Leegaasii Giiftii Elizaabet II fi yaadannoo seenaa kolonii Afrikaa Kibbaa

Biyyi Biriteen waliin hariiroo addaa fi walxaxaa ta'e qabdu Afrikaan Kibbaa, du'a Giiftii Elizaabet booda miira callisa salphaatti hubatamuu danda'uun liqimfamtee jirti.

Gariin namootaa du'a ishee gaddu, yaadannoo ishee- keessattuu seenaa isheen Pireezidantii gurraacha jalqabaa, Nelsan Mandeellaa waliin qabdu kaasanii ishee faarsu, kaan ammoo miidhaa bara bulchiinsa kolonii Biriteen ture kaasuunn mufii qaban ibsu.

''Giiftii Elizaabet nan jibba jechuu koo miti, lakkii gonkumaa. Garuu jireenya kiyya isa dhugaa yoon ilaalu, dhiibbaa koloniin guddoo miidhameera,'' jedha barataan yuuniversitii biyyattii Sibulele Steerman.

Yeroo ammaa dhaloonni ammaa Afrikaa, keessummaa Afrikaa Kibbaatti, akkaataa bara 1960oota keessa ittiin gara dimokiraasiitti ce'an irratti dhiifama koloneeffattootaaf godhamaa ture irratti gaaffii kaasaa jiru.

Biyyoonni lixaa saamicha bara bulchiinsa kolonii raawwatan amanuun hojii caalu hojjechuu malan jechuun yaada dhiheessu.

''Haati kiyya Giiftittii jaallataa turte. Nuti garuu dhaloota biraati,'' jedha barataa Steerman.

Tibbana miidiyaa hawaasummaarratti, Biriteen daayamandii hatte akka deebistuuf duulli gaggeeffamaa jiraachuu fi daayamandiin jedhame kunis faaya gonfoo giiftittii keessa jiraachuu eere.

Daayamandiin gonfoon ittiin faayame kun Cullinan diamond jedhama, akkaan guddaa fi halluu kana jedhamu kan hin qabneedha.

Bara bulchiinsa kolonii yaadannoo guyyaa dhalootaa waggaa 66ffaa isaarratti mootii yeroo sanaa Joorji 6ffaaf kenname.

Daayimandiciin Cullinan bakka oomisha albuudaa beekamaa Afrikaa Kibbaa yoo ta'u, maqaa abbaa qabeenyaa bakkichaa yeroo sanaatiin kan moggaafameedha.

Giiftii Elizaabet akkuma waraanni addunyaa lammaffaa goolabameen wayita intala mootii turtetti biyya kolonii Biriteen taate Afrikaa Kibbaa daawwatte.

Yeroo sanatti Afrikaan Kibbaa kooluu Biriteen jalatti bulti, Mootiin Biriteen 6ffaan ammoo duree biyyattiiti.

Yeroo sanatti umriinshee waggaa 21 kan ta'e Giiftii Elizaabet, magaalaa Keeppi taawon keessatti egereenshee fi ga'eenshee akka giiftiitti maal akka ta'uuf jiru ibsite.

''Jireenyi koo gabaaduus haa ta'u dheeraa, isin tajaajiluuf aarsaa kan ta'uudha. Maatii tokko taane kana tajaajiluudha,'' jechuun dhaamsi isheen dabarsite addunyaa mara walga'e.

Daawwannaan maatii moototaa bara 1947 Afrikaa Kibbaatti taasifame akka milkaa'inaa guddaatti fudhatame.

Dhugaan jiru garuu impaayerri Biriteen daddaaqamuu eegaleera.

Akka Afrikaa Kibbaatti warri adiin lakkoofsaan muraasa ta'an addatti of baasuun aangoo qabatanii warra kaan moggaatti qoodan- Sirna Appaartaayidii hundeessan.

Bulchiinsi appaartaayidii Afrikaa Kibbaa guddoo jeeqe, miseensummaa 'Commonwealth' keessaa ishee baase, addunyaarraa qoollifatamte.

Giiftii Elizaabet deebitee biyyattii daawwachuuf jaarraa walakkaa itti fudhate.

Bara 1995 wayita Nelsan Maandeellaan pireezidantii gurraacha jalqabaa ta'an Keep Taawonitti akkaan simatamte.

Barreessaan dhuunfaa Mandeellaa, Zalda La Garange, hariiroon namoota lameenii malaalchisaa ture jedha.

Michummaan namoota hawaasa biratti beekamoo ta'anii saffisaan hagana cimuun ajaa'ibsiisaa ture jedhe.

''Yeroo tokko Maandeellaan masaraa Baakiinghaam daawwatee, 'Elizaabet ati ulfaatina kee hir'isteetta jedheen. Isa booda haati warraa Maandeellaa, 'Elizaabet jettee hin waamin, isheen Giiftii Ingilaand waan taateef' jetteen. Innis deebisee, maaliif? Isheen Nelsan naan jetti mitii? jedheen,'' jedha barreessaan Maandeellaa kun.

Haalli Maandeellaa kun giiftittii akkaan kofalchiisuus hime.

Kun kanaan osoo jiruu hariiroon biyyoota lameenii maaliif laafe? gaaffii jedhuuf kaan ejjennoo Paartiin ANC- Kan Maandeellaadhaan durfamu qabeenya Biriteen saame akka deebisu irratti qabuudha jedhu.

Rogeettiin faallaa sirna appaartaayidii fi namni siyaasaa Mamphela Ramphele jedhamtu, ''Pireezidant Maandeellaan yaada akkanaa kaasaniiru jedhee hin yaadu,'' jette.

''Giiftittiin akka nama dhuunfaatti dhimma kanatti xiyyeeffannaa kennuu malti. Dhugaan jiru garuu akka duree Biriteenitti homaa hin hojjenne. Hojjechuu mitii dhimmi kun akka ture hin amanne, jette.

Commonwealth qabeenyaa fi waan hedduu waliin qabaachuu danda'a, garuu qabeenyi waloo sun akka jirutti Landan jira jetti rogeettiin kun.

Namoota yeroo daawwannaa sanaa turan keessaa tokko Ezra Cagwe, "Waan guddaa ture. Uummanni ishee arguu akkaan barbaadaa ture. Bakkeewwan isheen daawwatte keessaa bakkan turetti namoota 10,000 ta'antu turan. Keessattuu magaalaa warrigurraachaa keessa jiraatan daawwachuunshee ammoo onnee namoota keessa akka galtu taasiseera. Magaalaa keessa turuutu irra ture, garuu isheen sodaa nageenyaa malee bakka hunda deemtee daawwatte,'' jedha.

''Asitti homaa wanti fooyya'e hin jiru. Jeequmsi, walitti bu'iinsi, waraanni, hiyyummaan ammallee hammaateera,'' jette barattoota karaarra deeman keessaa tokko.

Waa'ee maatii moototaa Biriteen hagas mara akka hin beeknee fi dantaas akka irraa hin qabne dubbatte.

Dhaloonni durii garuu carraa barnootaa isaaniif kennamaa ture yaadachuurratti haga dhaloota ammaa miti.

Ammallee namoonni paaspoortii Biriteen qabatanii Afrikaa Kibbaa jiran du'a giiftittiif gadda taa'aa jiru.