Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Halaabaa magaalaa Qullitootti qeerransi namoota hedduu miidhe
Naannoo Uummatoota Kibbaa Godina Halaabaa magaalaa Qullitootti qeerransi ollaa jiraattotaatti seenuun namoota hedduurraan miidhaa ga'uu poolisiin naannochaa ibse.
Taateen kun Roobii kaleessaa- Guraandhala 22, 203 guyyaa keessaa naannoo sa'atii torbaatti mudate.
Qeerransi bakki irraa dhufe hin beekamne, tasuma magaalattii keessatti ganda Zobechame bakka Siddist kiiloo jedhamuun beekamutti hawaasa keessa seenuun burjaajessee hedduu miidhe.
Poolisii Naannoo Uummattoota Kibbaatti Hoogganaan Damee Miidiyaa Komaandar Itti Aanaa Taajuu Nagaash haleellaa qeerransi kun ilkaanii fi qeensa isaatiin namootarraan ga’een namoonni 13 miidhamuu BBCtti himan.
Namoonni miidhaman kunneen yeroo ammaa Hospitaala Jenaraalaa Halaabaa Qullitootti yaalamaa jiraachuu kan himan aanga’aan kun, miidhaa Kanaan namni lubbuun darbe akka hin jirre ibsan.
''Namoonni miidhaan irra ga’e yaala fayyaa argachaa jiru. Fayyummaansaaniis haala gaariirra jira.''
Qeerransi kun akkamiin magaalaa keessatti akka argame tilmaamuun rakkisaadha jedhan Komaandar Taajuu Nagaash.
''Magaalaa walakkaatti tasa argame. Manarraa manatti utaalaa namuma argate ciniinaa ture. Wayita kanas qeerransi kun rifatee waan tureef, namoonnis waan rifataniif hookkarri uumamee ture. Haala kana keessatti manuma akka carraa argate miidhe. Boodarra garuu ajjeefameera.''
Namoota miidhaman keessa daa’imman, dubartoonni fi dargaggoonni jiru kan jedhan Komaandar Taajuun, namoota kunneen irra-jireessaan mormasaanii ol miidhe jedhan.
''Qeerransi kun manaa-manatti utaalaa wayita argan namoonni walitti himuu eegalan. Kanneen oduu kana dhagahan ammoo manasaanii cufatanii hin teenye. Ilaaluuf gadi ba’an. Innis dhphatee loluu eegale. Kan itti dhufe hunda ciniinuu eegale, Ofiisaa dheessaa nama itti dhufe miidhe'' jedhan.
Taateen kun kanaan dura magaalattii keessatti mudatee akka hin beekne kann himan Komaandar Taajuu Nagaash, sanuu bakka bosonni hin jirre magaalaa walakkaatti taateen kun mudachuun waan raajiiti jedhan.
Magaalattii keessas ta’e naanawa ishee bosonni hagas mara miti jedhan, kunimmoo eessaa dhuftee qeerransa kanaa gaaffii keessa galcha jedhu.
Rakkoo mudate kana boda battaluma poolisoonni shan ramadamuun qeerransicha achuma magaalaa keessatti ajjeesan jedhan.
Yeroo dhihoo as binoonsonni bosonaa dhala namaarraa miidhaa geessisuun Itoophiyaa keessatti yaaddoo uumeera.
Bara haaraa Itoophiyaarratti Godina Jimmaatti qeerransi abbaa warraa fi haadha warraa ciniinee ajjeesuun, milishoota lama miidhee ture.
Aanaa Shabee Somboo, Magaalaa Shabee, Ganda Dirree Guddinaa bakka addaa Sabbaaqaa jedhamutti, abbaan warraa fi haati warraa kunneen hojii qonnaatii osoo galaa jiranii ture, qeerransi mooraa namaa keessa seenee ture itti bahuun miidhaa irraan geessiseen lubbuun isaanii kan darbe.
Bineensonni bosonaa hedduun wayita bakka jiraatanitti miidhaan uumamaa fi nam-tolchee irra ga'u dammaqanii ba'uun miidhaa namarraa geessisu, kanneen ofii miidhamanis jiru.
Kanaaf sababiin ijoon jijjiirama qilleensaa fi gocha lafa babal'ifannaa dhala namaati.