Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Heloo! Biiroo Tika Israa'elirraan bilbila. Manakee boombiin haleeluuf ajajamne, sa'aatii lama qabda'
Bilbilli Dhaabbata Basaasaa Israa'elirraa barii barraaqa Maahmud Shahiin bilbilamee ture.
Kamisa Onkololeessa19, 2023 naannoo sa'aatii 12:30'tti Israa'el guyyoota 12ffaaf walitti aansuun Gaazaa boombiin yeroo haleelaa turtedha.
Maahmud yeroo sana mana jireenyaasaa darbii gamoo sadaffaa kutaa ciisichaa sadii qabu kan al-Zahiraa, naannoo kaaba Gaazaa keessatti argamu keessa ture.
Hanga ammaatti haleellaa qilleensaatiin baay'inaan irratti hin qiyyaafatamne. Osoo haala kanaan jiru Maamuf alarraa sagalee wacaa guddaa dhaga'e. Namoonni iyyaa turan.
"Miliquu qabda" jedhee namni tokko daandiirraa. "Sababnisaa Israa'el gamoowwan boombiin haleeluuf" jirti jedhee itti iyye.
Gamoo keessa jiraatu keessaa bahee karaa qaxxaamuree, bakka nageenya qabu barbaadaa osoo jiruu bilbillisaa ife.
Wayita bilbilasaa ilaalu, bilbila lakkoofsa dhuunfaarraa bilbilamee ture.
"Dhaabbata Basaasa Israa'elirraan si bilbilaan jira," naan jedhan jedha Maahmud.
Bilbilli sun sa'aatii tokkoo ol otoo hin cufamiin ture - Maahmud bilbilli sun jireenyakoo keessatti bilbila garmalee na rifachiisedha jedhe.
'Gamoowwan sadii akka haleellu ajajamneerra'
Namni bilbilaan Maahmuditti haasa’u maqaasaa guutuu himachuun Afaan Arabaatiin otoo hin dogoggoriin sirnaan itti dubbate.
"Gamoowwan sadii boombii haleelu akka barbaadu natti hime... namoota naannicha jiraatan akka bahan akkan hubachiisu natti hime" jedhe.
Gamoo Maahmud keessa jiraaturratti kallattiin hin qiyyaafatamne - garuu akka tasaa namoota dhibbaan lakkaa'aman gamoo sana keessaa baasuuf itti gaafatamummaa fudhate. "Lubbuu namootaa baraaruun narra ture," jedha.
Yaada isaa walitti qabatee namicha Abu Kaalid jedhee of ibseen, bilbilakee hin cufatiin jedheen.
Maahmud ogeessa fayyaa ilkaanii ganna 40 yoo ta'u, maaliif hojii kanaaf akka filatame akka hin beekne dubbata.
Garuu guyyaa sana hawaasa isaa nagaa baraaruuf waan danda'u hunda godhe.
Sagalee namoota hin beekneen qajeelfamee, baatiriin bilbilasaa dhumullee, haleellaan boombiin akka dhaabbatu kadhatee, namoonni akka haleellaa boombii jalaa baqatan hanga qoonqoon isaa dhukkubuutti itti iyye.
Maahmud ollaasaa jumlaan akka baqatan taasise - sana booda ollaasaa boombiin wayita darbatamu ijasaatiin arge.
Waldhabdee kana keessatti Waraanni Israa'el yeroo kaan jiraattoota Gaazaa haleellaa qilleensaa raawwachuu akka jiru dursee akeekkachiisuuf bilbila.
Bilbilli Maahmudiif bilbilame kana akeeka.
Maahmud erga jiraattonni al-Zahraa hedduun nama waamichi akeekkachiisa haleellaa boombii simate isa ta’uusaa himanii booda BBC'tti dubbate.
Qabiyyee bilbila sanaa keessatti haasa’ame addatti mirkaneessuu hin dandeenyu, torban sadii booda waan yaadatu garuu Maahmud himeera.
Wanti inni himu kan garee Feesbuukii hawaasaa guyyaa sanarratti qoodameen wal sima, akkasumas suuraawwan saatalaayitii boombiin dhohu duraafi boodaa kaafame waliin walsima.
Guyyaa sana waraanni Israa’el yoo xiqqaate gamoowwan 25 namoonni dhibbaan lakkaa’aman keessa jiraatanirratti boombii darbachuun naannoo guutuu barbadeessee, namoota mana malee hambise.
Namoonni mi’a muraasa fudhachuu danda’an qabatanii baqachuuf kan dirqaman yoo ta’u, xumurarratti Gaazaa keessa faffaca’an.
Waraanni Israa’el maadheewwaan waraanarratti qiyyaafachuu hima. Gochoonni kun ''tumaalee seera idil-addunyaa'' jala jiraachuu dubbata.
'Dhukaasa akeekkachisaa dhukaasu'
Maahmud yeroo namichi dubbachuu jalqabu amanuun dadhabee jedhe.
Namoonni naannoo isaa jiran bilbilli sun tarii soba ta'uu akka danda'u akeekkachiisan.
Erga waraanni jalqabee garee Fesbuukii hawaasaarratti akeekkachiisa ergaawwan bilbila sobaa fi ajaja Israa'el isa dhugaa adda baasuurratti gorsi kennamu qoqqoodamaa ture.
