Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Falmii dhimma ‘kafana Yesuus Kiristoos’ Xaaliyaaniitti argamu irratti ka’an
Uffanni Yesuus Kirsitoota erga fanniifamee du’een booda akka ittiin kafaname ta’eetti amanamu Xaaliyaan keessatti argama.
Qorattoonni Xaaliyaaniitti argaman uffata kafanaa ykn reeffii ittiin marame, barra Iyyesuus biyya lafaarra jiraataa ture kan hojjatame ta’uu sirriitti mirkanneesine jedhan.
Qorannoonsaanii waggaa lamaan dura maxxanfamee, uffanni reeffaa kan bara jidduugalaa kan hojjatamee fi yaada soba jedhu ni falma.
Qorattonni kunneenis barreeffamichi haala olaanaadhaan kan intarneetii gubbaarrati qooddame yoo ta’u, miidiyaalee UK, Ameerikaafi Ayirlaandiitiin haguuggiin kennameefiira.
Hordoftoonni amnataa Kiristaanaa addunyaarratti argaman, uffata reeffa Iyyesuus Kiristoos Xaaliyaaniitti argamu ykn Turiin Shirood akkasumas qulqulluu shirood jedhamuun beekamu kun kan Iyyesuus ittiin kafanamee awwaalamee ture akka ta'e amanu.
Uffanni kunis addunyaarratti hambaawwan seenaa dhiheenya keessa qorataman keessaa tokkodha.
Seenaa uffatta kafana reeffa Iyyesuus
Uffanni akka kan Iyyesuus Kiristoos wayita fanniifamuun ajjeeffameen booda akka reffiisaa ittiin maramee ture amanamu kunis dhiirinnisaa meetira 4.42 akkasumas bal’ina meetira 1.21 qaba jedhameera.
Uffanni kunis dhiigaan kan makame, fakkiin qaama nama duuraafi duubaan ijjisaa keessa seene tokkoos xiqqoo xiqqoo irratti maxanee mul’ata.
Hordoftoonni amantaa Kirstaanaa irra jireessi, kan haala raajjii ta’en uffaticharratti maxxanfame danaa fi qaama Iyyasuus Kiristoos jedhanii amanu.
Kana malees, madaawwan tibba fanniifameetti Iyyesuus Kiristoos irra qaqabee haaluma wal fakkaatuun uffata kanarratti mul’achuusaa hayyuunni batasakaanaa ni dubbatu.
Iyyesuus osoo hin fanniifamiin dura loltoota Roomaatiin alangaawwan sibiilootaa fi lafeewwan qara qaban itti hidhamaniin irra deddebiin garafameera.
Uffata kanarras mallattoowwan alangaan reebamuu karaa duubaatiin irratti mul’atan, akkasuma dirmammuun gonfoo qoraattii mataasaatti kaa’aniitiin dhiiguufi madaa’unsaa akka mul’atu kaasa.
Kitaabni Qulqulluun Iyyesuusi kan fannoo irraa buusuun kafanee uffataan maruun awwaale Yooseef Armaatiyaas akka ta’e ibsa.
Uffanni Iyyesuus akka ittiin marame himamu kunis yeroo jalqabaatiif ifa kan ta’e, bara 1350mota keessa yoo ta’u, kunis yeroo dursaan waraanaa Ji'ofireyid D Kagarniiy jedhamu dursaa bataskaana Liireey kan kutaa Baha biyya Faransaay keessatti argamtuuf kenneetti ture.
Ajajaan waraanaa kunis uffanni reeffa Iyyesuus Kirstoos ta’u yeroo sanatti labsee ture.
Haata’u malee, bara 1389tti phaaphaasiin Tirooyiis, Piiyar D Arsiis jedhaman, uffatichi kan Iyyesuus miti kun sobaadha jechuun yeroo jalqabaatiif morman.
Waggaa dhibba lamaan booda bara 1578tti magaalaa Xaaliyaan Tuurii keessatti kan argamu gara bataskaana Kaatediraalii Saan Jiiyoovaanii Baatiistaatti akka darbu taasifame.
Yeroo sanarraa kaasee amantoonni haala adda ta’een wayita kabaja ayyaanoota qofa akka ilaalan taasifama.
Bara 1988tti saayintistoonni Siwizarlaand, Yunaayitid Kingidam fi Ameerikaa irra dhufan, kutaa uffata kanaa fudhachuun karaa saayinsaawaa ta’en qorannoo umurii murteessu- Raadiiyookaarban taasisan.
Umuriin uffata kanaatiis kan bara 1260- 1390 jidduutti argamu ta’u ibseera.
Argannoowwan yeroo dhihoo maali fa’iidha?
Saayntistoonni Dhaabbata Kiriistaalograafii Xaaliyaanii qaama Mana Maree Qorannoo Biyyaaleessa Xaaliyaan ta’etis kirrii (qaama uffatichi) ittiin hojjatame irratti qorannoo gaggessaniiru.
Yeroo uffanni sun itti hojjtame baruudhaaf teknolojii raajii (X-ray)tti fayyadaman. Bu’aaleen qoranichaa wagga lamaan dura barruu Heritage jedhamurratti maxxanfamulleen, kan biyyoota akka UK, US fi Ayirlaandiitti haguuggii miidiyaa argate garuu dhiheenya kanaadha.
Saayintistoonni molokiloonni meeshaa uffatichi irraa hojjatame waggoota keessatti attamiin akka jijjirameefi akka cacabee safaraniiru.
Qorattoonni umurii uffata kafanaa reeffa kana hubachuudhaaf safartuuwwan gara biraatti fayaydamaniiru. Fakkeenyaaf ho’aa fi amma jiidha uffanni kun itti fayadamame safaruudhaaf tilmaama hanga baroota keessa turee kaa’aniiru.
Safartuuwwan saayinsaawaa kanneenitti fayyadamuudhaan uffatichi wagga kuma 2 dura jechuunis, naannawa Iyyesuus itti jiraateetti akka hojjatame mirkanneessan.
Uffanni akkasii muka talbaa irraa hojjataman baduu waan danda’aniif qorannoo raadiiyookaarboonii caalaa, malli safartuu saayintistoonni itti fayyadaman caalaa amansiisaa akka ta’e cimsanii dubbatu.
Uffanni Iyyesuus akka itti kafaname amaname kunis gosti ittiin hojjatame kan bara dur uffata dha’uudhaaf itti fayyadamamaa ture akka ta’e kaasuun, yaada kan bara jidduugalaati jedhu sirrii miti jedhan.
Mormiin uffata kanarratti ka’u eessa gaha?
Qorattoonni Xaaliyaanii uffata reeffa yeroo Iyyesuus ajjeeffameetti ittiin maramee jedhame sanaan awwaalamusaa hin himne.
Saayintistoonni kan jechaa jiran uffatichi bara Iyyesuus Kirsitoos lubbuun jiruutti kan hojjatameedha jedhu. Qorattoonni qorannoon amma hojjatan qorannoo waa’ee ambaa kanaa qorannoo kanaan dura hojjataman irratti dabalata ta’eerra.
Uffata kanarratti bara 1980mota irra kaasee qoranoowwan 170 barreeffamaniiru. Irra caalaan isaanii kan Iyyesuus ta’u kan mirkaneessan yoo ta’’u, kaan ammoo soba jedhan.
Teessoo bataskaana Kaatoliikii Roomaa kan taate Vaatiikaan mataanshee yeroo garaa garaatti uffata Iyyesuu Kiristoos ittiin maramee awwaalameedha jedhu kanarratti irra dedebiin jijjirteetti.