'Israa'el dubartootaafi daa'imman Gaazaa ajjeesuu dhaabuu qabdi' -Maakroon

Israa'el daa'immanii fi dubartoota Gaazaa ajjeesuu dhaabuu qabdi jechuun Pirezedantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon BBCtti himan.

Addatti af-gaaffii masaraa Éliysée keessatti BBC waliin taasisaniin, dhukaasa dhaabuun Israa'el fayyada jechuun daa’immaniifi dubartoota boombii haleeluu ''sababni itti qabatamu hin jiru" jedhan.

Israa'el mirga haleellaa ofirraa qolachuu qabduuf beekamtii ni kennina jechuun, Gaazaatti ''haleellaa boombii akkasii akka dhaabdu gaafanna,'' jedhan.

Garuu Faransaay gocha ''shororkeessummaa'' Hamaas ifatti akka balaaleffattus cimsanii dubbatan.

Faransaay - akkuma Israa'el, US, UK, fi biyyoota Lixaa biroo Hamaas akka dhaabbata shororkeessummaatti ilaalti.

Hoggantoonni biroo – kan biyyoota akka US fi UK dabalatee waamicha dhukaasa dhaabuu isaan dhiyeessanitti akka dabalaman barbaadduu? jedhamanii kan gaafataman Maakiroon, ''akka dhukaasi dhaabatu gaafachuutti akka dabalaman abdiin qaba'' jechuun deebisan.

Israa’el seera addunyaa akkaataa wal walsimuun maadheewwan waraanaa itti qiyyaafatte haleeluu fi miidhaa namoota nagaa hir’isuuf tarkaanfii akka haleellaa dura akeekkachiisa kennuufi namoonni akka baqatan akeekkachisuu ibsite.

Yaa’ii gargaarsa namoomaa Gaazaa ilaallatu Paarisitti taa’ame guyyaa tokko booda, Maakroon yaadni “guduunfaan” mootummoonni fi dhaabbileen walgahii sanarratti argaman hundi irratti waliigalan “jalqaba dhukaasni namoomaa akka barbaachisu, sana booda dhukaasni akka dhaabbatu, kanatu namoota nagaa shororkeessitoota waliin hidhata hinqabne hunda eega,’’ jedhan.

"Qabatamaatti namoonni nagaa boombiidhaan haleelamaniiru. Daa'immanii fi dubartoonni, maanguddoonni boombiin itti darbatamee ajjeefaman. Kanaaf waanti akka sababaatti kaafamu hin jiru, seeraan-ala. Kanaaf Israa'el haleellaa kana akka dhaabdu gaafanna," jedhan.

Seerri namoomaa idil-addunyaa cabuufi dhiisuu murteessuun gaheesaanii akka hin taane eeran.

'Dhukkubbii Israa'el waliin qooddanna'

Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuun yaada Maakroon dhiyeessan kanaaf deebii saffisaa kennaniin, biyyoonni Israa’el osoo hintaane Hamaas balaaleffachuu qabu jedhan.

“Yakkoonni Hamaas har’a Gaazaatti raawwataa jiru boru Paaris, Niiw Yoorkii fi bakka addunyaa kamittuu ni raawwatama,” jedha ibsi Waajjira Netaaniyaahuurraa bahe.

Mr Maakroon Faransaay haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa'elirratti raawwate waraana kakaase ''ifatti balaaleffatti'' jedhan.

Hamaas haleellaa daangaa Israa’el qaxxaamuruun tasa raawwateen namoota 1,200 ajjeesee, namoota 240 ol ammoo butee fudhate.

"Dhukkubbii [Israa'el] ni qooddanna. Fedhii isaan shororkeessummaa irra aanuuf qabanis ni qooddanna. Faransaayitti shororkeessummaan maal jechuu akka ta'e ni beekna."

Garuu Gaazaa keessatti lammiilee nagaa boombiin haleeluuf ''sababni hin jiru'' jedhan.

"Sababa qajeeltoowwan keenyaan, sababni isaas nuti dimokiraasii waan taaneef, hunda keenyaaf garmalee barbaachisaa dha.

"Yeroo gabaabaaf ta’e dheeraa keessatti nageenya Israa'eliif, lubbuun namoota hundaa gatii akka qabu hubachuun barbaachisaadha," jedhan.

Maakiroon Israa'el Gaazaa keessatti seera idil-addunyaa cabsitetti jechuurraa of qusatan.

"Ani abbaa murtii miti. Ani hogganaa biyyaati," jechuun Israa'el haala kanaan qeequun sirrii miti jedhan.

Israa’el erga haleelamtee ji'a tokko qofa booda - "michuu keenya" akkanatti qeequun sirrii hin ta'u jedhan.

Maakroon Israa'el karaan haleellaarra of eegdu boombii guddaa Gaazaarratti dhoosuudhaan isa jedhutti hin amanan.

Kun sirumaa naannichatti ''aarii fi miira badaa'' uumuun waraanicha dheeressa jedhan.

Ji’a tokkoof Israa’el Gaazaa boombii erga haleelte fi weerara lafoo guddaa Gaazaatti erga bantee gara torban lamaa booda, Ministeerri Fayyaa Gaazaa Jimaatarra namoonni 11,078 ajjeefamuu fi miiliyoona 1.5 qe’eesaaniirraa baqachuu ibse.

Israa’el haleellaa kaaba Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu guyyaatti sa’aatii afuriif addaan kutuuf akka jirtu ibsiteetti.