Raashiyaan miseensota Nato maallaqa hin kaffalle akka haleeltuuf 'nan jajjabeessa' jedhe Tiraamp

Madda suuraa, REUTERS
Doonald Tiraamp biyyootii miseensa Nato ta’anii kaffaltii isaani kaffaluu hafan Raashiyaan akka isaan haleeltuuf “nan jajjabeessa” jedhe.
Yeroo tokkotti, biyya kaffaltiishee hin raawwanne yoo Raashiyaan haleelte, akka inni biyyattii hin gargaarreefi Raashiyaan “wanta barbaadan akka irratti raawwataniifillee nan jajjabeessa” jechuun hoogganaa Nato tokkotti himee akka ture dubbate.
Miseensotni Nato biyyootii waloo kana keessa jiran kamuu yoo haleelaman wal gargaaruuf waadaa qabu.
Wanta Tiraamp dubbate kana Waayit Haawus “balaafamaafi jibbisiisaadha” jechuun balaaleeffateera.
Duula nafiladhaa Sanbata Kaarolaayinaatti gaggeesse irratti haasaa taasiseen, waan kana kan dubbate yeroo hoggantoota biyyootii Nato waliin marii taasise tokkotti akka ta’e Tiraamp ibseera.
Hoogganaan “biyya guddaa” tokko itti gaafatamummaa maallaqaa Nato keessatti qabu utuu hin ba’anneefi utuu Raashiyaan haleellamee maaltu akka ta’u yaaduun akka dubbate Tiraamp akka yaadatu hime.
Tiraamp hoogganaan kun yoo waan kun uumame US biyyattii ni gargaartii jechuun gaafachuun isaa, yaadicha akka kuffisu isa taasisu hime.
“Yeroos ‘Hin kaffallee? Ati wanbadeedhaa?’… ‘Lakki ani si hin gargaaru, darbeeyyu akka isaan [Raashiyaa] waan barbaadan raawwataniifan jajjabeessaani. Kaffaluu qabda’ jedheeni.”
Dubbi himaan Waayit Haawus pirezaantiin duraanii kun “bulchiinsotni hamoo michoota keenya akka weeraraniif jajjabeessaa jira,” jechuun haasaan isaa “balaafamaafi jibbisiisaadha” jedheera.
Dabaluunis, haasaan kun “nageenya biyyaaleessaa lammilee Ameerikaa, tasgabbii addunyaafi diinagdee biyya keenya balaaf kan saaxiludha,” jedheera.
Filannoo pirezidaantummaa US bara kanaa irratti bakka bu’aa Paartii Rippaablikaanota keessaa ijoo kan ta’e Tiraamp, yeroo dheeraaf Nato qeequun, US nageenyaa biyyootii 30 biroo akka eegduuf gaafachuun ba’aa diinagdee guddaa akka ta’etti ilaala.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp erga aangoo gadhiise, bara 2022’tti Raashiyaan guutummaatti Yuukireen weerarteetti.
Sana booda, baayyina maallaqa deeggarsa US biyya miseensa Nato hin taane Yukireeniif ergites mormeera.
US gargaarsi isheen Yukireenif taasiste kan biyya kaamiifuu taasisteerra guddaadha. Akka gabaasni Waayit Haawus Mudde ba’e ibsutti, erga bara 2022’tti weerarri eegalee as US gargaarsa doolara biiliyoona 44 ol Yukireeniif taasifteetti.
Ta’us, bara kana Rippaablikaanoonni Kongerisii keessaa, godaansa daangaa kibbaan UStti taasifamu irratti tarkaanfiin cimaa akka fudhatamuuf gaafachuun, gargaarsa haaraa hunda dhorkaniiru. Wiixinee sirreeffamee jalqaba torban kanaatti dhiyaates didaniiru.
Tiraamp wixineen kun dhorkamuusaaf gammachuu isaa duula na filadhaa Sanbata taasise irratti ibsuun, wixineen Pirezidaant Baayidaniin qophaa’ee kun “badaadha” jedheera.
Amma dhimmootni ijoo adda baafamaniiru, kana jechuun seneetarootni dhimma maallaqa gargaarsa adda addatti falmuu danda’u.












