Hamaas egereen isaa Gaazaa keessatti maal ta'a?

Madda suuraa, EPA-EFE / REX / Shutterstock
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu "Gaazaa guutummaatti to'achuufi Hamaas dhabamsiisuuf" qophaa'aa jirra jedhe.
Haata'u malee, gaaffiifi deebii televizhinii Ameerikaa Fox News jedhamu waliin taasiseen garuu, Israa'el "aangoo qabattee bulchuuf Gaazaa keessatti hafuuf" fedhii akka hin qabne akeekee ture.
Dubbiin Netaaniyaahuu ammoo, duraanuu dhiibbaa naannoofi idil-addunyaarraa kan itti dhufaa jiru, Hamaas irratti dhiibbaa dabalataa fideera. [Israa'el fi biyyoonni tokko tokko Hamaas ofirraan ittisa kan jedhu dhiisee akka hidhannoo hiikkatu barbaadu.]
Hamaas garuu hanga biyyi Filisxeem hundeeffamutti, akkasumas hanga Israa'el daangaa Filisxeem humnaan qabatte gadhiistutti tarkaanfii akkasii kana hin fudhadhu jechuun dhiibbaa irra gahaa jiru didee dura dhabataa jira.
Hamaas dhimma kana ilaalchisee ibsa guyyoota muraasa dura baaseen ejjennoo isaa ifa godheera.
Yeroo hidhannoo isaa hunda lafa kaa'ee adeemsa marii nagaatiif karri dippilomaasii banamee gara furmaata biyya lama walbiratti hundeessuu jedhutti geessuuf dhiibbaan irratti taasifamu dabalaa jirutti ture ejjennoo isaa kana kan ibse.
Kora idil-addunyaa waajira muummee dhabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Niiwu Yoorkitti argamutti Adoolessa 17 Sa'ud Arabiyaa fi Faransaay ispoonsara ta'uu qopheessanirratti Gamtaa Awurooppaa fi Liigi Arabootaa dabalatee biyyoonni 17 dhimma Filisxeem ilaalchisuun ibsa ejjennoo waloo baasaniin fala biyyoota lama wal biratti hundeessuu (Two State Solution) hojiirra oolchuun nagaan akka bu'uufi gaafataniiru.
Ibsi Niiwu Yoork kun, keewwata 42 kan qabu yoo ta'u, Hamaas Gaazaa to'achuu dhiisee meeshaa waraanaasaa Abbaa Taayitaa Filisxeemitti akka dabarsu gaafata ture.
Hamaas loluu itti fufa

Madda suuraa, EPA
Gaaffiifi deebii Al Jazeera Mubasher Dohaa irraa tamsa'u waliin taasiseen, hogganaan Hamaas Ghaazii Hamad gareen isaa kun "hidhannoo hin hiikkatu". "Meeshaa waraanaa jechuun dhimma Filisxeemidha".
Hanga biyyi Filisxeem hundeeffamutti itti fufee loluudhaaf Hamaas qophiidhas jechuun cimsee dubbate.

Madda suuraa, Amr Alfiky / Reuters
Yunivarsiitii Al-Ummaah Gaazaa keessa jirutti piroofeesara saayinsii siyaasaa kan ta'e Hasan Al-Dajanii, miidiyaaleen Labsii Niiwu Yoork Keewwata 11 irratti baayyisanii xiyyeeffataniiru jedhee amana.
Keewwanni 11 kun ammoo "bulchiisni gaarii, seera kabachiisuufi dhimmi nageenyaa naannawaa Filisxeem hunda keessatti itti gaafatamummaa Abbaa Taayitaa Filisxeemoo qofaadha jedha.
Keewwati kun dabalataan "Hamaas Gaazaa to'achuu dhiisee hidhannoo isaa Abbaa Taayitaa Filisxeemitti akka kennuuf" gaafata.
Labsicha keessa keewwata 41 biroon akka jiran ibsa Al-Dejaaniin. Gariin keewwata kanneeniin akka biyyaatti hundeeffamuu Filisxeem fi Israa'el waliin waliin jiraachuun barbaachisaa ta'uu ibsa.
Al-Dajaaniin akkas jechuun BBCtti hime: "Keewwatawwan labsii Niiwu Yoork kaan hojiirra oolaan, keewwaanni 11 dhimma ifa ta'edha."
Dursi biyyummaa Filisxeemidha

Madda suuraa, Haitham Imad / EPA-EFE / REX / Shutterstock
Hamaas Yunaayitid Isteetis, Biriteen fi biyyoota Lixaa birootiin akka dhaabbata shororkeessummaatti farrajameera.
Hamaas biyyi Filisxeem takkaa hundeeffamnaan hidhannoo isaa Abbaa Taayitaa Filisxeemitti akka kennu irra deddeebiin beeksiseera.
Qondaalli nageenyaa Hamaas yeroo tokko gareen isaanii kun Gaazaan garri caalu to'annoo isaanii jalaa bahuu BBCtti himee ture.
Hamaas ammallee Gaazaa keessaa caasaa bulchiinsaa ni qaba. Gurmuun nageenyaa isaa haaraa "Arrow" jedhamuun beekamu nageenya ummataa eegsisuuf, akkasumas gargaarsi Gaazaa seene akka hin hatamne dhorkuuf hojjechaa jira.
Haata'u malee, ji'oota 22 booda erga Onkoloolessa 7, 2023 haleellaa Israa'el irratti banee booda, haaloo ba'uuf jecha tarkaanfii humna waraanaa Israa'el fudhate hordofee, Hamaas fi humni waraanaa isaa waan dadhabe fakkaata.

