Waraana Raashiyaa Yukireen: Raashiyaan gaaffii miseensuummaa Finlaandi Nato'tti makamuuf dhiyeesite irratti akeekkachiiste

Waardiyaa daangaa Filaandi

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Finlaand Raashiyaa waliin daangaa dheerina 1,300km qabdi

Raashiyaan adeemsa biyyi olaashee Filaandi Nato'tti makamuuf taasisaa jirtuf ''tarkaanfiiwwan waraanaa'' fudhachuuf akka dirqaman himte.

Ibsi Ministeera Dhimma Alaa baaseen, adeemsichi walitti dhufeenya biyyota lamaaniifi nageenyaafi tasgabbii Kaaba Awurooppaa keessaa haalaaN kan miidhuu jedheera.

Dursaa Pirezidaantii fi MM Filaandi ''turtii tokkoo malee'' miseensummaa Nato'f akka iyyattuu biyyatiif waamicha taasisanii turan.

Kunis weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte hordofuun deeggarsa ummannii miseensuummaa Nato's akka agarsiisan gaafachuuf ture.

Finlaandi Raashiyaa waliin daangaa km 1,300 qabdi. Hanga ammaattis Raashiyaa waliin waliitti bu'uu dhaabuuf jecha osoo miseensa Nato hin ta'iin turte.

Finlaandi murtee ishee ifatti kan ibsite erga paarlaamaa fi qondaaltoota siyaasaa biraatiin irratti mari'atameen booda guyyaa Dilbataa ture.

Iswiidiinis guyyaadhuma wal fakaataatti murtee akkasii iftoomsuuf akka jirtu himte.

Barreessaa Olaanaan Nato Jeensi Istoltenbarg akka jedhaniitti, adeemsi Isiwiidiiniifi Finlaand miseensummaatti fudhachuu ''atattamaan'' akka raawwatu akka eegan beeksiisan.

Waayit Hawuus akka jedheetti ammoo, biyyoonni lamaanu yoo miseensummaa Nato'f iyyatan US ni gargaarti

Ibsi Raashiyaa ammoo adeemsi Finlaandi akka ''jijjirama imaammata alaa cimaa'' biyyatii irratti taasifame jechuun ibse.

''Finlaandi Nato'tti makamuushee walitti dhufeenya Finlaandiifi Raashiyaa jidduu fi nageenyaafi tasgabbii Kaaba Awuurooppaa haalaan kan midhuu,'' jedheera.

"Raashiyaanis balaa nageenya biyyaaleessaa ishee mudataa jiruu hambiisuuf, tarkaanfiiwwan deebii gama tekinika waraanaa fi kan biraatiin fudhachuu dirqamti'' jedheera.

Haata'u malee Mooskoon tarkaanfiiwwan attamii fudhachuu akka karoorfattee adda hin baafne.

UNtti Ittaanaan Bakka Bu'aa Raashiyaa Dimitirii Polyaanskii akka jedhaniitti Siwiidiiniifi Finlaandi yoo miseensa Nato ta'an xiyyeeffannaa Raashiyaa keessa galfamuu malu jechuun eejjansiin oduu Raashiyaa Ria jedhamu gabaase.

Qondaaltoonni Raashiyaas jecha MM fi Pirezidaantiin Finlaandi murteen miseensummaa Nato guyyoota muraasa keessatti akka darbu eegama jedhaniif deebii kennan.

''Miseensummaan Nato nageenya Finlaandi ni cimsa,'' jedhan.

''Akka miseensa Nato'ttis Finlaand waliitti dhufeenya waraanaa waliigalaa ni cimsatti. Kanaafuu Finlaandi Nato'f miseensa ta'uuf iyyachuu qabdi osoo hin turre.''

Booda ammoo Mr Niinistoo gaazexessitootatti akka himaniitti, ''Miseensa Nato ta'uu jedhuun faallaa eenyutuu dhaabbachu miti. Kana sababeeffachu dandeessa. Ofi ilaalee keessa mil'adhu,'' jedhan.

Sagalee miseensummaa Nato ta'uuf Finlaandiitti walitti qabameen deeggarsa %76 argachuun %12 mormaniiru.

Finlaandii fi USSR tibba Waraanaa Addunyaa Lammaffaa bara 1939-40tti gaggeeffameen faallaa walii turan.

Garuu ammoo Finlaandi daangaashee gara harka 10 dhuma waliigaltee nagaa keessaa dhabuun bara Waraana Holoolaa guutuu qofaashee hafte turte.

Iswidiin garuu Raashiyaa waliin daangaa qoodatuu omaa hin qabdu.