Garee morkataa dirooniidhaan kan basaase gareen Olompikii Kanaadaa adabbii jabaan isa mudate

Madda suuraa, Getty Images
Gareen Olompikii dubartootaa Kanaadaa garee morkataa dirooniidhaan basaasuu hordofee adabbiiwwan jajjaboon irratti muraman.
Adabbiiwwan kunneen qabxii hir'isuu, adabbii maallaqaa akkasumas leenjisaa hojiirraa dhorkuudha.
Qaamni kubbaa miillaa addunyaa bulchu FIFA fi Waldaan Kubbaa Miillaa Kanaadaa waliin ta'uun qorannoo gaggeessaniin, gareen kubbaa miilaa dubartootaa Kanaadaa gareen waliin morkatan, Niwu Ziilaand, osoo shaakalarra jiranii dirooniidhaan basaasuu mirkaneessan.
Kana hordofee garee Kanaadaa irraa qabxiin ja'a hir'ifameera. Akkasumas leenjisaan garee olompikii biyyattii waggaa tokkoof akka hojiirra ittifamanii fi Waldaan Kubbaa Miillaa Kanaadaa paawondii kuma 175 akka kaffalu murtaa'eera.
Koreen Olompikii Niwu Ziilaand osoo gareensaanii shaakalarra jiranii dirooniin irra marsaa akka ture komii erga dhiyeeffatee boodada, FIFA fi Waldaan Kubbaa Miillaa Kanaadaa qorannoo kan taasisan.
Akkuma dhimma kanarratti qorannoon eegaleen leenjisaan garee olompikii Kanaadaa Beev Piriistimaan tapha Niwu Ziilaand waliin qaban dursuun fedhiisaaniin aangoo gadhiisan.
Leenjisaan kun ibsa baasaniin waahillan isaanii duroonii balaliisuu isaaniif itti gaafatamummaa akka fudhatan himan.
Waldaan Kubbaa Miillaa Kanaadaa fi FIFAn, leenjisaan umrii waggaa 38 kun gareen isaanii garee morkataa dirooniin akka basaasan odeeffannoo qabu turan jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jaarmiyaan kubbaa miillaa addunyaa hoogganu FIFAn Waldaa Kubbaa Miillaa Kanaadaa keessaas hooggantoota lama waggaa tokkoof hojiirraa dhorkeera.
FIFAn akka jedhutti garee morkataa dirooniidhaan basaasuun qajeeltoo kubbaa miillaa kan sarbuudha.
Waldaan Kubbaa Miillaa Kanaadaa adabbii maallaqaa fi dhorkaa hooggantoota sadeen irra kaa'ame akka fudhatu ibseera.
Garuu qabxii ja'a kilabicharraa hir'isuun haqa qabeessa miti jechuun komateera.
Waldichi akka jedhutti qabxii hir'isuun miseensota garee kubbaa miillaa balleessaa tokkollee hin qabne adabuu waan ta'uuf dhimmicha gara mana murtii geessuun akka ilaalamu gochuutti jira.
Erga oduun kun dhagahamee booda miidiyaaleen Kaandaa tokko tokko kanaan duras gareen kubbaa miillaa dubartootaa garee faallaa dirooniidhaan basaasanii akka beekan gabaasaa jiru.
Baniinsa Olompikii Paaris 2024 irratti gareen kubbaa miillaa dubartootaa Kanaadaa garee Niwu Ziilaandiin mo'ataniiru.
Gareen Kanaadaa Olompikii Tookyoo irratti garee waancaa nyaate ture.
Gareen kun itti aansee biyya qopheessituu sagantaa kanaa taate, Faransaay, isa booda ammoo Kolombiyaa waliin taphata.












