Ajajoonni waraanaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF waan mari'atanii irra gahan ummataaf ibsuufi

Mootummaa Itoophiyaa fi humnoota TPLF gidduu mariin torban kana Naayiroobiitti taasifamaa ture bu'aansaa ibsa har'a kennamuun barama.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa lama kan lakkoofsise yoo tahu mootummaa fi TPLF Afrikaa Kibbaatti waliigaltee nagaa buusuu mallatteessuun boodadha mariin Naayiroobii kuni kan itti fufe.

Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaatti Sadaasa 2,2022 waliigalteen mallatteefame, waraana dhiiga namoota kumaan lakkaa'aman dhagaalaase dhaabuu, nagaa waaraa fiduu, deeggarsa namoomaafi bu'uuraaleen misoomaa akka dhiyaatan gochuu akkasumas TPLF waraana hiikachuu dabalata.

Haala kanaan waliigalteen mallattaa'uun sa'atii 24 keessatti qaamoti lameenuu hoggantoonni waraanaa isaanii haasaa akka taasisan kan ibsame yoo tahu, guyyaa shan keessatti immoo haalli hidhannoo hiikkachiisuu hojiirra akkatti oolu karoora qabameen Naayiroobitti mari'achaa turaniiru.

Wiixata irraa kaasee mariin cufaatti adeemsifamuu jalqabe guyyoota sadiif qofa akka turu himamus guyyoota dabalataa lamaaf dheeratee hamma Jimaataatti tureera.

Naayiroobii wiirtuu Kaaran Mooranitti qaamota lameeniifi kanneen jaarsummaan tajaajilaniin alatti eenyuyyuu akka galuu gatii hin eeyyamamneef hamma yoonaa haalli jiru, adeemsa marii fi bu'aa argame irratti waanti barame hin jiru.

Guyyaa jalqabaa marii kanaa irratti qaamoti lameen jiraattoota Tigraayiif deeggarsi namoomaa dhorkaa tokko malee akka dhiyaatuuf taasisuun dhimma yeroon hin kennamneef tahuusaa akkasumas bu'uuraaleen misoomaas saffisaan hojii akka eegalan ni taasifamaa jedhaniitu turan.

Gorsaa nageenya biyyaalessaa ministira mummee Obbo Reediwaan Huseen Jimaata darbe ergaa Tiwiitar isaanii irratti kaa'aniin, haala kanaan dura tureen addatti gargaarsi gara Tigraayi galaa jiraachuu himaniiru.

Tahus dubbii himaan TPLF Obbo Geetaachaw Raddaa haalli gargaarsaa akka jedhamu akka hin taane AFP'tti himaniitu turan.

Mootummaan gamasaan hulaawwan gara Tigraay geessan marti deeggarsa namoomaaf banaa akka tahan Jimaata darbe beeksiseera.

Waraana lubbuu namoota baay'ee galaafate dhaabsisuuf waliigaltee mallatteefamees tahe marii amma adeemsifamaa jiru kana kan hoggane Gamtaa Afrikaa yoo tahu, jaarsummaan pirezidantoonni duraanii Naayijeeriyaafi Keeniyaa akkasumas pirezidantiin itti aantuu Afrikaa Kibbaa duraanii gahee guddaa qabu.