Gatiin xaa'oo dachaa oliin dabaluun qonnaan bultootatti yaaddoo uume

Itoophiyaatti gatiin xaa’oo waan dabaleef “lafti keenya utuu homaa itti hin facaafamiin turuu danda’a,” jechuun qonnaan bultoonni yaaddoo isaanii BBC’f ibsaniiru.

Gatiin xaa’oo baranaa kan wagga darbee waliin yemmuu madaalamu %150 oliin dabaleera. Kunis qonnaan bultootaaf mataa dhukkubbii erga ta’e bubbuleera.

Bara darbe xaa’oo kuntaalli tokko kan birrii 1700’n gurguramaa ture, barana gatiin isaa dacha oliin dabaluun birri 4200 galeera.

Qonnaan bultoonni BBC’n dubbise gatiin akkas dabaluun isaa kun qonna isaanii irratti miidhaa guddaa akka uumu dubbatu.

“Karoori koo baranaa xaa’oodhaaf birrri kuma 25 nan baasa kan jedhu ture. Amma garuu dachaa oliin dabalee birri kuma 50 ol darbeera. Kanaaf akkam godheen miidhaan facaasa?” jechuun gaafatu qonnaan bulaa Geetee.

Gatiin dabalaa deemuun kun midhaan xaa’oo hin barbaannee fi baasii hin baasisne akka filannootti akka ilaalan isaan taasiseera.

Qonnaan bulaan Geetee “hanga ammaatti xaa’oo tokkoyyuu hin bitne, oyruu bonaafiyyuu namarraa liqeeffadheen facaase, akkamiin akkan deebisee kaffaluyyuu yaaddoo natti ta’eera,” jedhu.

Qonnaan bulaan biraa Obbo Shuumatis yaaddoo wal fakkaataa qabu.

“Ganda keenyatti ganamaa fi galgala haasaan dhimma xaa’oo erga ta’ee bubbuleera,” jedhu.

Lafa isaanii midhaaniin guutuuf yoo xiqqaate NPS kuntaala 8 fi xaa’oo Yuuriyaa kuntaala 4 akka isaan barbaachisu kan ibsan qonnaan bulaan kun, kana bitachuuf ammoo dandeettiisaa waan hin qabneef furmaatii biraan yoo hin argamne guutummaatti qotuu akka hin dandeenye himu.

“Ani qonnaan bulaa hiyyeessadha. Gatii jedhameen bitee qotuu hin danda’u. Ijoolleenkoo waan muratan akka qabaataniif boqollo muraasa yoon facaasa ta’e malee, kanaan achi maalan qotadha,” jedhu.

Itoophiyaan torbe darbe xaa’oo kuntaala miliyoona 12.8 ta’u bituu ishee ministeerri qonnaa ibseera.

Hanga ammaatti kan biyya gale gara naannoleetti raabsamuu akka eegale ministeerichatti ministirri dame invastimantii fi bittaa Dr Soofiyaa Kaasaa BBC’tti himaniiru.

Kan bara darbeen yoo madaalamu gatiin xa’oo %150’n dabaleera kan jedhan Dr Soofiyaan, waliigalteen bittaa dursamee waan godhameefi malee akka gabaa ammaatti gatiin dabalu kanarra kan caalu ta’a ture jedhaniiru.

Gatiin xaa’oo maaliif dabale?

Dr Soofiyaa gatiin dabaluu kanaaf akka sababa dursaatti kan kaasan sadarkaa addunyatti gatiin xaa’oo dabaluu isaadha.

“Akka biyyaatti dursinee caalbaasii baasne waliigaltee waan taasisneefi amma gatii fooyya’aa jedhamu kan arganne,” jedhu.

Biyyootiin xaa’oo oomishan gurguddoon sababa Covid-19 omisha isaanii waan hir’isaniif – keessumaa gatiin gaasii uumamaa xaa’oo yuuriyaa jedhamu omishuuf barbaachisu waan dabaleef, warshaaleen oomishaa ala waan ta’aniif akkasumas Chaayinaa fi Raashiyaan hamma omisha isaanii biyya alaatti erganii waan hir’isanii turaniif, sadarkaa addunyaatti hanqinni guddaa ta’e uumamuu isaa akka sababaatti ibsaniiru.

Adeemsi bittaa kan barfates sababa kanaan irra daddeebiin caalbaasii baasuuf waan dirqamaniif akka ta’e eeraniiru.

Ta’us garuu xaa’oo ammaa seenaa jiru bakkeewwan dursanii faacaasan adda baasuun naannoleen seeraan akka raabsanif hojjatamaa akka jiru Dr Soofiyaan ibsaniiru.

Dabalataanis qonnaan bultoonni xaa’oo nam-tolchee qofa osoo hin taane xaa’oo uumamaa fayyadamuun akka oomishuu danda’aniif naannoleen sochii guddaa gochaa jiru jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni BBC’n haasofsise garuu xaa’oo uumamaa danuu akka fayyadamnee fi lafti isaani xaa’oo nam-tolchee akka bare himuun rakkoo qaban ibsaniiru.

Kanaaf mootummaan piroojektoota dheerachuu qaban dheeressuun qonnaan bultoonni gatii madaalawaan xaa’oo akka argataniif taasisuu akka qabu himu.

Gaaffiin qonnaan bultootaa kan dhiyaateef Dr Soofiyaan “ itti aansuun ilaallee kallattii mootummaan fudhatu ni beeksisna. Amma mootummaan xiyyeeffannoo itti kenne kan hojechaa jiru dhiyeessi irrattidha,“ jechuun deebii kennaniiru.

Dabaluunis Itoophiyaan wagga darbe bittaa xaa’oo kuntaala miliyoona 17 taasiste irraa barana miiloyoona 5’n kan hir’atu ta’uu ibsuun, “fedhii jiru keessaa walumaa galatti %70 kan ta’u bitamee, waqtii itti aanutti ammoo bittaan dabalataa jirachuu mala” jedhaniiru.

Itoophiyaan dursaa xaa’oo kan bittu biyya Moorokoo irraa akka ta’es ibsaniiru.