Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamaas haleellaa Israa'elitti gaggeesseen namoota nagaa hin ajjeefne jedhee waakkate
Hoogganaan olaanaan Hamaas tokko gareen isaanii Israa'elitti namoota hin ajjeefne jedhan. Kan irratti xiyyeefatamees loltoota qofaadha jedhan.
Muusaa Abu-Maarzuuk BBCtti akka himanitti, ''haleellaa Hamaas gaggeesse dubartoota, daa’immaniifi namoota sivilii [nagaa] ta’an irratti hin xiyyeeffanne.”
Yaadni aanga'aa kun ragaa viidiyoo hidhattoonni Hamaas osoo dargaggoota sivilii ta’aniifi daa’imman irratti dhukaasuu agarsiisuun baay'ee faallaa kan ta'edha.
Haleellaa Onkololeessa 7 raawwatameen namoonni 1,400 ol ajjeefamuufi hedduun isaanii namoota nagaa ta'uusaanii Israa'el beeksifteetti.
Seerota farra-shororkeessummaa Yunaayitid Kingidamiin qabeenya isaaniirratti dhorkaan kan kaa’ame itti-aanaa garee kanaa kan ta'an Maarzuuk Sambata BBC waliin turtii taasisaniiru.
Haleellaa Onkololeessa 7 gaggeeffame as aanga’aa olaanaa garee kanaa BBC waliin gaaffiifi deebii tasisanidha.
Waraana Gaazaarratti gaggeeffamaa jiru, keessumaa namoota butamanii Gaazaa jiran irratti addatti xiyyeeffachun Maarzuukiif BBC irraa gaaffiin dhiyaateeraaf.
Osoo Israa’el Gaazaa boombiidhaan reebaa jirtuu namoota butaman bilisa baasuun hin danda'amu jechuun deebii kennan.
Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu Israa’el haleellaa osoo walirraa hin citiin ji’a tokkoof gaggeessiteen namoonni kuma 10 ajjeefamaniiru jedhaniiru.
“Nuti isaan [warra butaman] ni gadhiifna. Garuu waraanni dhaabbachuu qaba,” jedhan.
Muusaa Abu-Maarzuuk namoota lammummaa Israa’el-Raashiyaa qaban saddeet butamanii jiran ilaalchisuun mariyachuudhaaf dhiyeenya kana gara Mooskoo deemanii ture.
Miseensonni Hamaas Gaazaa jiran dubartoota Raashiyaarraa dhufan butaman lama arganillee sababa walitti bu’insaatiin gadhiisuu akka hin dandeenye dubbatan.
Warra butaman gadhiisuun kan danda'an ”warri Israa’el waraanicha dhaabanii Fannoo Diimaatti dabarsinee kennuu yoo dandeenyedha,” jedhan.
Haleellaa Onkololeessa 7 ilaalchisuun gaaffii BBC irraa dhiyaateef Maarzuuk, damee waraanaa Hamaas kan ta'an dursaan Birgeedii Al-qaasam, Mohaammad Al-Diif miseensonni namoota nagaa akka hin tuqne ajajuusaanii himaniiru.
“Al-Diif loltootatti ‘dubartii hin ajjeesiinaa, daa’imman hin ajjeesiinaa, akkasumas namoota umuriin isaanii deeme hin ajjeesiinaa,” jechuun ifatti dubbataniiru jedhan.
Haata’u malee, loltoonni eeggatoo “irratti xiyyeeffatameera” jedhan.
Kanneen ajjeefaman, “waraanicha waliin kan hojjetan… ykn loltoota” qofaa warra addatti irratti xiyyeeffatamedha jechuun dubbatan.
Dubartoonni, daa’immanniifi siviloonni “irra darbamuu” ibsaniiru.
Kaameraa loltoota Hamaas irraa viidiyoowwan argaman bu’uura godhachuun namoonni nagaa meeshaa hin hidhatiin konkolaataasaanii keessatti, akkasumas manasaaniitti rasaasaan ajjeefamuu isaanii BBC cimsee aanga’aa olaanaa Hamaas kana gaafateera.
Yeroo gaaffiifi deebii kana takka takka gara aaruutti deemanillee Maarzuuk deebiin isaan kennan kan itti yaadame yoo ta’u, gaaffii dhiyaateefis deebii kallattii hin kennine.
Dameen siyaasaa Hamaas qophii haleellaa ture sanaaf taasifamu beeku yoo ta’eef gaaffii dhiyaateef itti-aanaan hoogganaa kun, “dameen waraanaa hoggantoota siyaasaa waliin mariyachuun irra hin jiraatu, hin barbaachisuus,” jedhan.
Dameen siyaasaa Kataar jiru yeroo baay'ee damee waraanaa Gaazaa keessa jirurraa akka fagaatetti ibsama.
Mootummaan Yunaayitid Kingidam lamaan isaanii gidduu garaa garummaa bara 2021 damee siyaasaa Hamaas akka dhaabata shororkeessaatti farrajeera.
“Hamaas waan akka damee gara garaa qabutti godhanii dhiyeessuun waan hin fakkaannedha. Hamaas walxaxaa ta’us garee shororkeessaa tokkodha,” jechuun ibseera.
Maarzuuk US Tireezharii Dippaartimantiin haala adda ta’een sadarkaa addunyaatti shororkeessaa jedhamuun farrajameera.
Sochii hamaas qindeessuudhaan, akkasumas maallaqaan deeggaruudhaan himanni irratti banameera.
Gidiraa namoota butamanii
Gaaffiifi deebiin kun kan gaggeeffame gara Gaazaa gargaarsi akka galuufi Hamaas ammoo namoota butee fudhate 240 hanga tokko akka gadhiisuuf ”dhukaasa namoomaa dhaabuun” akka taasifamuuf gaaffii Ameerikaan dhiyeessite Israa'el hin fudhadhu jechuusheetiin boodadha.
Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu waliigalteen yeroof dhukaasa dhaabuu kamiyyuu taasifamuun dura namoonni butaman gadhiifamuu qabu jedhan.
Maarzuuk ibsa maqaa namoota “keessummoota” jechuun waame Hamaas akka qabatee hin jirreefi baay'een isaanii eessa akka jiran akka hinbeekne dubbatan.
Kanaaf ammoo sababa kan jedhan namoonni butaman kunneen “gareewwan gara garaatiin” waan qabamaniifidha.
Filisxeem Islamiik Jihaad dabalatee Gaazaa keessa Hamaas waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetan, garuu of kan danda’an garee baay'eetu jiru jedhan.
Ragaa cimsachuudhaaf dhukaasa dhaabuun ni barbaachisa ture jechuun Gaazaan haleellaa boombii keessa wayita jirtutti dhimmoonni biroon dursi kennamuuf akka jiru dubbatan.
Maarzuuk haala walitti bu'iinsa Israa'el waliin jiruurratti gahee guddaa kan taphatu yoo ta’u, marii namoota butaman ilaalchisuun taasifamuurrattis adda-durummaan hirmaachuu danda’u.