Waligalteerra gahuuf Raashiyaan bakka weerarte gadhiisuu qabdi - Zeleniskii

Madda suuraa, Reuters
Waligalteen nagaa Raashiyaa waliin taasisamuu kamuu kan hundaa’uu homnootiin Raashiyaa nannoolee weeraran gadhisuun bakka isaanitti deebi’uu irrattidha jedhan pirezdaantiin Yukireen.
Haasa dhaabbata qorannoo London think tank waliin taasisaniin, Pirezdaant Volodomiir Zeleniskii, kun waan xiqqaa biyyi keenya simachuu dandeessudha jedhan.
Dabaluunis ani hogganaa ''Yukireen malee Yukireen-xiqqoo miti'' jedhan. Garuu waa’ee Kirimiyaa kana bara 2014’tti Raashiyaan humnaan fudhattee hin kaafne.
Aamma Raashiyaan magaalaa Maripool guutummaatti to’annoo jala oolfachuuf lolaa jirti.
Kibba-baha magaalaattii keessa ammayyu humnootiin Yukireenii fi lammileen naagaa, kan lola cimaa Raashiyaaf saaxilamanii jiran jiru.
Waraana ji’a lamaaf adeemaa jiru kana keessatti magaalaa Maripool to’achuun Raashiyaaf injifannoo guuddaa ta’uun , pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinif ammo, Caamsaa 9 – guyyaa Raashiyaan Waaraana Addunyaa Lammaffaa irratti Naazii injifachuu kabajdu- irratti waan kabaju kennaafi.
Ta’us garuu Pirezdaant Zelenskiin haasaa isaaniin, Raashiyaan waan Yukireeniin weerareef waa’ee nannoowwan biyyatti to’atee turuu irratti gaaffiin jiraachuu hin qabu jedhaniiru.
“Waraana Raashiyaa fi Yuukireen jidduu jiru dhaabuuf, haalli jiru kan Guraandhala 23’tti deebi’uu qaba,” jechuun guyyaa jalabultii waraanni kun eegalee kaasuun ibsaniiru.
Haala kana guyyaa Guraandhala 23 kaasuun isaanii, Yukireen waligaltee Raashiyaa waliin taasisuun dura Kirimiyaa deebistee fudhachuuf akka hin qaffannee ibsuu mala.

Madda suuraa, EPA
Haasaa dippiloomaasii Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti gaggeeffamu akka deebi’ee eegaluuf waamicha kan dhiyeessan Pireezdaant Zelenskii “ riqichoota keenya hunda yoo balleessanis, riqichootni dippiloomaaii hundi garuu ammatti hin badne jedheen yaada,” jedhaniiru.
Raahiyaan gama isheen, adeemsi kun ‘haalaa foyya’iinsa hin fidnedha” jechuun ibsaniiru.
Maripool keesssa baqachuun itti fufeera
Jimaata irratti daa’imman 11 dabalatee lammileen nagaa 50 dabalaataan magaalaa Maripool keessa sochii UN fi fannoo Diimaan akka baqatan taasifamuu Raahiyaa fi Yukireen ibsaniiru. Ammayyuu namootni hedduun nannaa warshaa sibilaa sanatti boyii fi warshicha jala dhokatanii akka jiran amanama.
Itti aanaa Ministera Muummee Yukireen Iryana Vereshichuuk akka jedhanitti sababa lola adeemsifama jiruun hojiin namoota olchuu kun laffarra harkifateera. Hojiin namoota naannichaa baasuun kun Sanbata deebi’ee ni eegala jedhaniiru.
Kamisa irraa eegalee utuu hin halkanaa’iin bakka warshaa kanaatti guyyaa sadiif dhukaasni akka dhabbatu Raashiyaan labsitee turte.
Baayden gargaarsa waraanaa dabalan
Jimaata irratti Pirezdaantiin US Joo baayden Yukireen of eeguu akka dandeessuuf US gargaarsa waraanaa haaraa doolara miiliyoona 150 akka kennitu beeksisaniiru.
Anga’aan olaanaa US akka gaazexeessitootatti himanitti gargaarsi kun rasaasa, meeshaa dhuukasa diinaa adda baaduu, meeshaa mi’a elektiroonikii hojii dhaabsisuu fi mi’oota jijjirraa of keessatti qabata.
Ta’us garuu Pirezdaant Baaydeen fandiin amma ka’ameeru dhumaa akka jiru ibsuun, amanni maree maallaqa dabalataa akka raggaasisuuf gaafataniiru.












