Israa'el Gaazaa to'achuuf humna eeggataa 60,000 ta'u waraanatti waamte

Taankii Israa'el

Madda suuraa, EPA

Waraanni Israa'el guutummaa magaalaa Gaazaa haleeluun to'achuuf karoora qabate raawwachuu dura humna eeggataa hanga 60,000 ta'uuf waamicha godhe.

Hogganni waraanaa tokko humni eeggataa waamichi godhamuuf Fulbaana kana akka dhiyaatu, kanneen duula kararoorfameef bobbaafaman ammoo warra waraana idilee akka ta'an himeera.

Waraanni biyyattii ammayyuu karoora qabameef qophii gochuuf naannolee Zetuuniifi Jabaaliyaa jedhaman keessatti socho'aa akka jiranis dabaluun ibseera.

Ministirri Ittisaa biyyattii Israa'el Kaatzi Kibxata kaleessaa waayee karoora kanaa kan mirkaneessan yoo ta'u, karoorichi dhuma torbee kanaatti kaabinee biyyattiif ni dhiyaata.

Karoora kanaan walqabatee Filisxeemonni kumoota dhibbaan lakkaa'aman magaalaa Gaazaa gadhiisanii akka bahan akka ajajamaniifi dahannoowwan Kibba Gaazaatti argamutti akka godaanan godhama.

Michuuwwan Israa'el hedduun karoora kana mormaniiru

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomaniifi dhaabbileen miti mootummaa biroon ammoo haleellaan lafoo marsaa biraan buqqaatii dabalataa hamaa ta'e uumuu waraanni eegalee ji'oota 22 boodas dhiibbaa namoomaa balaafamaa uuma jedhan.

Mootummaan Israa'el haleellaa haaraa guutumaa ulaa Gaazaatti banuuf akka jiru kan beeksise mariin al kallattii Hamaas waliin dhukaasa dhaabuufi namota butaman gadhiisuurratti gaggeeffamaa ture ji'a darbe fashaluusaa boodadha.

Jaarsoliin araara buusuuf naannichatti socho'an haleellaan Israa'el karoorsite kun eegaluu dura waliigalteen tokko akka gahamu tattaaffii cimsaniiru. Guyyoota 60 dhufaniif dhukaasni dhaabatee namoota butamanii jiran 50 keessaa walakkaan akka gadhiifaman karoora haaraa dhiyeessaniiru. Karoora kana akka fudhatu Hamaas Wiixata darbe beeksiseera.

Irsaa'el garuu hanga ammaa ifatti deebiin kennite hin jiru. Haata'u malee aanga'oota biyyattiirraa yaadni Kiibxata dhagaahame garuu biyyattiin waliigaltee guutuu yoo ta'e malee yaada amma dhiyaate akka hin fudhanneefi namootni butamanii jiran marti akka gadhiifaman ejjennoo qabachuusheeti. Ammatti namoota butamanii harka Hamaas jiran keessaa 20 qofatu lubbuun jira jedhamee amanama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni Ittisaa Israa'el ibsa baaseen waamichi humna eeggataa hanga 60,000 ta'aniif dhiyaate kan labasame Roobii har'aati.

Dabalataan humnoota eeggataa 20,000 amma dura waamichi godhameefi kaampii turaniif yeroon turtisaanii akka dheeratu beeksiseera.

Qondaalli waraanaa Israa'el tokko ajajoonni waraanaa karoora dhawaataa fi xiyyeeffannoodhaan magaalaa Gaazaa keessaafi naannawa sanatti oppireeshinii gaggeessuurratti waliigalaniiru jedhan.

Karoorri kun guyyoota dhufan muraasa keessatti akka xumuramus eegama.

Kutaaleen waraanaa shan duula kana keessatti akka hirmaatan ondaalli kun ibsaniiru.

Barruun Haaretz jedhamu Ministira Ittisaa Kaatiz waabeffachuun akka gabaasetti ''duulli kun wayita xumuramu, haalli Gaazaa ni geeddarama, akka kana duraa hin fakkaattu'' jedhan.

Dabaluunis uummata magaalaa Gaazaa Kibba Gaazaatti dahachiisuuf karoorri qabamuus gabaase.

Kanaafis waraanni biyyattii al-Mawaasii jedhamutti buufta nyaatni itti qoodamuufi buufata waldhaansaa ijaaraa jira.

Ministirri Muummee Beenjamiin Netaaniyaahuu kaayyoon waraana isaanii namootni Hamaasiin butamanii jiran marti akka gadhiifaman gochuufi gareen hidhataa Filisxeem kun guutummaatti injifatamuu mirkaneessuu akka ta'e ibsan.