"Haakaroonni' sirna viizaa elektirooniksii Somaaliyaa butuu US fi UK akeekkachiisan

Namoonni 35,000 balaadhaaf saaxilamaniiru

Madda suuraa, Villa Somalia

Sirni viizaa elektirooniksii Somaaliyaa butamuun odeeffannoon namoota kuma kudhaniin lakkaa'amanii saaxilamuu danda'a jechuun Imbaasiin Ameerikaa Somaaliyaa keessatti argamu akeekkachiiseera.

Akka imbaasiin kun ibsutti '' 'haakaroonni' eenyummaan isaanii hin beekamne'' waltajjii E-viizaa mootummaa Somaaliyaa keessa seenuu isaa oduu amanamaa ta'e argateera. Kunis yoo xiqqaate namoota 35,000 balaadhaaf saaxiluu danda'a.

"Haakaroonni' kunneen maqaa, suuraa, guyyaa dhalootaa, teessoo manaa fi iimeelii namoota dabalatee odeeffannoo dhuunfaa hedduu toora interneetii irratti qoodan.

"Balaan daataa kun itti fufee jira, odeeffannoo dhuunfaa sirnicha keessa galchitu kamiyyuu saaxiluu danda'a," jechuun UK'n lammiileeshee akeekkachiisteetti.

"Somaaliyaatti imaluuf osoo E-visa hin guutin dura balaa jiru hubadhu." jedhan

Dhimma kana ilaalchisee angawoonni Somaaliyaa hanga ammaa yaada hin kennine .

Garuu mootummaan ibsa osoo hin kennin tajaajila viizaa isaa evisa.gov.so irraa gara etas.gov.so, jijjiireera.

Somaaliyaa tibbana sirna imalashee jijjiirteetti. Imaltoota Somaalilaand fi Puntlaand irraa dhufan dabalatee namni achiitti imalu hundi viizaa seensaa argachuuf toora interneetii irratti iyyata akka galfatan gaafata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qeeqxonni akka jedhanitti imaltoonni naannolee tokko tokko keessatti kaffaltii dabalataa isaan mudatee jira, kunis kaffaltii dachaa ta'a.

Kunis imaltoota irratti kaffaltii dachaan dabala jechuun qeeqxonni dubbachaa jitu.

Somaalilaand bara 1991 Somaaliyaarraa adda baatee 'ofumaan biyya walabaa ofiin jechuun' bulchaa jirti, garuu hanga yoonaa biyyi beekamtii kenniteef hin jiru.

Somaaliyaan ammas akka bulchiinsa isheetti ilaalti.

Duraanuu Moqaadishoo fi Hargeyisaan to'annoo qilleensaarratti waldhaba qabdi. Ammaa

jijjiiramni imalaa fi daataan butamuun kun haala jiru hammeessa.

Torbe kana erga pirezidaantiin Somaalilaandi Abdirahman Irro Somaalilaandiin E-Visa Somaaliyaa hin fudhattu jedhan waldhabdeen isaanii daran hammaateetti.

Daandiiwwan qilleensaa naannoo qilleensaa ishee seenuu dura Hargeyisaa irraa hayyama argachuu akka qaban ajaje.

Haata'u malee daandiiwwan qilleensaa gurguddoon hayyama E-Viizaa Somaaliyaa malee imaltoota fudhachuu didaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Somaalilaandi Abdirahman Dahir Aadan sirni e-Visa Somaaliyaa nageenya akka hin qabne ibsuun ''namni gara Somaalilaandi imalu kamiyyuu yeroo achi ga'u viizaa isaanii argatu'' jechuun cichanii dubbatan. Kunis akka odeeffannoon dhuunfaa harka garee badii hojjetanii hin seene eeguuf jedha.

Sababa waldhabdee kanaaf namoonni gara Somaalilaandiitti imalan buufata xiyyaaraatti danqamaniiru.