NATOn gara biyyoota Baha Awurooppaatti babal'achuun Awurooppaaf sodaamoo humna?

MM Siwiidin Magdalena Andersson fi MM Finlaandi Saanaa Maarin waa'ee miseensummaa NATO irratti yeroo mariirra turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, MM Siwiidin Magdalena Andersson fi MM Finlaandi Saanaa Maarin waa'ee miseensummaa NATO irratti yeroo mariirra turan
    • Barreessaa, Firanki Gaardiner
    • Gahee, Gabaasaa Nageenyaa BBC

Finlaandii fi Siwiidin biyyootni warra kaaniif baabsaa hin turre weerara Raashiyaan Yuukireen irratti gochaa jirtuun dammaquun waktii gannaa kana NATOtti makamuuf yaadaa jiru.

Raashiyaan ammoo akka tarkaanfii kana hin fudhanneef akeekkachiifteetti. Yoo kana kan godhan tahe ''tarkaanfiin teeknikaa waraanaa'' ni fudhatama jechuun doorsifte.

Kanaafuu, yoo biyyootni lameen ykn tokkoon isaanii NATOtti kan makaman tahe Awurooppaan biyya nagaa qabeessa taatimoo balaarra buuti?

NATO- Dhaabbata Waadaa Waraana Kaaba Atilaantik- akkuma Waraanni Adunyaa Lammaffaa xumurameen tokkummaa humna waraanaa biyyoota 30'n hundaa'edha.

Teessoon isaa ol aanaan Biraasilsi tahus, humna misaa'elaa fi waraanaa Ameerikaatu ol aantummaa qaba.

Finlaandii fi Siwiidin biyyoota ammayyaa'oo fi dimokiraatawaa waan tahaniif ulaagaa NATO gaafatu ni guutu.

Hogganaan dhaabbatichaa Jeensi Istooltenbergi, harka bal'isnee isaan simanna, miseensa keenya tahuuf yeroo xiqqaa qofa isaan fudhata jedhe.

Humna Waraanaa Ameeikaatti hogganaan humna waraana lafoo Ameerikaa hunda Awurooppaa keessa jiranii kan tahan, Letinaant Jeneraal Been Hoojiis, kun biyyoota Lixaaf faayidaa qabaachuun isaa gaaffii hin qabu jedhan.

Iswiidinii fi Finlaandi NATOtti makamuun waan guddaadha- tarkaanfii gaarii tahedha. Biyyoota dimokiraasii baay'ee gaarii tahe qabanidha, humni waraanaa biyyoota lameeniis gaarii, dandeettii kan qabuu fi ammayyaa'aa tahedha.''

Finlaandi yoo tahe qindoominni humna waraanaa ammayyuu hojjetamuu jalqabeera. Gareen taankii Biriiteen dhiyeenya kana birgeedii waraana Finlaandi, USA, Laativiyaa fi Estooniyaa waliin akka qaama NATOtti 'Joint Expeditionary Force (JEF)' jedhamuun shaakala waraanaa gaggeessaniiru.

Ministerri Ittisaa UK kaayyoon isaa ''weerara Raashiyaan biyyoota Iskaandineeviyaa fi Baaltik irratti gootu qolachuufi'' jedhe.

Kanaafuu yoo biyyootni lameen ykn tokkoon isaanii miseensa tahan maal rakkoo qaba?

Raashiyaa addatti ammoo pirezidaanti Vilaadmiir Putiin NATO akka tokkummaa humna ittisaatti hin ilaalan. Faallaa isaati jedhu. Tarkaanfichi akka nageenya Raashiyaaf sodaa guddaa taheetti ilaalu.

Puutin babal'ina NATO gara Bahaatti taasofamaa jiruufi gara Moskootti dhiyaachaa jiru sodaadhaan ilaalaa jiru. Sooviyeet Raashiyaan bara 1991 addaan faffaca'e.

