Qaamota namaa jijjiiruun umurii dheeressuufi du'a tursiisuun ni danda'amaa?

Kutaalee Qaama namaa baqaqsanii wal'aanuun jijjiiruun umurii nama dheeressee du'arraa nama hambisuu danda'aa?

Dhimmi kun tibbana erga Pirezidaantii Chaayinaa Shiii Jinping fi Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Chaayinaatti wal arganii mari'atanii booda heddu biratti qaama namaa jijjiiruun umurii dheeressuun mata duree marii hin eegamne ta'ee itti fufeera.

Hoggantoonni lamaan kun agarsiisa waraanaa guddaa waggaa 80ffaa Chaayinaan dhuma Waraana Addunyaa Lammaffaa yaadachuuf gaggeeffame irratti qaama namaa jijjiiruun umurii dheeressuu akka danda'amu irratti mari'achaa turan.

Pireezidaanti Puutiin, qaama namaa jijjiiruun ''namoonni akka hin dulloomne yeroo hunda dargaggeessa ta'anii akka jiraatan taasisuun akka danda'amu yeroo dubbatan sadarkaan guddina teknolojii addunyaa hedduu raajeeffachiisu hin hafne.

"Ammaaf jaarraa kana keessatti hanga waggaa 150 jiraachuun akka danda'amu tilmaama'' jedhe.

Hoggantoonni wal ilaalanii kolfaa turan. Kolfi isaanii qoosaa akka jiran argisiisa.

Garuu marii isaanii duuba maaltu ture?

Qaama namaa jijjiiruun lubbuu namaa baraaraa?

UK qofatti, Kutaan Dhiigaa fi Qaama Jijjiirraa Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa waggoota 30 darban keessatti lubbuun namoota kuma 100 baraarameera jedhee tilmaameera.

Guddina qorichaafi teeknooloojiitiin argameen kutaaleen qaama namaa jijjiirame amma yeroo dheeraa turuu dandaʼeera.

Dhukkubsattoonni tokko tokko erga kutaa qaamaa jijjiratanii hanaga waggoota 50f tiruu isaanii mul'ateera. Kunis fayyaa fi kunuunsa qaama arjoomaamee san irratti hundaa'ee garaagarummaa qabaachu mala.

Fakkeenyaaf, tiruu arjoomaa lubbuun jiru irraa argamu waggaa 20 hanga 25 turuu danda'a.

Haata'u malee, tiruu nama du'e irraa yoo ta'e waggaa 15 hanga 20 ni tura.

Gosti qaama arjoomamaa jiruus gosa qaama arjoomamuuf murteessadha.

Qorannoon 'Journal of Medical Economics' jedhamu irratti maxxanfame akka agarsiisutti, ama biraatti erga jijjiiramee booda; kaleen hanga waggaa 20, onnee hanga waggaa 15, somba ammoo hanga waggaa 10 turuu danda'a.

Wal'aansi baqaqsanii qaama jijjiirrachuu jireenya bara baraa fidaa?

Akka Ogeeyyiin jedhanitti baqaqsanii hodhuun waan salphaa miti. Lubbuu namaas balaadhaaf saaxila.

Namoonni qaama isaanii jijjiirratan qaamni isaanii akka qaama haara kana waliin wal fudhachuu hin didneef ykan akka miidhaa hin geessifneef umurii isaanii guutuu qoricha 'immunosuppressants' jedhamu fudhachuu qabu.

Qorichootni kun miidhaa cinaa kan akka dhiibbaa dhiigaa fi carraa dhukkuba kanaan qabamuu dabaluus qabaachuu danda'u.

Carraan biraa qaamni namaa qaama jijjiirrame sana fudhachuu diduu danda'a.

Diddaan kun kan uumamu yeroo sirni ittisa qaamaa namaa jijjiirame akka waan ormaatti balaaleffachuu jalqabudha.

Kun ta'uu kan danda'u yeruma qoricha 'immunosuppressants' fudhachaa jiranittilleedha.

Saayintistoonni qoricha 'immunosuppressant' kana karaa itti bira darban hojjechaa jiru.

Allaattiiwwan jeneetikiin fooyya'an akka arjoomtootaatti fayyadamuuf yaalaa jiru.

Meeshaa fooyya'iinsa jeneetikii fayyadamuun jiiniiwwan allaattii tokko tokko balleessuun jiiniiwwan namaa itti dabaluun qaama namaan caalaatti akka wal fakkaatu gochuuf yaalaa jiru.

Allaattiiwwan guddina qaama namaatti dhihoo waan qabaniif, allaattii kaayyoo kanaaf horsiisuun filatamaadha jedhu ogeeyyiin.

