Gatii xaa'oo Itoophiyaatti %300n dabaleefi yaaddoo qonnaan-bultootaa

''Sababii gatiin xaa'oo bara kana dachaa sadiin dabaleetiin bara dhufu ni beelofna jennee yaddoo keessa galleerra',' jedhu qonnan bulaa Godina Arsii Obbo Abbuu Maammoo.

Bara darbe oomishni isaanii sababa roobaan jalaa manca'uu kan himan Obbo Abbuun, bara kanas yeroodhaan gara qonnaatti galuuf eeganis roobni erga roobee amma ji'a saddet darbeera jedhan.

Sababa goginsa mudate kanaan horiin jiraattoota naannoo isaanii hedduu jalaa dhumuu kan himan Obbo Abbuun, ''waan gurgurree xaa'oo ittiin bitannu hin qabnu'' jedhe.

''Duraan xaa'oon Kiiloogiraamni 100 birrii 1,600 ture. Bara kana gara 5,000 gahee jira. Qonnaan bulaan qallaba [nyaataaf] of dadhabaa jira. Kanaaf xaa'oo bitachuunis hedduu ulfaatee jira.''

Jalqaba xaa'oo argachuun mataansaa rakkoo akka ture kaasanii, amma garuu mootummaan dhiyeessaafii akka jiru himan. Erga mootummaan dhiyeessee booda ammoo gatii garmalee dabaluunsaa qonnaan bulaan akka hin bitanne godhee jira jedhan.

Daldaltoota dhuunfaa biratti ammoo kan motummaa dhiyaatu kana caalaa akka qaalii tahe himan.

Qonnan bulaan gara biraa godina Arsii aanaa Suudee Obbo Gabiyyoo Bukkooy, bara darbe xaa'oo kuntaala tokko birrii 1,800 bitachuufi amma garuu 4,000 galu BBCtti himan.

''Hanga ammaatti nama humna qabu yoo tahe malee, namni xaa'oo bitachuu hin dandeenye. Midhaan bara darbes sababa roobaan bade. Waan gurgurree bitannu hin qabnu,'' jedhan.

Gatii xaa'oof qofa osoo hin taane oomishni isaanii bara darbee sababa roobaan baduun wal qabatee, nyaataaf illeen rakkataa akka jiran himu.

Obbo Gabayyoonis akkuma Obbo Abbuu horiin aanaa isaanii sababa goginsa bara kana mudateen jalaa dhumuu himan.

Obbo Gabiyyoon, ''dur qonnaan bulaan horii gabbisee gurgurate xaa'oo bitaa ture. Bara kana ammoo kunis ni ulfaate'' jedhan.

''Haala amma jirruun fuulduratti beelli guddaan nu mudataa laata jennee sodaana.''

Qonnaan bulaan biraa BBC'n godina Horroo Guduruu Wallaggaa irraa dubbise, gatiin xaa'oo bara darbe birrii 1,600 bitaa turan baran 5,300 galuu himu.

Sababa rakkoo nageenyaa naannicha jiruun waliqabtee inumaayyuu oomishachuuf rakkoo keessa jiraachuu kan himan qonnaan bulaan kun, gatiin xaa'oo ammoo akka isa 'cittoo irratti fanxoo' jedhan sanaa akka isaaniitti tahe himu.

Qonnaan bulaan lafti isaanii xaa'oo malee callaa gaarii kennuu akka hin dandeenye himanii, haalli qilleensa jijjiramuunis rakkoo biraa itti tahuu dubbatu.

Mootummaan maal jedhe?

Itoophiyaan xaa'oo oomisha qonnaatiif oolu kan galchitu biyya alaa irraati. Warshaan xaa'oo alaa galfamu kana hanga tokkoo hir'isuuf jecha biyya keessatti xaa'oo oomishu ijaaramuu jalqabuun miidiyaatti himamuunsaa ni yaadatama.

Haata'u malee ammaan tana sadarkaa maal irratti akka argamu ilaalichee BBC odeeffannoo argachu hin dandeenye.

