Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa geejjiba baaburaa keemikaala fe'ee ture irra ga'een bineensoti 45,000'tti siqan du'an
Ji’a kana US, bulchiinsa Ohaayoo keessatti sababa balaa baaburaa mudateen bineensotni 45,000'tti siqan du’uu isaanii, anga’oonni kunuunsa naannoo himaniiru.
Wajjirri Qabeenya Uumamaa Ohaayoo balaa Guraandhala 3 irratti uumameen booda, jalqaba irratti bineensotni 3,500 du’u danda’u jechun tilmaama kennee ture.
Odeeffannoon kun hundi kan funaaname bakka balaan kun uumame irraa raadiyeesii 8km keessatti akka ta’e, anga’oonni himaniiru.
Balaa kanaan kutaaleen baaburicha 38 kan jijjigan yoo ta’u, isaan keessaa 11 mi’oota baay'ee summaa’oo ta’an keessa turan.
Boodarra jiraattonni naannichaa dhukkubbiin akka itti dhaga'amaa ture himaniiru.
Hoggantuun Waajjira Qabeenya Uumama Ohaayoo (ONHR), Meerii Mertiiz, ibsa Kamisa kennaniin, bineensota 43,700 du’an keessaa harki caalaa isaanii kanneen bishaan keessa jiraatan akka ta’anii fi bineensoti lafaa biroo du’an ammoo sababa keemikaalaan du’an jechuuf ragaan ga’ee argame hin jiru jedhaniiru.
Bineensota kunneen keessan kanneen yaddoo dhabamuu jala jiran ykn rakkoo lakkoofsi isaani hir’isuu keessa jiran akka hin jirre amanama.
Qurxummiin tokko tokko laga balaa kanaan hubamee turetti deebi’aa akka jiran argameera jedhaniiru.
Naannoo Laga Ohaayootti kemikaalota kana keessa kamuu bineensota ajjeesuu isaanii irratti wanti mul’isu hin jiru jedhaniiru.
“Keemikaaloti kunneen waan to’annoo jala oolaniif, mallattoolee bineensoti bishaan keessa jiran miidhamuu isaanii mul’isan dabalataa hin argine,” jechuun, bineensoti kunneen hundi kan du’an torban sadii dura battala balaan kun uumamettidha jedhaniiru.
Ibsa miidiyaaleef Washingitan DC’tti kenname irratti miseensi Bordiin Eegumsa Geejjibaa Biyyaalessaa (NTSB) Jenifar Homendii balaan kun “%100 ittifamuu danda’a ture,” jetteetti.
“Kun balaa miti. Wanti nuti qoranne hundi ittifamu danda’a ture.”
Gabaasi dhumaa ji’oota 12 fi 18 booda ta’uu mala, jechuun Aadde Homendiin himteetti.
Ibiddi bakka balaa kanaatti uumame Guraandhala 5 irratti to’atame.
NTSB akka jedhutti qorannoon balaa kanaa diizaayinii kutaalee fi marii baaburichaa, akkasumas ammoo deebii balaa sana booda taasifame irratti kan xiyyeeffatu ta’a.
Dhaabbatni baabura kana hogganu, Norfolk Southern, deebii balaa booda taasise sirriidha jechuun falmaniiru.
Roobii irratti haasaa CNN waliin taasisaniin, hoogganaan dhaabbatichaa Alan Shaaw, jiraattota naannichaaf beenyaa dolaara miiliyoona 6.5 kaffaleera jedhan.
Ministeerri Geejjibaa US, Piit Butiigeeg bakka balaan kun itti uumame daawwachuun, balaa uumame kanaaf dhabbata Norfolk Southern fi bulchiinsa duraanii Pirezidant Donaald Tiraamp, seera geejjiba baaburaa laffiseera jedhuun himateera.