Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammeechaa Girmaa figicha meetira 3,000 rikardii waggaa 25 cabse
Atileetiin Itoophiyaa Lammeechaa Girmaa fiigicha mana keessaa meetira 3,000 Faransaayitti gaggeeffame ‘Meeting Hauts -de-France Pas-de-Calais’ jedhamuun rikardii waggoota 25 cabsuun injifate.
Lammeechaan Olompikii Tookiyoo irratti fiigicha gufachiisaa meetira 3,000’n lammaffaa tahuun xumuree ture.
Dorgommii Meeting Hauts-de-France Pas-de-Calais jedhamuun waamamuu fi wagga waggaan Faransaay Liivin magaala jedhamtu keessatti qophaa’u ammoo daqiiqaa 7, seokndii 23.81’n xumuruun rikardii cabse.
Rikardiin kana dura galmaa’eeru daqiiqaa 7:24.90 yoo tahu, atileetii lammii Keeniyaa Daani’eel Koomeentu bara 1998 Buudaapestitti galmeesse.
Atileetiin lammii Ispeen tahe Mohaammad Katir jedhamu lammaffaan yoo xumuru innis saffisa guddaa rikardii Awurooppaa tahuun galmaa’e taheera.
Atileetiin lammii Keeniyaa Kirooppi Jaakoob sadaffaa tahuun xumure.
Lammeechaan dorgommichaan booda yaada AP’f kenneen ‘’guyyoota sadan darbaniif waa’ee rikardii adunyaa kana cabsuu yaadaan ture,’’ jedhe.
‘’Leenjisaan koo obboleessa kooti. Innis dandeettii kana akkan qabu natti hime. Anis isa nan amane. Shaakala irrattis mira gaarii keessan ture. Gahumsakoo guddaa isa kan yeroo kamiiyyuu caalurra jira. Akkasumas har’a deeggartootni baay’een na jajjabeessaniiru,’’ jedhe.
Medaaliyaan Lammeechaan, Olompikii Tookiyoo irratti argatee ture, Itoophiyaadhaaf erga Olompikii Moskoo bara 1980 atileet Isheetuu Turaadhaan maaldaan argattee as meedaaliyaa karaa dhiirotaan yeroo duraaf waggoota 41 booda argamedha.
Dabalataan Atileetiin Itoophiyaa kun bara 2022 ji’a Waxabajjii keessa dorgommii fiigicha gufachiisaa meetira 3,000, Cheek Rippablik magaalaa Ostraavaatti gaggeeffameen, tokkoffaa bahuun rekordii biyyoolessaa haaraa galmeesseera.
Lammeechaa Girmaa eenyudha?
Dhaloonni isaa Godina Arsiidha. Jalqaba Kilaba Atileetiksii Xirunash Dibaabaa magaalaa Asallaatti argamutti 1500m leenji'uuf seene.
Haa ta'u malee, leenjisaan kilabichaa Kaffiyaalewu Alamuu hojjaafi utaalchoo isaa erga hubatanii osoo gufachiisaan leenji'e gaarii ta'a jedhanii yaadan.
Boodarra Lammeechaan Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa Magaalaa Finfinnee argamu seenuun leenjisaa gufachiisaa biyyaalessaa Tashoomaa Kabbadaa jalatti leenji'uu eegale.
Achirraa jalqabee dorgommii biyya keessaa garagaraa irratti hirmaatuu eegale. Sadarkaa idil-addunyaatti dorgommiin jalqabaa irratti hirmaate Daayimandi ligii Paaris bara 2019 irrattidha.
Dorgomee sadaffaa bahe. Itti aansees Daayimandiligii Biraasalsitti fiigee sadaffaa bahe.
Ergasii booda ture Lammeechaan Shaampiyoonaa Atiletiksii Addunyaa bara 2019 Doha dorgomame irratti seenaa kan dalage.
Atileetii Keeniyaa Conseslus Kipruto Olompikii Riyoo irratti fageenyichaan warqii argate waliin walfalmee lammaffaa bahe.
Walitti siqanii xumuruu isaaniirraa kan ka'e deeggarsa meeshaan ture abbaan moo'e kan barame.
Medaaliyaan meetii yeroos Lammeechaan gonfate medaaliyaa jalqabaa Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti argattedha.
Kanaanis bara 2019 Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaa irraa badhaasa 'Atileetii dargaggoo waggaa kanaa' jedhamu badhaafame.
Karoora isaa yeroosi Atileetiksii Addunyaatti yoo himuus ''Olompikii irratti warqii biyya koof fiduudha,'' jedhe. Olimpiikii Tookiyoo irratti medaaliyaa meetii argamsiisuu danda'eera.