Giiftii Elizaabeet fi Afriikaa: Walitti dhufeenya baroota dheeraa qaxxaamure

Giiftii Elizaabeet lammaaffan Afriikaadhaaf jaalala addaa akka qabdu kan himamee yoo ta’u, bara jireenyaa isheetti yeroowwan murteessoo ta’an garaa garaatti Ardittii dowwatte turte.

Giiftii Elizaabeet II yeroo sanaa wayita gara Keeniyaa imaluun osoo magariisa baadiyaa kan mukkeewwan dheedheeroon fi bineensootaan marfame Hoteela Tiretopis akkuma qaqabaniin, abbaa ishee Mootii Joorji jahaffaan du’uun dhagahame.

Isaan booda umurii waggaa 25tti aangoo Giiftummaa qabatan.

Giiftiin tunis aangoo giiftummaa bara 70 keessatti biyyoota afrikaa 20 ol doowwataniiru.

Yeroo tokkoos pirezidaantii Afiriikaa Kibbaa duraanii Niilsan Maandeellaadhaan ‘‘nama kamu caalaa’’ Afriikaa dowwadheera jechuun namoota isaan marsanii jiran hunda kofalchiisanii ture.

Wayita giiftii ta’aniittis bulchiinsa Afiirikaa biyyoota hedduu hamate dhaalanii turan. Bara aangoo isaaniittis Gaanaa kana bara 1957tti bilisummaa ishee gonfattee kaasee biyyoonni afriikaa 14nu bulchiinsa Ingiliz jalaa wallaba bahaniiru.

Giiftii tun garuu biyyoota bilisummaa isaanii labsatan waliin osoo hin hafne walitti dhufeenya gaarii ummachuu danda’aniiru.

Kana gochu kan danda’an irra caalaa karaa dhaabbata komanawolzii kan buulchiinsa Biriteen bakka bu’u hundeessuudhaan.

Gaanaan bara 1961tti bittaa Ingiliiz jalaa akka baatuuf kan hoggananiifi pirezidaantii biyyattii jalqabaa kan ta’an Kiwaamee Nikirumaa waliin yoo shubbisanis mul’ataniiru.

Keessattuu jecha bulchiinsa (impaayera) jedhu sirna muudamaafi kakuu bara 1953 irratti akka geeddaru taasisaniiru.

Du’a Giitii tanaa hordofuunis dureewwan afriikaa keessattuu biyyoota Biritaaniyaa fi Koomanwolzii giiftiittiin baroota dheeraaf dursite irraa ta’an gadda isaanii ibsataa jiru.

Biyya giiftuummaan isaanii itti eegale Keeniyaa, Pirezidanti Uhuruu Keeniyaataa ‘‘Fakkeenya gaarii ofiirra darbuun ilmaan namaaf ta'aajiruu kan taateefi duree UK qofaa osoo hin taane hoggantuu furtuu gamtaa komanwolzii kan Keeniyaan miseensa kabajamtuu itti taateetiis’’ jechuun ibsan.

Walitti dhufeenyi Zimbaabweefi kan Yunaayitid Kingdam baroota dheeraaf gaarii osoo hintaane kan ture yoo ta’u, pirezidaantiin du’aan boqatan Roobarti Mugaabeen biyyisaanii miseensummaa komawolzii keessaa akka baatu taasisan.

Haata’u amlee bakka bu’aan isaanii Emrsan Manaangaagewaan ‘‘gamma cimaa itti dhagahame maatii mootuumaaf, Yunaayitid Kingdamiifi warra komanwoliiziitiif’’ fuula tiwitara isaanii irratti battalumaan barreessuun ibsan.

Pirezidaantiin biyya bulchiinsa Ingilizii guddoo kan turte Naayijeeriyaa, Muhaammaadu Buhaarii gamasaanitiin, toora tiwitara isaaniirratti ibsa gaddaa dheeraa barreessaniiru. ‘‘Gadda cimaaatu natti dhagahame’’ jedhan.

‘‘Boqonnaan seenaan Naayijeeriyaa hammayyaa, naamusni idil-addunyaa fi hoggantuu olaantuu kan ta’an Giiftii Elizaabeet malee guuttu hin ta’u. Jireeniyisaanii ummatasaaniif, komanwolziif, akkasumas adunyaa guutuu bakka fooyya’aan gahuuf kennaniiru,’’ jedhan.

Aaangoon kun gara Mootii Chaarlis dhufuusaanittis gammachun akka itti dhagahame pirezidaantiin kun.

Akkasumas biyyi haaraa komanwolziitti makamteefi bulchiinsa Faransaayi jala kan turte Gaaboonis karaa pirezidaantii ishee Alii Boongoomiitiin gaddashe ibsattee jirti.

Dureewwan arditii du’a giitiitiin gaada itti dhagahame ibsatan illeen, biyyoonni afriikaa kaan ammo miidhaafi dararama bara kolonneefannaa Biritaaniyaatti irra qaqabee dubbataa kan jiran yoo ta’u, kunis maqaa maatii moototaan kan raawwatamedha jedhu.

Mootooti Afriikaa muraasni mataansaanii gadda itti dhagahame ibsaniiru. Ilmi mootii Maangosuthuu Butelezii bakka maqaa hogganaa ummataa Zuuluu kan Afriikaa Kibbaa ta’an Mootii Miisuuzuluu Kaazeweelitiinii bu’uun gaddasaanii ibsaniiru.

Mootii Chaarlis waliin walitti dhufeenyaa dhuunfaa qaban eeruun, dhuunfaatti ergaa gaddaa dhaamaniifiiru.

Abbaansaa Mootiin Miisizulii erga waggoota 50f aangoo motummaan qabatanii booda bara darbe du’aan boqatan.

Giiftiin Elizaabeet Afriikaa Kibbaa waliin walitti dhufeenya cimaa qabu ture.

Bara 1947tti guyyaa dhaloota wagga 21ffaa kan kabajatana Afriikaa Kibbaa dowwachuun ture.

Ibsa Keepi Taawooniitti raadiyoof kennaniin, akkuam jireenyasaanii komanwoliziif kennanii fi jireenyasaanii guutuu Afriikaa Kibbaa akka jiraatan hunda ‘‘Akkan waan biyya koo jiruutti natti dhagahama’’ jedhanii ture.

Ejjannoo siyaasaa isaanii ibsuun kan hin beekamne Giifti Elizaabeet lammaffaan, garuu ammo erga bulchiinsi olaantummaa warra adii muraasaa erga xumuramee, erga Maandeellaan pirezidaantii ta’anii booda 1995tti Afriikaa Kibbaa dowwatanii kan ture Giiftiin tun haasaa cimaa taasisanii akka ture himama.

‘‘Miirrii araaraa isaa kan fakkeenya addunyaa ta’e tokkummaa ummataa fideera. Anis deebii’ee dhufee ajaa’iba kana argu danda’eera’’ jechuun diqisiifannaa isaanii ibsanii ture.