Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin namoota nama ajjeesan dinqisiifattu jaalalleeshee ajjeesuun hidhaa seente
Dubartiin taatoo namoota nama ajjeessuun beekaman dinqisiifattu, ofii isheetinis jaalallee ishee haaduun waraante ajjeessuun hidhaa umurii guutuun adabamte.
Sheyi Giroovis jedhamti, jaalallee ishee nama Firaank Fizgeraald jedhamu mana ishee Haamshir'tti argamutti morma erga kuttee booda si’a 17 qoma isaa keessa cupheen waraantee ajjeefte.
Kanas kan raawwattee Adooleessa bara 2022 keessa ture.
Dubartiin ganna 27 tunis ajjeecha raawwachuun amma itti murtaa'e kana kan raawwattee, odeeffannoo filmii dookimeentarii dhimma yakkaarraa argatteen karoorsite ajjeefte.
Abbootiin alangaa Winister Kiraawon yoo xiqqaate hidhaa waggaa 23’n akka adabamtu itti mure.
Jaalallee ishee kan ture Fizgeraald dargaggeessa ganna 25 yoo ta’u, abbaa ijoollee lamaati, Adooleessa 17, 2022 gara ganamaa keessa mana Giroovisitti ajjeeffame.
Giroovis wayita dhaddacha mana murtiitti dhiyaattutti, suuralee taatoo namoota walitti aansuun namoota ajjeesanii kutaa ciisicha ishee keessatti maxxanfachuu abbootii murtiitti himame.
Kana qofaa miti, haaduu fi faasii ykn dhagaraa fi goraadee kutaa ciisicha keessa akka qabduu abbootii alangaa himan.
Abbootiin alangaa akka jedhanitti, inaaffaarraa kan ka’e gocha kana raawwatte.
Fizgeraald osoo rafuu dhaamsa inni durba ganna 13’f miidiyaa hawaasarratti ergaa ture jette yaada dogoggoora horatteen ka'un gochaa suukanneessa akkasii jaalallee isheerratti raawwatte.
Dhaamsichi garuu Fizgeraald nama umurii ganna 17 waliin haasaa’e erga turee jedhame.
Abbaan alanagaa Istifan Periyaan KC, Giroovis beekumsa dokimentarii irraa argattetti gargaaramuun akka miidhaan saal-quunamtii irra gaheetti jaalallee ishee ajjeefte.
Kana qofas miti, Giroovis jaalallee ishee waliin wayita saalqunnamtii raawwatan viidiyoo agarsiisu waraaabde, gulaaltee akka waan gudeedamtetti namatti ergite.
Haata’u malee, viidiyoon inni sirriin jalqaba waraabame fedha isheerratti hundaa’uun saalqunnamtii raawwachuu ishee mul’ise.
Istifan Periyaan itti dabaluun akka himanitti, Giroovis taateewwaan yakkaa sirriitti dubbisuuni fi dokimeentarii ajjeechaa ilaaluun akkatti sobdee himattu beekti.
Haatii Fizgeraald Aadde Rosiniin barreeffama waa’e ilmasaanii mana murtii keessatti wayita dubbisan ,ilmasaanii ''nama bareeda fi ifaa’’ akka ture ibsan.
Abbaan Fizgeraald Obbo Beeriin haaluma walfakaatuun ajjeechaa ilma isaanittii guddoo gadduu ibsani turan.
Abbaan murtiii Kabajamoo Obbo Jastis Keer jedhaman’’ Giroovis dubartii inaaftuu fi garmalee abbaa warraashe to’attu turte jedhan.