Chaarlis bara bulchiinsa haadha isaanii Giiftii Elizaabeet II faarsan

Mootii Chaarlis srina Masaraa St. Jamsiitti gaggeeffameerratti erga mootii ta'unsaanii mirkanaa'een booda bulchiinsa haadhasaanii leellisan.

Mootichi du'a haadhasaaniin booda mootii ta'an, garuu ammoo ifatti kan mirkanaa'eef sirna Sabmataa irratti.

Akkasumas mootichi guyyaan awwalchi Giiftii itti raawatamanu akka ayyaanaatti kan lakkaa'amu ta'uu mirkaneessan.

Dubbii sirna mudamaatiin dura taasisaniin, Mootiin duutii haadhasaanii ''badii deebiisuun hin danda'amneedha'' jedhanii turan.

Haaluma walfakkaatunis Ministira Mummee Liiz Tiraas dabalatee, Miseensoonni Mana maree gameeyyiin mootii haadhaaf amanamoo akka ta'an kakataniiru.

  • Mootii Chaarliis Landan keessa Masaraa St. Jeemsi keessatti haasaa taasiisaniin, ''Gadda nurra gaheef obbolaa fi obbooleettiiwwan hedduudhaan gadda ibsamee fi jaalalaa fi deeggarsa maatiiwwan kiyya hundaaf taasiftan baruu kiyyattee jajjabina olaanaatu nutti dhagahame'' jedhan.
  • Booda ammoo waa'ee ''tajaajila of qusannaa hin qabne'' Giiftiin taasisan dubbatan: ''Barri bulchiinsa haadhakoo dheerinaa, kutannoodhaa fi of kennuudhaan hunda caala'' jedhan.

"Wayita gaddaa jiruu kanattilleen, lubbuu baayyee amanamtuu kanaaf galata galchiina.''

Mootichi itti dabaluUnis ''fakkeenya nama kakaasuu'' kan haadha isaatiin kaa'aman kanneenis ''itti gaafatamummaawwan cimoo walabummaa'' fudhachuun nan hordoofuuf yaala jedhan.

Kunis erga jaarrawwan dheeraatiin as yeroo jalqabaatiif sirna seena qabeesa karaa TVn dabarfameedha.

Yeroo jalqaba gumii muuduu kan namoota siyaasaa buleeyyii fi namoota seeraa fi qondaaltootaa guutameen, mootii ta'unsaanii, mootiin mataansaa achi hin turre.

Barreessaa Mana Maree Gorsiistoota mootootaa Riichaard Tilbruuk, osoo ''Waaqi Mootii oolchi'' hin jedhamiin dura, Chaarlis ''Mootii, duree Komanwolzii, eegaa amantaa'' ta'u labsan.

Ministiroonni Mummee Biritish duraanii jahan dabalatee manni guutuun kana waliin jedhan. Isaan booda labsiin Masaraa St' Jamsii irraa hundaaf dubbifame.