Maaraatoonii Niiw Yoork morkiin Kipchogee, Qananiisaafi Siifan itti eegamu

Har'a cidha guddaatu Niiw Yoork jira. Hawaasni atileetiksii jaalatuus gurra qeensee, qalbiin eeggata.
Ga'eessonni lamaan waggoota 20 oliif jorroo fiigichaafi daandiirratti wal beekan, maaraatoonii isa cimaa dorgomu.
Dhugaadha maaraatooniin salphaa hin qabu, kan Niiw Yoork kan riqicha shan itti ce'an garuu ni cima jedhu kanneen fiigan.
Eluwiid Kipchoogeefi Qananiisaa Baqalaan maaraatoonii kana yoo dorgoman yeroo duraatiifi.
Yeroo gabaabaatti maaraatooniitti gortee fageenyichaan warqii olompikaa kan keewwatte Siifan Hasanimmoo gamanumaa ''ani sodaadheera'' jetteetti.
Niiw Yoork halkaniifi guyyaa hin qabdu, yeroo hunda koommii qabdi.
Har'a garuu daandiiwwan ijoo konkolaataan irra gulufu, namootatu irra fiiga.
Maaraatooniin Niiw Yoork shaampiyoonota, warra rikoordii Olompikiifi shaampiyoonaa addunyaa cabsan, warra mo'icha beekaniifi argan, … fi warra haaraa abdatu hunda walitti fida.
Maaraatoonii Barliin, Chikaagoo fa'i yoo ta'e malee Niiw Yoorkitti riikoordiin addunyaa cabe yoo jedhan hin dhageenyu.
Waggoota dheeraaf kan wal morkataa jiran Qananiisaafi Kipchoogeen ni mo'umoo dorgommicha xumuruun waan namoonni eeganidha.
Ni mo'umoo fiiganii xumuru?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kipchoogeen waan hin baramne tokko gochaa jira. Dur waggaatti maaraatoonii lama fiiga, barana sadeeffachuuf jira.
Dorgommiiwwan maaraatoonii gurguddoo fiige keessaa Niiw Yoork fiigee waan hin beekneef isaaf jecha Niiw Yoork dorgomuu yaade ta'a.
Ji'uma lama dura Siidniitti saglaffaan kan xumure Kipchoogeen, waggaa 12 daandiirra fiige.
Ta'us, morkiin salphaa hin ta'u. Qananisaaniis ta'e Kipchoogeen erga maaraatoonii mo'atanii bubbulaniiru.
Ji'uma lama dura Siidniitti kan morkate Kipchoogeen abdii hin kutanne.
Maaraatooniin shaampiyoonaan Olompikaa yeroo lamaa, Kipchoogeen, erga maaraatoonii mo'atee waggaa lamaa ol ta'eera.
Maaraatooniiwwan afur booda kana fiige keessaa kan wayyoo qabu kan waggaa darbe maaraatoonii Landanitti fiigee jahaffaan xumuredha.
Kan inni dorgommicha xumuremmoo 2:05:25'dhaanidha.
Qananiisaanis morkii isaa itti fufeera. Gootichi fageenya dheeraa fiigicha 5,000m fi 10,000m guddoo irra aane.
Maaraatoonii erga fiiguu jalqabee Paaris fi Barliin mo'atus irra deddeebiin miidhamaan rakkataa ture.
Ta'us, morkiis, xiiqiis, fiigichas hin dhaabne.

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin waggaa 43 erga barri 2025 seene dorgommii dorgome hin qabu.
Haa ta'u malee, ALI bara 2016 Maaraatoonii Landanirratti hirmaatee 2:04:15'n lammaffaan xumure.
Yeroon inni maaraatooniii Barliinitti bara 2019'tti 2:01:41 itti seene ammallee yeroo saffisaa kan isaa maqaa isaatiin galmaa'edha.
Morkiin cimaadha, isaan daawwachuunis nama gammachiisa. Kipchooogeen ganna 40, Qananiisaan waggaa sadiin isa caala.
Garuu, morkattoonni isaan qofa miti. Atileetiin Keeniyaa Beensan Kipruutoo morkataa cimaadha.
Atileetiin Somaaliyaatti dhalatee Nezarlaandisiif fiigu, Abdii Nageeyee, waggaa darbe Niiw Yoork mo'ateera. Har'as ni dorgoma,
Shaampiyoonaaan biraa duraanii Niiw Yoork, Albart Kooriris ni dorgoma.
Atileetiin Itoophiyaatti dhalatee yeroo ammaa Ameerikaaf fiigu Abbaabiyyaa Simbaasaa kanneen eegaman keessaati.
Abbaabiyyaan bara 2024 Vaalensiyaatti 2:06'n maaraatoonii xumure.
Gara caalu Maaraatoonii Barliin irratti milkaa'e, si'a shan injifate. Kanneen keessaa lama riikardii addunyaadha.
Tarii Niiw Yoork dorgommii maaraatoonii gurguddoo warra jedhaman keessaa isaaf isa xumuraas ta'uu mala.
Karoora isaa garuu miidiyaan yeroo gaafatu, ''Antaartikaa keessa nan fiiga,'' jedhee dubbate.
'Ani sodaadheera'
Siifan sodaa qabdi. Booda kana maaraatoonii fiiguu eegaltuus Landan, Chikaagoofi Hagayyuma ji'a lama durammoo Siidnii dhaqxee mo'atte.
Ga'umsa, humna, akkasumas cichoomina itti dorgomtu garuu inuma qabdi.
Yeroon 2:18:22 waggaa darbe Chikaagotti itti mo'atte tarree atileetota dubartoota ishee dorgoman keessaa kan yeroo saffisaa qabdu ishee taasisa.
Rikardii bakkaa yoo cabsite wagga 22 booda ta'a, yoo mootemmoo erga 2018 atileettii Awuroppaa jalqabaa Niiw Yoorkitti moote taati.
Morkattoonnishee garuu baay'ee ciccimoodha.
Shaampiyoononni duraanii Sheeyilaa Chepkiruyii, Shaaron Loweekdii fi Heeleen Obirii ni eegamu.
Atileetonni US, UK fi kaanis jiru.
Shaampiyoonaan atileetiksii addunyaa duraanii atileetiin Itoophiyaa Gootaytoom G/Sillaasee ni eegamti.
Yeroo xumuraaf atileetiin Itoophiyaa dorgommii kana kan ijifatte bara 2011 dha. Isheenuu Fireehiwoot Daadoodha.
''Ani baay'een sodaadhe,'' jechuun shaampiyoonaan Olompikii Siifan Hasan gaafa Jimaataa rippoortarootatti dubbatte.
Namoonni kana dura Niiw Yoork ''cimaadha'' jedhanii akka itti dubbatan himte.












