Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sooma Ramadaanaa keessa soorata akkamiitu gorfama?
Ji'i Ramadaanaa ji'a kabajamaa Muslimoonni addunyaarra jiran hundi qophii olaanaadhaan eeganidha.
Ji'a Qur'aana kabajamaa waan ta'eef Muslimoonni ji'oota kaanirraa addatti kabajaa olaanaa kennuuf.
Soomi Ramadaanaa utubaawwan amantii Islaamaa keessaa tokko waan ta'eef Musliimni hunduu soomuuf dirqama qaba.
Ji'a kana keessatti Muslimoonni ganama obboroodhaan ka'uun nyaanni isaan sooratanii sooma qaban Afaan Arabaan Suhoor jedhama.
Hanga galgalli ga'ee sooma hiikanitti bishaanis ta'e midhaan soorachuun dhorkaadha. Sooranni galgalaa ammoo Ifxaar jedhama.
Soomi namoota fayyaa guutuu qabaniifi umriinsaanii ga'erratti dirqama ta'a.
Kanneen dhukkuban, daa'imman umriinsaanii hin geenye, dubartoonni garaatti baatan fi harma hoosisan yookiin marsaa laguurra jiran akkasumas namoonni imalarra jiran soomuuf dirqama hin qaban.
Soomi kun namoota gariif ni salphata, kanneen hojiin guyyaa itti heddummaatuuf garuu bishaan fi midhaan malee guyyaa guutuu ooluun salphaa miti.
Ji'a tokko guutuu beelaa fi dheebuun garmalee akka qaamni hin hubamneef soorata akkamii soorachuutu gorfama?
Suhoorii irratti soorata akkamiitu gorfama?
Yeroon Suhoorii dimshaashatti yeroo sooma qabuuf qophiin taasifamudha.
Guyyaa akka beelli fi dheebuun nama hin rakkifneef soorata sirrii kan yeroo kaaniirraa adda ta'e soorachuun murteessaadha.
''Ji'a Ramadaanaa keessa anniisaa fi qabiyyee soorataa guyyaa keessa qaamni barbaadu argachuuf soorata pirootiinii, kaarboohaayidireetii, vaayitaaminii fi albuudota of keessaa qaban soorachuu feesisa. Bishaan ga'aa dhuguunis murteessaadha,'' jedhe ogeessi sirna nyaataa Ismet Tamer.
Soorata salphaa, fayya qabeessa fi hunda of keessaa qabu soorachuu gorsa ogeessi sirna nyaataa kun.
''Obboroo oomisha aannanii akkasumas kuduraa fi fuduraa soorachuun gaariidha. Baaduu, killee, timaatima fi kuukambariin soorata filatamoodha,'' jedha.
Ogeettiin sirna nyaataa Biriijet Belam suhoor irratti daabboo dabalatee soorata kaarboohaayidireetii of keessaa qaban soorachuun qaamaaf gaariidha jette.
Qorannoowwan gariin akka mul'isanitti faayibariin boloqqee, atara fi shumburaa irraa argamu qaamni akka guutuu ta'uu guddoo gumaacha.
Yoo qabiyyee soorata kunneenii arganne miira qaamni keenya guutuu ta'uu harka 30n dabala.
Nyaata soogidda qabu akka hin sooranne kan akeekkachiiftu ogeettiin sirna nyaataa Benelam ''qaamni dhangala'aa barbaachisu akka argatuuf bishaan hedduu dhuguun barbaachisaadha,'' jette.
''Soogiddi si dheebossa. Kanarratti hojjechuu qabda. Ganama soorata soogidda qabu soorannaan guyyaa guutuu dheebotaa oolta.''
Suhoor irratti kaafeenii hedduu fayyadamuunis hin gorfamu. Qaamni keenya dhangala'aa barbaachisu akka argatuuf Ifxaarii fi Suhoorii gidduutti bishaan liitira 2-3 yoo dugne filatamaadha.
