Manni murtii olaanaa dhimma mirga lammummaa Ameerikaa dhalootaan argachuu mormu ilaaluuf waliigale

Madda suuraa, Getty Images
Manni murtii olaanaa Ameerikaa dhamma daa'imman Ameerikaa keessatti dhalatan heera mootummaatiin mirga lammummaa qabaachuu fi dhiisuu ilaalchisee dhagahuuf waliigale.
Doonaald Tiraamp biitii Amajjii keessa guyyaa jalqabaa aangoo pirezidantii isaaniitiin mirga lammuummaa dhalootaan maatii seeraan ala biyyattii keessa jiran irraa dhalataniifkennamu akka dhaabbatuuf ajaja mallatteessan.
Haata'u malee, tarkaanfiin sun manneen murtii gadii hedduudhaan dhaabsiifamee ture.
Falmii Mana Murtii Olaanaa kanaafis ammatti guyyaan kan hin kaa'amne yoo ta'u, murtiin kennufis ji'oota muraasa ni fudhata.
Manni murtichaa waan barbaade murteessuuf garuu, tarkaanfii Tiraamp godaantota irratti fudhataa jiranii fi lammii Ameerikaa ta'uun jechuun maal jechuu akka ta'e irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda'a.
Gara waggoota 160f, Fooyya'iinsi Heera Ameerikaa 14ffaan, daa'imman dippilomaatotaa fi humnoota waraanaa biyya alaa irraa dhalatan malee, namni US keessatti dhalate kamiyyuu lammii Ameerikaa ta'uu kan jedhu kaa'ee ture.
Ibsi fooyya'iinsa kanaa akkas jedha: "Namoonni Ameerikaa keessatti dhalatan ykn kanneen fedhiisaanitiin lammii tanan hundii fi kanneen aangoo ishee jala jiran hundi lammiilee Ameerikaati."
Ajajni hojii raawwachiiftuu Tiraamp garuu daa'imman namoota seeraan ala US keessa jiran ykn viizaa yerootiif biyyattii keessa jiran irraa dhalataniif lammummaa dhorkuu barbaada.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kunis qaama tarkaaffii bal'aa bulchiinsi Traamp sirna immigireeshinii biyyattii haaromsuu fi kan isaan ''nageenya biyyaa fi hawaasaa irratti balaa guddaadha'' jedhan qolachuuf taasisaa jiraniti.
Bulchiinsi Tiraamp garuu keewwanni Fooyya'iinsa 14ffaa "kan aangoo isaa jalatti tumamedha" jedhan.
Kana jechuunis, fooyya'iinsi kun ijoollee namoota biyyattii keessa dhaabbataadhaan ykn seeraan hin jiraan irraa dhalatan kan adda baasuudha jechuun falman.
Daareektarri seeraa biyyoolessaa Gamtaa Bilisummaa Siivilii Ameerikaa kan kan ta'aniifi dhimma kana irratti himatamtoota bakka bu'an, Seesiliiyaa Waang, michuu BBC kan ta'e CBS'tti akka himanitti, pirezidantiin kamiyyuu waadaa bu'uuraa fooyya'iinsa 14ffaa lammummaa ilaalchisee kaa'ee jijjiiruu hin danda'u jedhan.
"Waggoota 150 oliitiif namni dachee U.S. irratti dhalate hundi dhalootaan lammii ta'uun seeraa fi duudhaa biyyaalessaa keenya ture," jedhan Aadde Waang ibsa kennaniin.
Itti dabaluudhaanis, "Dhimmi kunis yeroo tokkoofif dhumaaf Mana Murtii Olaanaatiin murtee akka argatu hawwii guddaan eegganna," jechan.
US biyyoota gara 30, irra caalaansaanii Ameerikaa keessatti, nama daangaa isaanii keessatti dhalate kamiifuu lammummaa battalaa kannee kennan keessaa tokkodha.
Erga ajaja hojii raawwachiiftuu Tiraamp irratti mormiin seeraa dhiyaateen booda, abbootiin murtii mana murtii federaalaa hedduun Heera mootummaa cabseera jechuun murteessan.
Dhaddachi naannahaa lama murtoo kana raggaasifnaan Tiraam ajaja dhorkaa kana falmuuf gara Mana Murtii Olaanaa dhaqan.
Tiraampiis injifannoo ji'a Waxabajjii keessa galmeessaniin, manni murtiichaas ajajni dhorkaa manneen murtii gara gadiitiin kennan aangoo isaaniitiin ol ta'uu isaa murteessee ture.
Haata'u malee, dhimma mirga dhalootaa lammummaa argachuu hin ilaalle ture.
Jalqabarratti Fooyya'iinsi 14ffaan kun kan ragga'e Waraana Biyya keessaa Ameerikaatiin booda gaaffii lammummaa garboota duraanii bilisa ba'anii fi Ameerikaa keessatti dhalatanii furuuf jecha ture.
Abbaan seeraa waliigalaa Ameerikaa, D Joon Saawuer, fooyya'iinsi kun kan taasifame "ijoolee alagaa yeroof Ameerikaa daawwatan ykn namoota biyya alaa seeraan alaa jiraataniif osoo hin taane, garboota haaraa bilisa ba'anii fi ijoollee isaaniif lammummaa kennuudhaaf" jechuun falmu.
Dachee Ameerikaa irratti dhalachuun lammummaa namaaf kenna jechuun ''ilaalcha dogongoraa'' ta'uu ibsuun, hubannoon sun ''balaa'' fideera jechuun mormaniiru.
Bara 2016tti US keessatti daa'imman gara 250,000 ta'an maatii godaantota eeyyama jireenyaa hin qabne irraa dhalataniiru.
Kunis bara 2007tti sadarkaa olaanaairra ture irraa %36n hir'ateera jedha Dhaabbanni Qorannoo 'The Pew Research Center' jedhamu.
Bara 2022, bara dhumaaf odeeffannoon itti argamutti, lammiileen Ameerikaa miiliyoona 1.2 ta'an kan maatii godaantota hayyama hin qabne irraa dhalatan akka turan dhaabbatichi adda baaseera..
Qorannoon baatii Caamsaa keessa garee qorattoota 'Migration Policy Institute fi Pennsylvania State University's Population Research Institute' jedhamuun maxxanfame tokko akka agarsiisutti, lammummaa mirga dhalootaan argamu haquun bara 2045tti US keessatti baay'ina ummata hayyama hin qabne miliyoona 2.7 ni dabala.
Bara 2075tti ammoo miiliyoona 5.4n dabaluu akka danda'u ibseera.












