ''yeroo hunda cimaadha'' jedhan.

Dureewwan kunneen wayita bilbilaan haasa'aniitti injifannoowwan Yukireen tibbana galmeessite fi ''deeggarsa dippilomaasii fi waraanaa addunyaa cimsuun haala kana itti fufuun barbaachisaa'' ta'us mari'ataniiru.

Ibsi MM UK kunis wayita amma haleellaan misaa'eelii Raashiyaa Yukireen keessatti eddoowwan gargaa garaa irraatti raawwatamaa jiraachuun gabaafamutti.

Fakkeenyaaf erga Dnipro keessatti haleellaa miisaa'eelaatiin gamoon abbaa darbii sagalii rukkutamee booda namoonni shan ajjeeffamuufi yoo xinnaate 15 jijjigaa keessaa baafamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mr Sunaak taankiiwwan isaan erguuf jedhan kunneenis taankii waraanaa Raayyaa Biritish mummee yoo ta'u, humnootiin Yukireen akka loltoota Raashiyaa booddeetti deebisaniif ni gagraagara.

Taankiiwwna Challenger jedhaman kunneenus bara 1990ta keessa kan hojjataman yoo ta'u, Yukireen keessatti taankii isa hammayyaa ta'a.

Kennaan taankiichaa qofti kan haala jiru geeddaru waan hin taaneef, gochaan UK kunis biyyoota kaan kakaasuun meeshaa waraanaa ammayyaa dabalataa Yukireeniif akka kennan akka taasisu abdatama.

Poolaandis taankiiwwan Leopard kan Jarmaniin oomishaman kenniif karoorfataa jirti.

Haata'u malee taankiiwwan gara Yukireeniitti erguun dura biyya oomishee Jarman irraa hayyama argachu qabdi.

Yukireen akkasumas US taankiiwwan ishee Abrams jedhaman akka eergituuf abdataa jirti.

Jalqaba baatii kanaarratti Jarmaniifi US, Faransaay waliin ta'un konkolaataawwan sibila uffatan waraanaa Yukireeniif erguuf waliigalanii turan.

Kunis adda waraanaa irratti dandeettii Yukireen haalaan akka cimsutti ilaalamaa jira.

Deebii Karoora UK taankiiwwan Challenger jedhaman wayita kennaniitti, deebii kan kennan dubbii himaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Raashiyaa, Maariyaa Zaakhaarovaa, ''Akkuma kana dura jennee, dhiyeessitiiwwan meeshaa waraanaa haleellaawwan Raashiyaatiif kiyyeeffannaa duraati,'' jedhan.

Jalqaba ammoo waraanni Raashiyaa waraanaa cimaadhaan booda magaalaa omisha soogiddaa Yukireen kan taate Soledaar qabachu himuun, kunis waraana gaggeessaa jiruuf tarkaanfii ''barbaachisaadha'' jedheera.

Injifannoon kunis loltoonni Raashiyaa gara magaalaa dhiheenyaatti argamtu Bakhmuti dhiibuun humnoota Yukireen adda kutuuf ni dandeessisa jedhe dubbii himaan.

Haata'u malee qondaaltoonni Yukireen waraanni Soledar ammalleen gaggeeffamaa jiraachu himuun, Raashiyaan ''akkasumas iyya dhageesifti'' jechuun balaaleeffatan.

Erga dhiheenya kanaatii as Raashiyaan magaalatoota Yukireen adda addaa irratti haleellaa misaa'eelaa raawwataa jirti.