Saayinsichi ammallee yaalii ta'us, malli jiiniiwwan allaattii fi namaa walitti makuu fi gulaaluu kun onnee fi tiruu jijjiiruuf itti fayyadamaa tureera.

Naannoo qorannoo kan biraan seelii nama tokkoo fayyadamuun kutaalee qaamaa haaraa guddisuudha.

Seelonni bu'uuraa dandeettii gara gosa seelii ykn tishuu adda addaatti guddachuu qabu.

Bu'aa qorannoo argame

Hanga ammaatti gareen qorannoo kamiyyuu seelii kana irraa qaamolee namaa guutummaatti hojjetan uumuu hin dandeenye.

Garuu saayintistoonni itti dhihaachaa jiru.

Bara 2020tti qorattoonni UCL fi Inistiitiyuutii Firaansis Kiriik Yunaayitid Kingidam keessatti argamu seelii bu'uuraa namaa irraa qaama ijoo sirna ittisa qaamaa keenyaa kan ta'e taayimasii uumuu danda'aniiru.

Jijjiirraan kun hantuuta irratti kan raawwatame yoo ta'u, hojjechaa jira.

Saayintistoonni Hospitaala Great Ormond Street Landanitti argamu tishuu dhukkubsataa irraa argame fayyadamuun garaacha namaa guddisuu isaanii beeksisaniiru.

Kunis gara fuulduraatti daa'imman rakkoo garaachaa qabaniif qaama jijjiirrachuu akka danda'an taasisuu danda'a.

Guddinni yaalaa kun hundi namoota dhukkubsatan yaaluuf malee namoota waggaa 150 akka jiraatan gochuu irratti kan xiyyeeffate miti.

Haa ta'u malee, abbootiin qabeenyaa teeknooloojii Biraayyan Joonsan waggaatti doolaara miliyoonaan lakkaa'amu baasee umurii isaa dheeressuuf yaalaa jira.

Hanga beeknutti qaama haaraa hin jijjiirre.

Garuu pilaasmaa mucaa ganna 17 irraa fayyadamaa tureera.

Pilaasmaan seelii dhiiga keenyaa, pirootiinii fi wantoota barbaachisoo biroo dhibbeentaa 55 of keessaa qaba.

Haa ta'u malee, abbootiin qabeenyaa teeknooloojii kun qaama isaaf faayidaa guddaa erga hin arginee fi qaamolee yaalaa kanneen akka Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa irraa dhiibbaan guddachaa dhufe erga isa mudatee booda kana gochuu dhiisaniiru.

Kolleejjii King's London London keessatti feloo kan ta'an Dr. Juliyaan Mutz akka jedhanitti, filannoowwan qaama jijjiirrachuu, kanneen akka pilaasmaa argachuuf qorannoon gaggeeffamaa jira.

"Argannoowwan kunneen ilmaan namootaa sadarkaa olaanaattillee umurii dheeraa jiraachuu akka danda'an ragaa quubsaa miti.

Haa ta'u malee saayinsii dhimmoota kanaaf fedhii waan qabuuf qorannoon itti fufa," jedhan.

Yunivarsiitii Edinbargitti Inistiitiyuutii Roosliin keessatti ogeessi immunopathologist kan ta'an Piroofeesar Niil Maabott umriin namaa inni guddaan waggaa 125 ta'uu akka danda'u dubbataniiru.

Namni hanga ammaatti umurii dheeraa jiraachuun mirkanaa'e Jeanne Calment jedhamtu dubartii Faransaay yoo taatu bara 1875 hanga 1997 gidduutti hanga waggaa 122 jiraatte ta'uu BBC'tti himeera.

Qaama keenya laafe ykn dhukkubsate bakka jijjiirraatiin bakka buusuun ni danda'ama.

Garuu akkuma umuriin keenya dabalaa deemuun dandeettiin qaamni keenya infekshinii ofirraa ittisuu hir'ata.

"Dandeettiin qaamni infekshinii ofirraa ittisuuf qabu hir'ata, qaamni keenya laafaa fi miidhaafi dhukkubaaf saaxilama," jedhu.

Akkasumas qaama namaa jijjiiruun hammaataa ta'ee fi qorichi qaama qaama jijjiirrame akka hin didneef itti fayyadaman dhukkubsattoota umuriin isaanii guddaa ta'e irratti dhiibbaa hamaa akka qaban ibsu.

''Umurii dheeressuu irratti xiyyeeffachuu mannaa, jireenya fayya qabeessa jiraachuutu irra gorfamaa6'' jedhu Piroofeesar Maabot.