Maahmud nama isaaf bilbileen wanta natti himte dhugaa ta'uusaa mirkaneessuuf dhukaasa akeekkachiisaa dhukaasi jedhee gaafate.
Warri ammallee rafaa jiran iyya daandiirraa yoo hin dhageenye ta'e sana booda dhukaasa sana ni dhaga'u jedhee yaade.
Dhukaasni akeekkachiisaa eessaa akka dhuka'u iddoon isaa hin beekamu, tarii dhukaasa dirooniitin, kutaa gamoo haleelamuuf jiru tokko rukuti jedheen.
"'Boombii otoo hin darbatiin dura dhukaasa akeekkachiisaa biraa akka dhukaasun gaafadhe," jedha Maahmud. Si’a lammaffaaf irra deebiin bilbilameef.
Amma Maahmud dhugaa ta'uu isaa erga baree booda namichi akka obsuuf gaafate.
"Akkas jedheen itti hime: 'Utuu namoonni ammallee baqachaa jiranii nu gantee boombii nutti hin darbiin' jedheen gaafadhe" jedhe.
Namtichi bilbileef Maahmudiif yeroo murtaa’e akka kennu dubbate - Namni kamiyyuu akka du'u hin barbaannu jedhee natti hime jedhe ogeessi fayyaa ilkaani kun.
Maahmud akka himutti, namni tokkollee akka miidhamu hin barbaadu jedheen.
Maahmud namoonni akka baqatan gaafachaa, ollaa sanatti fiigaa osoo jiruu haasaan bilbila kana itti fufe.
Ollaan tokko ogeessi fayyaa ilkaanii kun akka iyyu yaadachiise. Sana booda namoonni kaanis iyyasaatti dabalaman.
Ganama sana namoonni dhibbaan lakkaa'aman daandiitti yaa’an. Jiraattonni magaalaa yeroo baay'ee nagaa qabdu kanaa iyyaafi fiigaa turan.
Gariin isaanii uffata halkan uffatan bijaamaa ykn uffata yeroo kadhannaa uffatamu uffataniiru. Naannichi - laga Waadi Gaazaa irraa gara kaabaatti argamu.
Bakka Israa'el jalqaba waraanni yeroo eegali namoonni nagaan gara kibbaatti akka baqatan ajajaa turte.
Bakka kanatti mana jireenyaa akkasumas suuqii, kaafteeriyaa, yunivarsiitiiwwan, manneen barnootaa fi paarkiiwwanitu argama.
Paarkiiwwan kana keessatti namoonni walitti qabamuu kan jalqaban.
Maahmud sababa maaliif ollaasaa boombiin haleeluuf akka irratti xiyyeeffatame hubachuu hin dandeenye.
"Boombiin haleeluu akka dhiisu amman danda'e gaafadheera. 'Maaliif boombii itti darbachuu barbaadde?' jedheen.
"Wanti nuti arginu, kan isin hin argine jira'' jedhe. Namichi maal jechuu akka barbaade hin ibsine jedhe.
"Ajaja namoota anaafi si caalurraa kennamedha, boombii akka itti darbannu ajajamneerra" jechuun itti himamuu Maahmud himeera.
Yeroo naannoon gamoowwan kanarraa namoonni baqatan boombii haleeluun akka jalqabu itti himamu Maahmud beeksisera.
Maahmud taate kanatti ni rifate - yoo dogoggoraan gamoo biraa boombiin rukutehoo? jedhee gaafannaan,
"Xinnoo eegi" jedhee namichi natti hime jedha. Gara boodaa xiyyaarri Israa'el tokko irra marsuu jalqabe.
Maahmud gamoowwan sadan mana jireenyaasaa cina jiranirraa ija buqqifachuu dide. Sana booda gamoowwan sana keessaa tokko boombii itti darbatame.
"Gamoon haleeluuf barbaannu isa kanadha, irraa fagaadhaa" jedhe namichi bilbilaan battala yeroo gamoon sun kufe jedha Maahmud.
Sana booda bilookiin gamoo kanaa biroo lamaa barbadaa'an jedhe.
Yeroo haleellaan boombiin sun dhaabbatu Maahmud sagalee bilbila akkas jechuun itti hime yaadata: "Xumurreerra... Mana keetti deebi'uu dandeessa" jedhame.
Maahmud waan sana booda ijaan arge hubachuuf rakkate. Maahmud mandara Gaazaa kana keessa waggoota 15'f jiraate.
Manni yaalaasaa maamila hedduu horateera, akkasumallee ijoolleesaa achitti guddifataa ture.
"Al-Zahraan naannoo namoota siviilii akka ta'e itti hime. As namni iddoo biraarraa dhufe hin jiru jedheen hubachiisuuf yaale. Naannoo daangaa miti, kanaan dura walitti bu’iinsi hin jiru. Yeroo hunda naannoo hokkorarraa biilisa ta‘edhan," jedheen jedha.
Sana booda barreeffamni ganama sana garee Fesbuukii hawaasaarratti maxxanfame ollaan namoota mana malee hafaniif siree, nyaataa fi bishaan akka dhiyeessan gaafatu ture.