Walta'insi Nato maali, biyyoota kam fa'itu miseensa?

Soldiers from Nato countries taking part in an exercise in Estonia, 2021

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni biyyoota Nato shaakala waraanaa gubbaa

Pireezidantiin duraanii US Donaald Tiraamp, Raashiyaan biyyoota miseensa Nato ta'anii maallaqa gahaa hin baasne akka haaleeltu "nan jajjabeessa" jechuu hordofee, qeeqamaniiru.

Biyyoonni miseensa Nato (Neetoo jechuun dubbisu) ta'anii, galma walta'insa kanaa kan tahe - galiisaanii biyyoolessaa irraa %2 bajata waraanaaf ramaduu dadhaban irratti haasaan taasisan hoogganaan walta'insa kanaa guddoo qeeqaniiru.

Jens Istoltanbarg yaadni pireezidaantii duraanii kun, waraana biyyoota Awurooppaa fi US balaaf saaxila jedhan.

Walta'insi biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa walitti fidu Nato, erga Raashiyaan Yukireen weerartee booda, miseensota haaraa ofitti dabaluun humnasaa cimsachuu fedha.

Nato'n maali, yoom hundaa'e?

Nato, gabaajee 'North Atlantic Treaty Organization' ykn 'Dhaabbata Waliigaltee Kaaba Atilaantikii' jedhurraa kan dhufedha. Walta'insi kun US, UK, Kaanaadaa fi Faransaay dabalatee biyyoota 12n bara 1949tti hundaa'e.

Galmisaa gaafasiis babal'insa Gamtaa Soviyeet qolachuu ture. Gamtaan Soviyeet (Soviet Union), garee biyyootaa Raashiyaa of keessatti hammate ture.

Miseensonni garee Nato akkas jechuun waliigalan: nu keessaa tokko haleelamnaan, biyyoonni biroo hundi birmachuufi qabu - humna waraanaa fayyadamuus dabalatee.

Nato'n waraana mataasaa hinqabu. Garuu miseensonni muddama dhalateef deebii waraanaa waloo taasisuu danda'u. Kana malees karoora ittisaa waliin tahuun qindeessu, shaakala waraana waloos ni taasisu.

Guraandhala 2022 keessa Raashiyaan Yukireen weeraruu hordofee, Nato'n gochaan kun "nageenya michootasaaf sodaa cimaafi kallattii" umeera jedhe.

Biyyoota kamtu miseensa?

Nato'n Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessaa miseensota 31 qaba.

Bara 1991 erga Gamtaan Soviyeet jigee booda, biyyoonni Baha Awurooppaa hedduun walta'insa kanatti makaman: Albeeniyaa, Bulgaariyaa, Hangaarii, Poolaand, Cheek Rippabliik, Isloovaakiyaa, Romaaniyaa, Lituweeniyaa, Laativiyaa fi Estoniyaa.

Map of Nato members and countries wanting to join it

Weerara Raashiyaa hordofee Swiidin fi Finlaand Caamsaa 2022 keessa garee kanatti makamuuf gaaffii dhiyeessaniiru. Biyyoonni lamaan kun nageenya isaaniif yaadda'an.

Biyyi daangaa km1,340 Raashiyaa waliin qooddattu Finlaand, Ebla 2023 keessa miseensa Nato taate.

Swiidin gamasheetiin miseensa walta'insa kanaa ta'uuf sagalee Hangaarii qofa eeggatti.

Boosniyaa fi Herzegoovinaa fi Joorjiyaan miseensa Nato tahuu fedhu.

Biyyoonni Nato hangam waraanaaf oolchu?

Nato'n biyyoonni miseensa tahan galiisaanii biyyooleessaa keessaa yoo xiqqaate %2 waraanaaf baasii akka taasisan gaafata.

US %3.5tti kan siqu baasti. Biyyoonni Raashiyaa wajjin daangaa qooddatan kanneen akka Poolaand fi biyyooti Baaltikii, ittisaaf %2 caalaa baasu.

UK'n gamasheen %2 ol baasti.

Haatahu malee, 2023 keessa biyyoonni akka Faransaay, Xaaliyaan fi Ispeen hanga gaafataman gaditti baasan.

Cart showing how much Nato member states spent on defence in 2023

Yukireen kan Nato'tti makamtu yoomi?

