Duulli lagannaa nyaataa barattoota Yunivarsiitii Ameerikaa Filisxeem deeggaranii torban caale

Madda suuraa, ALICIA JOO/JEWS FOR CEASEFIRE
Ameerikaa Yunivarsiitii Biraawunitti barattootni Filisxeemiin deeggaran erga lagannaa nyaataa eegalanii guyyootni saddeet lakkaa'amaniiru.
Barattootni Yunivarsiitichaa 19, Guraandhala 2, 2024 irraa eegalee nyaata lagachuun to'annoo Israa'eel Filisxeem keessaa qabdurraa dhaabbilee fayyadamani waliin hidhata Yunivarsiitiin isaanii qabu akka dhaabatu gaafachaa jiru.
Barattootni kun Yunivarsiitiin isaanii dhaabbilee daldalaa Israa'el Filisxeemiin weeraruurraa buufatan waliin hojjechuu hamma dhaabutti mormii kana akka itti fufan ibsaniiru.
Waraana Israa'eliifi Hamaasiin walqabatee mormii nyaata lagachuun gaggeefamaa jiru isa dheeraa akka ta'e amanama.
Duulli kun Yunivarsiitii Ivy League keessatti garee Filisxeemiin deeggaruufi warri Yiihudotaa waraanni akka dhaaban gaafatuun qindaaye.
Duula kana keessaa qooda fudhachaa kan jiran ammoo barattoota Filisxeemotaafi Yihuudota ta'an akka ta'e barattoota nyaata lagachaa jiran keessaa tokko Ari'eel Roozensiwaayig ni dubbatti.
Waraana Gaazaatti gaggeefamaa jiruun Filisxeemonni 27,900 ta'an waraana Israa'eliin yoo ajjeefaman 67,000 kan ta'an ammoo madaahaniiru.
Haleellaa jalqaba Hamaas Israa'el irratti baneen Israa'elotni 1,200 ta'an ajjeefamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Roozensiwaayig duulli isaanii kun sochii walfakkaataa bara 1986 sirna Apaartaayidii Afrikaa Kibbaa waliin michummaa daldalaa ture mormuuf lagannaa guyyoota 11f ture akka muuxannootti fudhachuu ibsite.
Duula lagannaa nyaataa kana duras mooraa yunivarsiitichaa keessatti bifa adda addaan mormii gochaa akka turaniifi mormii isa tokkorratti barattootni 61 to'annoo jala ooluu himte.
Mormiin isaanii ''Yunivarsiitichi sagaleesanii akka dhagahu qofa osoo hin taane iyyaa namoota kumaatama Gaazaatti ajjeefamanii akka dhagahan'' ta'uu yaada BBCf kenniteen dubbate.
Duula lagannaa nyaataa kana yeroo gaggeessan bishaaniifi dhangala'aa qaamaa kan bakka bu'u, pedialyte jedhamu qofa akka fayyadamaa jiran dubbatu.
Barattootni kun guyyaa guutuu waayee duula Israa'el Filisxeem keessatti gaggeessaa jirtuurratti hubannoo uumuufi sochiilee mormii kanaan walqabatan irratti akka dabarsan, deeggarsa argachaas akka jiran dubbatti.
Kaayyoonsaanii Yunivarsiitichi dhaabbilee ''sarbama mirgaa Filisxeemitti raawwaturraa fayyadaman'' waliin hojjechuu akka dhaabudha.