Madda suuraa, Mohammed Saber / EPA-EFE / REX / Shutterstock
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala kanaan, Hamaas bu'aan haleellaa Onkoloolessa 7 maal akka hordofsiisu "sirriitti hin ilaalle" jedha gorsaan Chaantaam Hawus, Landan UK keessa jiru Piroofeesar Yosii Mekelberg.
Karaa biraan, maddeen Gaazaa keessaa akka gabaasanitti, Hamaas ammallee meeshaa qabatee jira, garuu kuusaan meeshaa waraanaasaa dhumachuutti dhiyaateera.
Maddeen kunneen itti dabaluun, loltoonni Hamaas boombiiwwan haleellaa Israa'eliin booda hafan irra deebiyanii fayyadamaa jiru jedhu.
Isaan akkas ammoo baayyeen isaanii waan hin dho'iiniif dhootuu ittiin boombiiwwan mana keessatti tolfaman hojjetanii loltoota Israa'el ittiin haleelan isaan gargaaran argachuu isaan hin dandeessisna.
Israa'el geezexeessitoonni idil-addunyaa Gaazaa akka seenaniif waan hin hayyamneef, dhimma kana addatti qulqulleeffachuu hin dandeenyu.
Kun osoo kanaanjiruu, Filisxeemonni Gaazaa keessa jiran aarii Hamaasirratti qaban ibsachaa jiru. Aminsitii Internaashinaal ammoo duula gareen kun Gaazaa keessatti warra Caamsaa keessa Hamaas mormuun hiriira bahan irratti taasisu "hacuucaaf= fi doorsisa" gaggeessaa jira jechuun balaaleffateera.

Madda suuraa, EPA
Ejjennoo biyyoota Arabaa
Miseensa biyyota 22 kanneen deeggartoota Hamaas jedhaman warra akka Qaataar dabalatee Liigiin Arabaa, sochii hidhannoo hiikkachiisuu jajjabeessuuf labsii Niiwu Yoork kana mallatteessaniiru.
Piroofeesar Mekelberg Israa'el fi Yunaayitid Isteetis Hamaas ilaalchisuun ejjennoodhuma isaanii baratamaa qabatamnii itti fufaniiru jedhee amana.
Haata'u malee, ejjennoon biyyoota Arabaa garuu jijjiirameera jedha. Dhiibbaan Arabaa fi biyyoota naannicha keessa jiraniirraa dabalaa dhufuun Hamaas "akka guutummaatti marfamee" fi dadhabaa deemeen arga jedha Mekleberg.
Akka naannootti, sochiin hidhannoo michoota mnuraasarraa kan hafe deegarsa dhabaa jira. Waraana guyyaa 12 ji'a Waxabajjii keessa Israa'el fi Iraan gidduutti gaggeeffameen humni Tehiraan itti fuftee Hamaas deeggaruu baayyisee laafeera.
Naannicha keessatti gareen michummaa Iraan qabu guddaa ta'e Heboollaan haleellaa Israa'el irratti gaggeessiteen dadhabeera. Lola hamaa waggaa tokko tureen Israa'el gaggeessitoota dhaaba kanaa ajjeesteetti.

Madda suuraa, Amir Cohen/Reuters
Egereen Hamaas maal ta'a?
Egereen Hamaas maal akka ta'uuf jiru tilmaamuun baayyee ulfaataadha. Gareen kun yoo Filisxeem akka biyyaatti kan hundooftu taate hidhannoosaa akka hiikkatu dubbateera.
Kun ammoo hanga mootummaan Israa'el dhimma kanarratti ejjennoo amma qabatee jiru hin jijjiirretti waan ta'u hin fakkaatu.
Xiinxaltoonni Hamaas hidhannoon ofirraa ittisuu ykn hidhannoo hiikkachuun osoo milkaa'eellee gareen kun ni bada jechuu miti jedhanii amanu.
Yoosii Mekeleberg Hamaas "gara fuula duraatti deebisee of ijaaruun" siyaasa Filisxeem keessatti daangaa Filisxeem keessaafi alattillee dursaa ta'uuf carraa qabaachuu mala jedhee tilmaama.
Haatau malee, haleellaa Onkoloolessa 7 booda oppereeshinii waraanaa Israa'el gaggeessaa jirtu akkuma jirtti ta'ee, kun hunduu ejjennoo Isrfaa'el carraa biyyummaa Filisxeem, akkasumas fudhatama Hamaas irratti qabdurratti hundaa'a.












