Lammeechaa Girmaa: Itoophiyaan fiigicha meetira kuma sadiitiin meedaaliiyaa argattee

Dorgommii Shaampiyoonaa Atleetiksii 17ffaa Dohaatti gaggeefamaan jirurratti dorgommii meetira kuma sadiitiin Lammeechaa Girmaa lammaffaa bahuun yeroo jalqabaatiif dorgommii kanaan biyyattiif meedaaliyaa argamsiiseera.

Meedaaliyaan meetii Lammeechaan argamsiisee kunis Itoophiyaadhaaf damee kanaan sa'aatii rekardii addaa ta'un yeroo galmaa'eera.

Meedaalii warqii kan fudhate atileetiin Keeniyaas Galmeechaa sakandii tokko gadiin qofa dursuun akka ta'e barameera.

Lammeechaafi atileetii Keeniyaa amma warqicha fudhate waliin sarara dhumaa haala wal qixa ta'een galuusaanitiin kan mo'ate eenyu akka ta'e adda baasuuf battalatti rakkisee tureera. Kanaafuu bu'aansaa booda keessa himameera.

Murteessitoonni dorgommichaas viidiyoon gargaaramuun sarara garaa garummaa sakandii tokkoo gadiitiin dhumaa kan durse qaxxaamure dorgomaa lammii Keeniyaa ta'u adda baasuun erga danda'anii booda ture kan mo'ate kan barame.

Aanga'oonni Atileetiksii Federeshina Itoophiyaa achitti argamanis Lammeechaan tokkoffaa baheera jechuun amananii waan turaniif, qabxii ifa taasifame mormuun komii dhiyeefachuu yaadanii kan turan ta'ulleen erga viidiyicha ilaaluun mirkaneefatanii booda komiisaanii kaasuu BBC'tti himaniiru.

Dargaggoo Lammeechaa kan waggaa 19 guutuuf baatiiwwan muraasni qofti hafees, dorgommii idil addunyaarratti dorgomu kan eegale dhiheenya kanadha. Haaluma kanaanis dorgoommi fiigicha dorgomii gufachiisa meetira kuma sadii lammiilee keeniyaatiin to'atamee ture irratti meedaaliyaa meetii argamsiiseera. Kunis isaaf dorgommii idil addunyaa sadaffaadha.

Dorgommii gufachiisa kanarratti hormaachuun meedaaliyaa warqii kan argate atileetiin Keeniyaa Koonseeslas Kiippiruutoon bara faranjootaa kanatti dorgommii kanaan yeroo afur dorgoomuun osoo hinmilkaa'iin waan hafeef amma asirratti akka milkaa'e dubbateera.

Dorgommii kanaan ni mi'ata jedhamee eegame kan ture mo'ataan dorgomii liigii daayimandi Geeetinat Waalee arfaffaa bahuun dorgommicha xumureera.

Sa'aatiin Lammeechaan lammaffaa bahuun dorgommicha itti xumure kunis dorgommiiwwan shaampiyoonaa addunyaarratti qabiixiiwwan okkooffaa jedamanii galmaa'an hunda kan caalu akka ta'e dubbatameera.

Dorgommii gufachiisaa addunyaa meetira kuma sadiin hanga ammaatti Itoophiyaan irratti hirmaatteen warqiin argame akka hinbeekamne yoo ta'u, meedaaliyaan amma Lammeechaan argame kunis biyyattiif seenaa keessatti tokkooffaadha.

Lammeechaanis dorgommichaan booda turtii gabaasaa BBC waliin taasiseen qabxii argateetti gammadu himeera.

Atileetiin Keeniyaa dorgomicha mo'ate gamasaatiin atileetii Itoophiyaarraa dorgommii cimaan akka isa mudate himeera.

"Atileetoonni Itoophiyaa haala qophaa'un galan. Dorgommicha to'achuufi dura ta'ee ogganiif karoorafadheen ture. Haa ta'u malee hindandeenye. Lammeechaafi Geetinat karoora kiyya kana akkan hinmilkoonfe na taasisaniiru,'' jechuun morkii cimaa isa mudate ibseera.

Dorgommoo Dohaatti gaggeefamaa jiru kanarrattis itoophiyaan hanga ammaatti meedaaliyaa warqee tokkoofi meetii sadii argachuun sadarkaa medaaliyaatiin torbaffaarratti argamti.

Keeniyaan ammoo warqee sadiifi nahaasa lama argachuun sadarkaa sadaffaarratti kan argamtu yoo ta'u, Ameerikaa fi Chaayinaan tokkooffaafi lammaaffaa ta'uun dursaa jiru.