Akka Nato'n jedhutti, Yukireen miseensa ta'uu dandeessi - garuu kun yoom akka tahu hin mirkaneessine.

Fulbaana 2022 keessa Pireezidantiin biyyattii Zelenskiin gaaffii "miseensa tahuu ariifachiisaa" jechuun dhiyeessan kuffiseera.

Jens Stoltenberg greets President Volodymyr Zelensky of Ukraine at a Nato summit

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaan Nato Jens Stoltenberg, Yukireen "turtiin booda" miseensa taati jechuun Pireezidant Zeleskiitti himan

Raashiyaan irra deddeebiin miseensummaa Yukireen falmaa turte. Kunis humnoonni walta'insichaa daangaasheetti dhiyaatu sodaa jedhurraa kan ka'edha.

Yukireen wayita Raashiyaa wajjin walwaraanaa jirtutti Nato'tti makamuu akka hin dandeenye beekti. Tahus akkuma lolli kun dhaabateen miseensa tahuu feeti.

Erga Waxabajjii 2023 Manni Maree Nato-Yukireen, biyyattiin lola Raashiyaa wajjin itti jirtuuf akka ofirraa qolattu deeggarsa akka akkaa taasiseera.

Biyyoonni Nato meeshaalee waraanaa akkamiifaa Yukireeniif kennan?

Akka gareetti Nato'n meeshaa waraanaa kamuu Yukireeniif hin ergine. Haa ta'u malee biyyoonni miseensota ta'an hedduun dhuunfaatti erganiiru.

Ameerikaa, UK, Jarmanii fi Tarkiin; meeshaalee waraanaa kanneen akka farra-taankii, sirna ittisaa misaa'elaa, meeshaa akka madifii, taankiiwwaniifi diroonii waraanaa erganiiru.

US fi UK'n misaa'elota karaa dheeraa qaxxaamuran erganiiruuf.

An ATACMS missile being fired

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan misaa'ela karaa dheeraa qaxxaamuru ATACMS kennaafii jirti

Kana malees Ameerikaan biyyoonni miseensa Nato ta'an kaan jeettii waraanaa kanneen akka F-16 akka dhiyeessaniifi paayilatoonni Yukireen balaliisuu akka danda'an leenjii akka kennan deeggarteetti.

Nezarlaandis jeettiiwwan 18 gosa F-16 dhiyeenya erguu akka maltu akeektee jirti.

Ta'us garuu biyyoonni Nato loltoota isaanii gara Yukireenitti egaa hin jiran. Yookis humnoonni isaanii daangaa qilleensaa naannichatti zoonii balalliirraa dhorkaa tahe jechuunis hin labsine. Maaliif jennaan, kuni kallattiin Raashiyaa wajjin lolatti naqa.

Nato'n Raashiyaa qolachuuf maal hojjetaa jira?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2023 keessa komaandaroonni Nato, haleellaa Raashiyaa gama Arkitiikii fi Atilaantikii kaabaa, jiddugala Awurooppaa fi naannoo Mediteeraaniyaanitti mudachuu malu qolachuuf karoora qixaa'e baasan.

Guraandhala 2024 keessa, Nato'n erga Waraana Hololaa (Cold War) booda, shaakala waraanaa isa guddaadha jedhamu gaggeessuuf jira.

Shaakalli waraanaa 'Steadfast Defender' jedhamuufi Awurooppaa Bahaatti gaggeeffamu kun, biyyoota Nato 31 hunda kan hirmaachisuu fi humni 90,000 tahu kan irratti hirmaatudha.

Shaakala kanarra Swiidinis kan hirmaattu ogguu tahu, UKn humna 20,000 ergiti.

Nato'n amma dura humnasaa Awurooppaa keessatti qophaa'e eeggatu 40,000 irraa 300,000 olitti guddisuuf karoora qabu ifoomsee ture.

Dabalataanis gama bahaa daangaa Raashiyaan, humnasaa jabeeffateera.

Ammatti humni waraanaa saddeet Bulgaariyaa, Hangaarii, Romaaniyaa, Isloovaakiyaa fi biyyoota Baaltik Rippabliiks keessa jiru. Waraanni Yukireen keessatti dhalachuun dura raayyaa waraanaa afur qofatu ture.