Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kilabni Sa'ud Arabiyaa tokko Roonaaldoo mallatteesisuuf miindaa Birrii biliyoona 10 ol dhiyeesseef
Kiristaanoo Roonaaldoof kontiraatni hanga umuriin isaa waggaa 40 guututti taphachuu isa dandeesisu kilaba Sawud Arabiyaa Al-Naasir irraa dhiyaateef.
Akka gabaasa CBStti kilabni kun kontiraata wagga sadii Roonaaldoof dhiyeesse. Roonaaldoon kilaba kana galuuf yoo murteesse waggaatti doolaara miliyoona 75 argata.
Waggoota sadii keessatti ammoo doolaara miliyoona 225 [biliyoona 10 ol] kaffaluu akka barbaadu kilabni Al Naser kun ibseera.
Amma murtoo Roonaaldoo eegu malee hoggantootni kilabichaa fedha guddaa akka qaban himaniiru.
Yeroo ganna darbe keessas kilabni Sawud Arabiyaa tokko miliyoona 125 kaffaluuf akka barbaadu himamaa ture.
Roonaaldoon amma waancaa Adunyaa irratti biyya isaa Poorchugaaliif taphachaa jira.
Kontiraata kilaba isaa duranii Maanchister Yuunaayitid waliin qabu waan adda kuteef bilisaan kilaba barbaade galuu danda’a.
Roonaaldoon kilaboota gurguddoo Awurooppaa keessa taphachuu barbaada.
Haa tahu malee, kilebootni gurguddoon yeroo jijjiirraa waqtii gannaatti Roonaaldoo akka mallattesisuu hin barbaanne himaniiru.
Tapha Poorchugaal Gaanaa waliin taphatte irratti galchii rukuttaa peenaaliitiin lakkoofsisuun walitti aansee Waancaa Addunyaa shan kan bara 2006, 2010, 2014, 2018 fi 2022 irratti lakkoofsisuun rikardii haaraa galmeesse.
Roonaaldoon biyya isaaf galchiiwwan 119 lakkoofsisuun rikardii harkaa qaba. Kana malees akka addunyaatti taphataa kamiyyuu caalaa biyya isaa fi kilabaaf galchii lakkoofsisuun rikardii harkatti galfateera.
Roonaaldoon kilaboota taphateef waliigalaan galchiiwwan 700 ol lakkoofsiseera.
Roonaaldoon kilaba isaa Maanchister Yuunaayitid waliin waliigalteedhaan kontiraata isaa addaan kute.
Roonaaldoon gaaffiifi deebii Piir Morgaan waliin godhe irratti ‘’akkan ganame natti dhagahama’’ jedhe. Itti aansee leenjisaa kilabichaa Erik Ten Haagiif kabaja hin qabu jedhe.
Dubbiin isaa kun akka kilabichi kontiraata isaa addaan kutu godheera. Roonaaldoon bara dorgommii 2021/22 Maanchisteriif galchiiwwan 24 lakkoofsise.
Bara kana garuu gahumsa ittiin beekamu agarsiisuu hin dandeenye.