Taphattoonni Maanchistar Siitii murteessaa marsanii mudduu booda kilabichi himatame

Taphattoota Siitii murteessaa jidduu marsanii aarii ibsan

Madda suuraa, Getty Images

Maanchistar Siitii tapha Dilbataa Totanihaam wajjin qixa bahanirratti, taphattootasaa to'achuu hin dandeenye jedhamuun Waldaa Kubbaa Miilaan himanni irratti baname.

Taphattoonni Siitii murteessaan jidduu Saayiman Huuppar otoo Jaak Giriilish kubbaa qabatee gooliitti fiigaa jiruu, rukuttaa adabbiif dhaabsisuu hordofee isa marsan.

Aabba Huuppar gara jalqabaa Siitiif carraa eeggachuun (advantage) akka taphatan mallattoo kan agarsiisan tahus, erga Halaand kubbaa dabarsee booda taphicha fiishkaa isaaniin adda kutan.

Kunis taphattoota dabalatee, deeggartoota Siitii guddoo dallanse.

Taatee kana hordoefee kilabichi himannaa FA'n irratti dhiyaateef deebii kennuuf hanga Mudde 7 guyyaan kennameeraaf.

Ibsi FA waan jedhe, kilabni bara dabre shaampiyoonaa tahe kun "taphattoonni isaa haala sirna hinqabneen miirasaanii ibsachuurraa to'achuu hin dandeenye."

Jifataan kilabichaa Erliing Halaand kanneen aariisaanii akkaan ibsatan keessaati.

Halaand dirree keessa murteessaatti aariisaa agarsiisuu bira dabree, dirreen alattis marsaalee hawaasaa gubbatti baheera.

Taphichaan booda X, kan amma dura Twitter jedhamu irratti jecha safuu "Wtf" jedhu fayyadamee viidiyoo taatee sanaa qoode.

Tahus qaamni kubbaa miilaa biyya Ingiliiz bulchu - FA'n tapha kana ilaalchisee himannaa biraa akka hin dabarsine barameera. Kanaafis Halaand dhuunfaatti adabbiin dabalataa isa hin eeggatu.

Siitiin taphoota Pirimeer Liigii sadii walitti aansuun qixa kan bahe oggaa tahu, Liigicha kan dursu Arsenaalin qabxii sadiin caalamuun sadeessoorra jiru.