Andiree Onaanaa Piriimer Ligii keessaa 'karra eegaa cimaa lammaffaadha'- Erik Ten Haag

Andiree Onaanaa

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Erik Ten Haag karra eegaan keenya Andiree Onaanaa ‘‘ragaa’’ irratti hundoofnee yoo ilaalle Piriimer Liigii keessaa karra eegaa cimaa lammaffaadha jedhan.

Onaanaa amma umuriin isaa ganna 27 kan tahe, dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti dogogora gurguddaa hojjeteen kilebichi garee isaa keessaa dumarra jira.

Tapha Galatasaaree waliin taasisan irratti dogogora lama hojjechuun Maan Yuunaayitid qixa 3-3 xumure.

Haa tahu malee dorgommii Piriimer Liigiidhaan osoo galchiin irratti hin lakkaa’amiin taphoota shan xumuruun sadarkaa jalqabaa irra jira.

Akkasumas Onaanaan kubbawan galchii tahuu malan 3.67 ittiseera. Kun ammo Liigicha keessaa karra eegaa lammaffaa isa taasisa.

Karra eegaa Luuton Taawon Toomaas Kaminiskii qofatu kubbawan galchii tahuu malan 6.3 deebisuun isa caala.

Ragaan kun Opta irraa kan argame yoo tahu, galchiiwan irratti lakkaa’aman, kubbawan carraa galchii tahuu qaban irraa hir’ifamuun kan hojjetamedha.

Karra eegaa isaa paawondii miliyoona 47 oliin Inter Miilaan irraa Maan Yuunaayitiditti makameef kan falme Ten Haag, ‘’yoo ragaalee irratti hundaa’uun sirriitti xiinxalte Piriimer Liigii keessaa karra eegaa cimaa lammaffaadha. Kubba galchii tahuu malan ittisuun akkasuma lammaffaa irra jira’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa tahu malee Onaanaan Tarkiitti qofa osoo hin taane tapha Baayern Munik waliin taasisanii 4-3’n Yuunaayitid mo’ame irrattis dogoggora hojjetee galchiin irratti lakkaa’ame.

Ten Haag tapha har’a Niwkaastil waliin qaban irratti, ‘’haala gaariittii qophaa’aa jira, akka dogoggora hojjetes beeka garuu ji’oota jalqabaa shaman darban yoo ilaaltu haala gaariin taphachaa jira’’ jedhan.

"Dogoggora Baayern Munik irratti hojjeteen booda tapha Barnilee waliin taasisne irratti akkamiin akka deebii kenne yoo ilaalte, adda ture. Taphataa cimaa waan taheef haala kana keessas ni darba,’’ jedhan.

Akka ragaa Opta'tti Onaanaan Shaampiyoonsi Liigii irratti qofa dogoggora afur hojjete. Kun karra eegaa kamiyyuun ol ture.

Morkattoota irraa kubbi gara galchii isaatti yaalama jedhamee eegame 15.4 ture. Kunis kan Piriimer Liigiin yoo wal bira qabamudha.

Kubba inni sarara gidduu irraan waayillan isaan biraan geesise 34 yoo tahu, Ten Haag kanumaaf isa barbaade. Kun Shaamiyoonsi Liigii keessaa karra eegaa jabaa sadaffaa isa taasisa.

Erga bara 2006-07 as Piriimer Liigii keessattis karra eegaan maan Yuunaayitid tokkoyyuu akka Onaanaatti daqiiqaa 90 keessatti gidduugaleessaan kubbaa si’a 43.7 tuquun isaan keessa 25.6 qixa sirriin waayillan isaaf dabarsee taphate hin jiru.

Kanaaf Ten Haag ragaalee akkanaa yoo ilaalle karra eegaa cimaa Piriimer Liigii keessaati jedhan.