Waliigaltee Keeniyaa fi US odeeffannoo fayyaa lammilee dabarsee kenna jedhameerratti kan beeknu

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Bulchiinsi Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp erga sagantaa deeggarsa biyya alaa irratti jijjirama olaanaa taasisanii booda waliigaltee walta'insa fayyaa waggaa shanii seena qabeessa jedhame jalqabaa Keeniyaa waliin mallatteesseera.
Waliigaltee doolaara biiliyoona 2.5 kunis Keeniyaatti dhukkuboota dadarboo ittisuuf kan xiyyeeffatedha jedhameera.
Waliigalteen imaammata alaa Tiraamp waliin kan adeemuudha jedhame kunis biyyoota Afriikaa biroo waliinis ni mallatteeffama jedhamee eegama.
Waliigalteen mootummoota lamaan jidduutti mallatteefame kun kan iftoomaafi itti gaafatamummaa cimsuu irratti xiyyeeffate ta'unsaa himamulleen, odeeffannoo icciitii dhukkubsattootaa dabalatee, odeeffannoo murteessoo ta'an Ameerikaan haala salphaa ta'en akka argatu dandeessisa jedhamuun yaaddoo uumeera.
Ministirri Fayyaa Keeniyaa, Adan Duwaalee, yaaddoo odeeffannoon dabarfamee ni kennama jedhu hambisuuf ''odeeffannoo enyummaa hin agarsiifne waliigalaa qofaatu qoodama'' jedhaniiru.
Tiraamp baatii Amajjii darbe irratti gara aangoo akkuma dhufaniin guyyaa jalqabaa isaanii irratti, sababii jijjirama baasii mootummaa irratti taasisaniitiin deeggarsa biyya alaa dhaabunsaanii ni yaadatama.
Kana hordofunis Dhaabbanni Misooma Addunyaa Ameerikaa (USAID)n diigamuufi deeggarsa biyyoota hiyyeeyyiif kennu biiliyoonaan lakkaa'amu adda cituun ni yaadatama.
Murteen kunis biyyoota guddinarratti argaman keessatti dhiyeessitii qoricha murasa irratti haala olaanaan akka gadi bu'uf gubaateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsi Tiraamp baatii Fulbaana darbee irratti tarsiimoo '' American First Global Health'' jedhamun mancaatii deeggarsaa hir'isuufi dhimmoota Ameerikaa dursa kenniituuf irratti xiyyeeffateen sirna deeggarsa marii irratti hundaa'e ifa taasiseera.
Haala waliigaltee amma Keeniyaa waliin mallattaa'e kanatti Ameerikaan yoo doolaara biiliyoona 1.7 kennitu, mootummaan Keeniyaa ammoo doolaara miiliyoona 850 haguuguun waljalaan ammoo, itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhatu taasifama jedhameera.
Waliigaltichi HIV/AIDS, busaa fi dhibee sombaa, kunuunsa fayyaa haadholii, dhibee laamsheessaa ittisuufi qophaa'insa weerara dhukkubaata dadarbiitiif, ittisaafi wallaansa irratti kan xiyyeeffatudha jedhameera.
Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waliin waligalticha kan mallatteessan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiiyoon, waliigaltichi ''seena qabeessa'' jechuun ''Keeniyaan biyya michuu Ameerikaa bara dheeraati'' jedhaniiru.
Kana malees, Keeniyaan garee wanbadee Haayiitii keessa jiran loluudhaaf ergama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggaramu hogganuufi hirmaattoota erguudhaan gahee qabdu leellisaniiru.
Ruubiiyoon ''yoo biyyoota shan ykn 10 hirmaachisuu dandeenyeefi wallakkaa kan Keeniyaan raawwatee qofa osoo raawwannee milkaa'ina olaanaa argachuu dandeenya'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa biyyisaanii deeggarsi karaa gargaarsaa fi dhaabbilee tola ooltummaatiin osoo hin taanee kallattiidhaan mootummoota akka gahan akka barbaadamu kaasaniiru.
''Biyyoonni akka Keeniyaa dhihoofi fayyaadi qaban maallaqni eegumsa fayyaatiif bahu akka faayyidaarra ooluuf gahee osoo hin bahiin doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu dhaabbilee miti mootummaatiif hin kenninu'' jedhan.
Ruutoonis maallaqa AMeerikaa irraa argamu dhimmoota biyyisaanii dursa kennituuf kanneen akka hospitaalootaaf meeshaalee hammayyaa bituufi lakkoofsa hojjattoota fayyaa dabaluutiif akka ooluu dubbataniiru.
Ruutoon itti dabaluudhaan, ''tokkoon tokkoo shiliingii fi doolaaraa haalaa ta'u qabuun, gahuu fi itti gaafatamummaadhaan akka bahu nan mirkanneessa'' jedhan.
Lammiileen Keeniyaa tokko tokko garuu waliigalteen kun Ameerikaan HIV/ADIS, seenaa wallaansa TB fi odeeffannoo talaallii Keeniyaa irratti odeeffannoo dhuunfaa akka argattu taasisa jechuun guutummaan qabiyyee waliigaltichaa akka ibsamuuf gaafataa jiru.
''Ameerikaaf akka qoodamu kan taasifamu ramaddii odeeffannoo addaa gosa akkamiiti? Odeeffannoo qaccee sanyii, haalaa hordoffii dhukkubaa, odeeffannoo fayyaa sammuu, gaaffii kanfaltii inshuraansii, galmee hospitaalootaa ykn barruu qubaati? Kan kanneen hin hammannee yoo ta'e, maaliif ifatti hin barroofne?'' jechuun abbaan Seeraa Wiiliis Otinoo kan toora X isaanii irratti barreessan.
Lammiin Keeniyaa icciitii saaxiluudhaan beekamu, Neelsan Amniyaas haaluma walfakkaatuun yaaddoo kaasuudhaan, mootummaan Keeniyaa qabiyyee waliigaltichaa gutummaan ummataaf ifa akka taasisuu jechuun ''ofii keenyaa haa dubbifnu'' jechuun gaafataniiru.
Ministitti fayyaa biyyattii Du'aleen garuu nageenyi odeeffannoo fayyaa Keeniyaanotaa kan eegamee fi kan seera biyyattiin eegumsi guutuun taasifamuufidha jechuun yaaddoo ka'aa jiru kufaa taasisan.
Kanaaf ammoo akka mirkannaatti ''odeeffannoowwan fayyaa hundi qabeenyaa biyyattii murteessoodha'' jechuun eegumsi barbaachisu akka taasifamuuf mirkanneessaniiru.
Aanga'oonni Ameerikaa garuu odeeffannoo fayyaa Keeniyaarraa qooddatan ilaalchisee yaaddoo ka'e irratti hanga ammaatti wanti jedhan hin jiru.
Aanga'oonni Ameerikaa akka jedhaniitti, Keeniyaan alattis biyyoota Afrikaa hedduun bara 2025 keessa waliigaltee walfakkaatu waliin mallatteessuu jedhametu eegama.