Yeroo Puutin dargaggeessa tahee nageenya biyyattii irra hojjetaa ture KGB, Moskoon biyyoota gara baha Awurooppaa kan to'ataa turte yoo tahu, yeroo sana Raashiyaan loltoota ishee biyyoota hedduu keessa buufachiiftee ture.

Har'a biyyootni kunneen hundiyyuu gara warra Lixaatti makamuu barbaadu. Biyyootni Baaltik akka Estooniyaa, Laativiyaa, Lituniyaa fa'aa kana dura fedha isaanii malee Sooviyet Raashiyaa keessatti hammatamanii turanis har'a garuu NATOtti makamanii jiru.

Puutin akka biyyi isaa humna NATOn marfamtee jirtuutti kan dubbataa ture yoo tahu dhaabbatichi loltoota isaa daangaa biyyoota Raashiyaa daangessan keessaa akka baasaniif gaafataa turan.

Haa tahu malee daangaa Raashiyaa 6% qofatu biyyoota miseensa NATO tahaniin daangeffama.

Miidhaa inni qabu

Gama humna waraanaan yoo ilaalle Finlaandi ykn Iswiidin gara NATOtti makamuun humna dhaabbatichaa cimsuuf gargaara.

Amma Kaaba Awurooppaa irraan lakkoofsi loltoota Raashiyaa kan NATO baay'ee caala.

Finlaandi jeettiiwaraanaa F35 fiduun, Iswiidin baatirii misaa'eloota eegumsaa fiduun bakka dhiyeenya Raashiyaan basaasaa turte odola guddicha biyyoota Baaltik kan tahe Gootlaandi eeguun danda'ama jedhan Been Hoojis.

Humni waraanaa Finlaandii fi Iswiidin waraana naannoo qorraa Arkitik keessatti gaggeessuudhaan ogeessotadha.

Bakka cabbaa'aa keessatti shaakala gaggeessuun waraananii biyyoota Iskaandineeviyaa oolchuuf daandeettii guddaa qabu.

Bara Raashiyaan Finlaandi weerarte yeroo Waraana Adunyaa Lammaffaa lammiileen Finlaandi ofirraa qolachuun kisaaraa guddaa Raashiyaa irraan gahan.

Teessoo lafaan yoo ilaalle Finlaandi NATOtti makamuun qaawwaa dhaabbatichaa guddaa cufaaf. Daangaa Raashiyaa waliin qabus dachaan dabala.

Tasgabbii fi nageenya biyyoota Baltik haalaan mirkaneessa jedhan ajajaan waraanaa lafoo Ameerikaa Been Hoojis.

Gama siyaasaan ammoo Putuniif ergaa biyyootni Awurooppaa kaan guutummaan tokkommaa'aniiru jedhu dabarsa jedhan.

Tarkaanficha kan mormu

Salphumatti NATOn yoo akkas hanga balbala Kireemliinitti babal'ate akka isheen tarkaanfii bifa biraa qabu fudhattu gochuu mala. Putin yeroo ''tarkaanfii teeknikaa waraanaa'' fudhachuu jedhu waan lama himuu isaati.

Misaa'elootaa fi loltoota isaa gara daangaa biyyoota Lixaatti bobbaasuu fi yoo danda'ames haleellaa saayiberii biyyoota Iskaandineeviyaa irratti gaggeessuu taha.

Iswiidin garee tokko keessa osoo hin galuun turuun ishee waggootaaf ishee fayyadeera. Ejjennoo ishee kanatti abdii kuattee bahuunis waan salphaa hin tahu.

Iswiidin meeshaa waraanaa mataa ishee dhiistee kan NATO akka biattu yoo dirqisiifamtes miidhaa dinagdee mataa isaa isheerratti qabaata.

Dubbii himaan Kireemiliin Dimitirii Peekoov Finlaandii fi Iswiidin NATOtti makamuun ''Awurooppaaf nageenya guddaa hin fidu'' jedhan.