Gatii xaa'oo alaa galu kanas tumsa [deeggars amaallaqaa] gochuun biyya keessa kan galchu mootummaadha.

Naannoon Oromiyaa hanga ammaatti xaa'oon gara kuntaala miliyoona 5.6 ta'u bitamee qonnaan bulaaf raabfamaa jiraachu dubbatu, Biiroo Qonna Oromiyaatti Daarikterri fedhii fi itti fayyadama callaa guddistuu Obbo Taakkalaa Qurundee.

Bara kana bitamee akka biyya galuuf kan karoorfamee ture gara kuntaala miliyona saddetii ta'uu kan himan Obbo Taakkalaan, hanga ammaatti akka bitamuuf kan eeyyamame miliyoona shanii fi kuma shan ta'uu dubbatu.

Kunis guutummaan isaa biyya keessa hin galle. Haata'u malee bara darbe bitamuun kan mana bahe xaa'oon gara kuntaala kuma 800 akka jiru himuun, isa itti dabalanii gara kuntaala miliyoona 5.6 kan ta'u qonnaan bulaaf rabsaa akka jiran himan.

Hanga ammaattis xaa'oo kuntaala miliyoona 3.2 tahuu harka qonnaan bulaa galuu himaniiru.

Fedhiin xaa'oo waggaa waggaan dabalaa jiraachuu kan eeran aanga'aan kun, gatiin isaa bara kanas %300 akka dabale dubbatan.

Kunis sababa hanqina sharafa alaa fi rakkoo adunyaan keessa galteen kan wal qabate akka ta'e himan.

Kan amma argatanis biyyoota adunyaa kaan waliin dorgomamii kan bitan ta'u kaasuun, sababiiwwan garaa garaatiin biyyoonni duraan xaa'oo oomishan bara kana akka durii isaanii oomishuu akka hin dandeenye dubbatan.

Obbo Taakkalaan qonnaan bultoonni gatii ammaa kanaan bitachuu hin dandeenye bifa liqaan akka fudhataniif hojjecha akka jiranis himaniiru.

Kanaan alattis qonnaan bulaan wantoota naannoo isaaniitti argamu irraa kompoositii ykn xaa'oo umamaa qopheeffachuun akka falatti kaasaniiru Obbo Taakkalaan.

Haata'u malee, lafa heektaara tokko ta'u kompoositiin ykn xaa'oo umamaa gahu hanga kuntaala 100 fi isaa olii waan ta'eef hanga kana qopheessuun ulfaachuu akka danda'u himu.

Bara darbe akka naannoo Oromiyaatti xaa'oon rabsame kuntaala miliyoona 6.8 akka ture Obbo Taakkalaan himaniiru.

Taateewwan addunyaa dabala gatii kanaaf gummaachan

Waggoota lamaan darban keessa biyyoonni baha Afrikaa sababa weerara awwaanisaafi goginsaatiin hedduu miidhamaniiru.

Waraanni Yuukireenii fi Raashiyaas akkasuma gatii xaa'oo fi midhaan nyaataa irratti qaala'insi akka mudatu taasiseera.

Biyyootiin xaa’oo oomishan gurguddoon sababa Covid-19 oomisha isaanii waan hir’isaniif, keessumaa gatiin gaazii uumamaa xaa’oo yuuriyaa jedhamu omishuuf barbaachisu waan dabaleef gatiin xaa'oo dabaluutu himame.

Chaayinaa fi Raashiyaan hamma oomisha isaanii biyya alaatti ergan waan hir’isaniif, sadarkaa addunyaatti hanqinni xaa'oo olaanaa ta’e uumamuu isaa akka sababaatti dhimmota eeraman keessaayi.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) hanqinni xaa'oo dabalataan namoota miiliyoona torba tahan hanqina nyaataaf saaxila jechuun akeekkachiiseera.

Bara 2022tti oomishni miidhaan biilaa bara dabre toonii miiliyoona 45 ture gara toonii miiliyoona 38tti gadi bu'as jedheera.