Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waa'ee du’a Giiftii kanniisatti himuu' fi sirnoota aadaa maatii moototaa keessatti adda ta'an
Giiftiin Elizaabeet II boqochuu fi Chaarlis III mootii ta'uunsaanii labsamuun dhaloota hedduun booda yeroo duraatiif kabaja guddaa maatii moototaaf kennamu mirkaneesse.
Haata’u malee aadaa fi uffanni garii namoota dhimma moototaa beekumsa qabaachuu amananis ajaaʼibsiisuu kan danda'uudha.
Kunneen wantoota baay’ee adda ta’an.
Oduu gaddaa kanniisatti himamu
Duutii Giiftii miidiyaalee gurguddaa fi miidiyaa hawaasummaa irratti ibsamus, gareen qaamaan itti dhihaatanii du’a mootiitti itti himan ni jira. Kunis kanniisa Giiftiiti.
Joon Chappeel waggoota 15 darbaniif kanniisa warra mootii horsiisaa ture. Aadaa waggoottan dhibbaan lakkaaʼamaniif raawwatamaa ture irra deebiin raawwatan.
Oduu gaddaa kanniisa masaraa Baakinghaam fi Kilaarins Haawus (bakka jireenya Mootii Chaarles gaafa ilma mootii ture) jiraataniif Giiftiin du’uu himan.
Gaaffii fi deebii gaazexaa Daily Mail wajjiin taasisaniin, Chappeel kanniisonni mootii haaraaf gaarummaa akka argisiisan gaafachuu dubbatani.
Barsiifatni kun amantii aadaarratti kan hundaaʼeedha. Akka isaan amananiitti kannisni abbaan qabeenyaa ishee jijjiiramuu itti himuu baannaan dammaa baasuu dhiisti.
“Kanaaf gaagura hunda rukuttee, ‘giiftiin du’aniiru, ammoo hin deeminaa. Gooftaan keessan haaraan hogganaa gaarii isiniif ta’a,” jechuun kanniisatti himan.
Mootiin guyyaa dhalootaa lama qabuu?
Murtoowwan ayyaanaa hedduu Mootii Chaarles III raawwachuuf deeman keessaa tokko dhimma dhuunfaati: ayyaana guyyaa dhalootasaanii kabajuudha.
Giiftii Elizaabeet II guyyaa dhalootasaanii beekamaa lama qabdi turte: Ebla 21 dhalatte garuu Kabajni guyyaa dhalootashee Sanbata lammaffaa ji’a Waxabajjii gaggeffamaa ture.
Maaliif? UK keessatti Ebilli ji’a qorraa waan ta’eef, qophiilee alaatiif mijaa’aa miti, Waxabajjiin garuu jalqaba gannaadha.
Aadaan tun durii bara 1748 mootii Joorj II eegalte. Kabajni guyyaa dhaloota ayyaanota alatti qophaa’en akka gaggeeffamu murteesse ture.
Mootii Chaarles III aadaa tanaan itti fufa jechuu? Wanti ammatii beeknu hin jiru garuu mootiin haaraan ji’a Sadaasa kan aduu fi haala qilleensaa ho’a qabu keessa dhalatan.
“Mootiin haaraan aadaa tana akkuma jirtutti dhiisa, innis waqtii arfaasaa waan dhalateef fi kabajni dhalootasaani qophii beekamaa waan ta’ef,” jedha barreessaa seenaa moototaa Riichaard Fitiziwiiliyaams.
Aadaan Biritish biroon ammoo jijjirama haala qilleensashee kan tilmaamuu hin dandeenye jedha Riichaard, waxabajjii bara 1953 yeroo giiftii Elizaabeet II muudaman fakkeenya kaasuun.
“Haalii qilleensaa baayʼee hamaa ture guyyaa san,” jedha. “Mootittii fi moototni haala qilleensaa to’achuu hin danda’an.”
Humna namaa fi humna fardaa
Bara 1901 irra kaasee sirni awwalcha moototaa Ingilaandi humna galaanaa Biriitishin raawwatama. Isaanis funyootti fayyadamuun saanduqa reeffaa harkisu.
Bakka fardaa namatti fayyadamun kun waan nama dhibu ta’u danda’a. Garuu, aadaan kun bara 1901 sirna awwalcha giiftii Viiktooriyaa irratti eegale.
Bara sun, konkolaataan reeffaa mootii qabu farda harkifamuun beekamaa ture. Garuu gaafas fardeen kunneen sodaaf baqachaa turan.
“Guyyaan sun qorra waan tureef fardeen sodaatanii turan, saanduqa reeffaa giiftii Viiktooriyaa gad-buusuuf turan,” jechuun barreessaan seenaa moototaa Keelii Suwab BBCtti himan.
Ajaja mootii Ediwaardi VII, kan giiftii Viiktooriyaa dhaaluun mootii haaraa ta’u hordofee humni galaana biyyattii sirna awwaalcha gaggeessuu eegalan.
“Namoonni beekamoon addunyaa mara irraa dhufan achi turan, dhimmichi waan qaanessaa ta’u danda’u ture,’’ jedhan.
Yeroo dhumaa bara 1952 sirna awwalcha mootii Joorj VI gaggeeffame irratti dhiirotni 138 qooda fudhataniiru.
Aadaa ulee cabsuu
Sirna kabajaa kan haala adda taʼeen gaggeeffamu kana keessatti waan namoonni hedduun hin beeknetu jira.
Akka aadaatti hogganaan mana moototaa (Lord Chamberlain) kan mootii gara parlaamaa wajjiin dhaqu dabalatee hojii hedduu qabu ulee adii itti kennamu awwaala mootii du’e irratti cabsuu qaba.
Kuni dhuma tajaajilasaa mirkaneessa.
Ammatti hogganaan Andiruu Paarker jedhama, isaaniis dhaabbata basaasa Biriitish M15 jedhamu hogganaa ture.
Gara aangootti kan dhufe Ebla bara 2021.
Aadaan kuni jaarraawwan hedduun dura kan eegaleedha. Yeroon eegee kan aadaan tun taasifamte waggoota 70n dura gaafa hogganaan duraani awwaala abbaa giiftii Elizaabeet II Joorj VI irratti uleesaa cabse.
Akka Riichaard jedhanitti aadaa kunneen Mootummaa Ingilaandiif bareedinashee kan kennituudha.
“Aadaashee kanaaf maatiin moototaa Biriitish adda taate.”