Ifxaar irratti soorata gorfaman
Ifxaar irratti soorata dhangala'aa ta'an fi uumamaan shukkaara qaban fayyadamuun bayeessa.
Kanaaf Muslimoonni tamiriitti sooma hiiku, kun saayinsiidhaanis guddoo deeggarama.
Tamiriitti faxaruun sunnaa Nabiyyuu Mohammad (SAW).
''Tamirii fi bishaanitti faxxaruun baayyee filatamaadha. Isa booda soorata biraatti darbuu wayya,'' jette ogeettiin sirna soorataa Biriijet Benelam.
''Qaamni anniisaa fi dhangala'aa barbaadu akka argatuuf gargaaru.''
Akkasheen jettu shorbaatti sooma hiikuunis filatamaadha.
''Sabani isaa shorbaan boloqqee, baaqila, misira fi kuduraalee walitti makuun waan hojjetamuuf osoo qaamarratti dhiibbaa hin uumin qabiyyee barbaachisu kenna,'' jette.
''Guyyaa guutuu soomaa ooltee soorata qabiyyee ulfaataa qabaniin qaama kee dhiphisuun dhibee ofitti fiduudha.''
Yeroo ifxaaraa soorata istaarchii kanneen akka daabboo, soorata faayibarii kanneen akka kuduraalee fi fuduraalee akkasumas oomishaalee aannanii soorachuun qaamaaf gaariidha,'' jette Benelam.
Soorati pirotiiniin badhaadhan kanneen akka foon, qurxummii, killee fi boloqqeenis ni gorfamu.
Ogeeyyiin sirna soorataa gariin Muslimoonni soorata ifxaaraa al takkaan waan hunda soorachuurra lamatti qoodanii akka sooratan gorsu.
Kun ammoo qaamni namaa soorata daaguuf akka hin rakkanne gargaara.
Soomi fayyaaf gaariidhaa?
Waliigalatti soomi fayyummaa qaama namaaf guddoo tumsa.
Darbanii darbanii soomuun ulfaatina qaamaa hir'isuufillee ni gargaara.
Namoonni ulfaatina hir'isuuf sooman maal akka sooratan osoo hin taane yoom akka sooratanirratti xiyyeeffatu.
Guyyaatti sa'atii murtaa'eef (sa'atii baratamaa) soomu. Kaayyoon sooma akkanaa shukkaarri qaama keessa jiru erga dhumatee booda, coomi qaama keessaa akka gubatu gochuudha.
Adeemsa kanaan ulfaatinni hir'ataa deema. Kun saayinsii sirna soorataa keessatti metabolic switching jedhama.
Qorannoon saayinsii akka mul'isutti soomuun dhiibbaa dhiigaa gadi buusa, kuufama coomaa hir'isa, balaa gosa dhibee dhiibbaa dhigaa type 2 diabetes jedhamuu jalaa nama baraara.
Qorannoon dhihoo kana barruu The American Journal of Clinical Nutrition jedhamurratti maxxanfame soomi Ramadaanaa adeemsa bullaa'uu soorataa kan sirreessuu fi dhibeewwan balaafamoo akka ittisu mul'ise.
Qorannoon kun soomi Ramadaanaa kaansarii sombaa, harmaa fi mar'imaanii akka ittisu ibse.
Ogeettiin sirna soorataa Biriijet Benelam ji'a Ramadaanaa keessa namoonni ulfaata hanga kiilogiraama tokkoo hir'isuu danda'u, garuu yoo ifxaara irratti soorata ofitti kan heddummeessan ta'e akka malee dabaluu danda'u jette.
''Dhalli namaa soorata hedduu soorachuu miira isa kakaasu qaba. Soorata argaatti babbareedu ijaan argaa garaa hin jabaannu. Ifxaara irratti ammoo soorati bifa addaan qophaa'a. Waan dhihaate hunda soorachuu hin qabdu. Keessaa filadhu, suuta nyaadhu,'' jechuun gorsiti.