Arsenaal 4 Luutan 3: Tapha daqiiqaa dhumaarratti miira Arsenaal olkaase

Diklaan Raayis bara kana goolii daqiiqaa 90ffaa booda wayita kun galchu kun kan lammataati

Arsenaal tapha Kibxata galgala gara Lutan Siitii imaluun taphateen goolii 4 fi 3n mo'achuun miira kilabicha olaantummaan dursuuf qabu gabbifateera.

Taphataa gameessi sarara gidduu Diklaan Raayis daqiiqaa 97ffaarratti goolii lakkoofsiseen Arsenaal qabxii sadi argateera.

Bara kana gara Arsenaal kan dhufe Raayis, daqiiqaa 90 booda goolii wayita galchu kun kan lammataati.

Piriimiyeer Liigii Ingilizii dursaa kan jiru Arsenal tapha Luutan waliin taphaterratti hamma xiqqoof qabxii gatuurraa baraarame.

Dirree kubbaa miillaa Kenilworth Road keessaa qabxii tokko qofa fudhatee ba'uuf sekondiin muraasi wayita isa hafu gumaacha Raayisiin baraarameera.

Arsenaal amma kilaba lammaffaarra kan jiru Liverpuuliin qabxii shaniin caalee jalqabarra jira, garuu osoo sekandii xumuraatti Raayis goolii hin galchine ta'ee carraan Liiverpuul tokkoffaa ta'uu bal'aa ture.

Liiverpuul har'a galgala Sheefiildi Yunaayitid waliin tapha 15ffaasaa taphata. Hanga ammaa Arsenaal, Luutan, Woolvis fi Burniliin tapha 15ffaasaanii taphataniiru.

Liiverpuul taphi tokko osoo isa hafuu qabxiin shaniin Arsenaal booda hafuun lammaffaarra jira.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa taphicha booda yaada wayita kennu, ''Tapha bareedduu, mo'icha mi'ooftuudha. Garuu Luutanis tapha bareeda taphatan. Inumaa akka onnannee taphannu nu taasisan,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaal bara darbes gara jalqabaa dorgommii kana dursaa ture, garuu boodarra shaampiyoonaan bara darbee Maanchistar Siitiin hin eeyyamneef.

Baranas liigicha dursuu eegalaniiru, garuu miira bara darbee fooyyessuun akkamiin hanga dhumaatti (waancaa) deemuu danda'u kan jedhu gaaffiidha.

Dorgommii baranaarratti garuu Arsenaal waan harka kennaa jiru hin fakkaatu, hanga dhumaatti ijibbaata falmatanii qabxii argatanii ba'aa jiru.

Keessattuu taphataa gameessi kilabichi bara kana fidate Diklaan Raayis daqiiqaa 90 booda goolii galchuun beekama.

Fulbaana darbes tapha Maanchistar Yunaayitid waliin taphatan irratti daqiiqaa dhumaarratti goolii lakkoofsiseen Arsenaal 3 fi 1n mo'ateera.

Arsenaal gooliiwwan hanga ammaa daqiiqaa xumuraa irratti galcherraa qabxii sagal walitti qabateera. Kun cichoomina kilabichaa agarsiisa jedhu xiixnaltoonni kubbaa miillaa.

Taphataan sarara fuulduraa Niwukasil kan ture Alaan Shiirar ''inifannoo daqiiqaa xumuraa akkaan jajamuu qabuudha. Kilabii harka hin kennine, kilabii kabaji maluuf,'' jechuun Arsenaal jaje.

Arteettaan yaada taphataa gameessa kanaarratti waliigala.

''Garechi miira kutannoo agarsiiseera. Dandeettii, cichoomina fi fuulduratti adeemuu...kana irraa argine,'' jedhe Arteettan.

''Harka hin kenninu, hanga xumuraatti cimnee hojjenna.''

Deeviid Raayaa kubbaan Roos Baarkilee rukute akka galu eeyyamuun taphicha 3 fi 2n Luutan akka dursu taasise

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Deeviid Raayaa kubbaan Roos Baarkilee rukute akka galu eeyyamuun taphicha 3 fi 2n Luutan akka dursu taasise

Arsenaal ga'umsa ajaayibaa fi cichoomina guddaa agarsiisus, Arteettaan garuu hanga ijoolleensaa goolii afur galchanii irra aananitti mufannaa keessa ture.

Ammas taanaan tapha kanatti akka hin quufne ibseera.

''Waan fooyyessuu qabnuudha. Dirree namaarratti dhaqanii goolii sadi ofitti galchanii galuun haala dorgommii ulfaataa taasisa,'' jedhe.

''Garee kaaniif beekamtiin (credit) kennamuu qaba. Dandeettii ajaayibaan taphatan. Garee kamuu jilbeenfachiisuu akka danda'an agarsiisan,'' jechuun raawwiin Luutan salphaa akka hin turre ibse Arteettaan.

Kilaboota liigicha keessa jiran keessaa kan akka Arsenaal dogoggoraan goolii ofitti galchu hin jiru.

Haalli kun Deeviid Raayaatiinis hin soroorfamne. Arteettaan erga bara kana Deeviid Raayaa Bireentifoordi irraa ergisaan fudhatee gooli eegaa gameessa Arsenaal Aaron Ramsideel irra caalchifateera.

Raamsideel bara taphaa darbe taphoota 38 (hunda) irratti hirmaachuun nama Arsenaaliif gumaacha guddaa godheedha.

Barana garuu yeroon inni hirmaate akkaan muraasa.

Deeviid Raayaa tapha Luutan waliin taphatan irratti dogoggora inni hojjeteen gooliin lama gale.

Garuu Arseenaal taphoota afran darban walitti aansuun mo'achuunsaa hamilee guddaa ta'eeraaf, morkattoota isaattis ija jabinaan akka dhihaatuuf humna ta'aaf.