Qondaaltotni biyyoota Lixaa 800 imaammata Israa'el Gaazaarratti qabatte balaaleffatan

Namootaa nagaa Gaazaa keessaa baqatan

Madda suuraa, Getty Images

Qondaaltotni biyyoota Gamtaa Awurooppaa fi US kan amma aangoo mootummaa qabatanii jiran 800 ta'an imaammata mootummaan isaanii dhimma Israa'eliifi Gaazaarratti qabatanii jiran ''sarbama seera idila addunyaa olaanaa ta'uu akka malu amanuun ibsa akeekkachiisaa qophaayerratti mallattoosaanii kaahaniiru.

Ibsi "transatlantic statement" jedhameefi harka BBC gale kun mootummaan hoogganootni kun miseensa itti ta'an ''gaaga'ama namoomaa jaarraa kanarratti ejjennoo dogoggoraa qabataniiru, gorsa ogeeyyiis boodatti jedhaniiru'' jedha.

Ibsi kun biyyootni Lixa michummaa jabaa Israa'eel waliin qaban haala adeemaa jiruun gammadoo ta'aa akka hin jirre agarsiisa.

Qondaalota ibsa akeekkachiisaa kanarratti mallttoosaanii kaahan keessaa tokko qondaala mootummaa Ameerikaati. Nageenya biyyaalessaarratti muuxannoo waggoota 25 nama horatanidha. Yaada BBCf kennaniin yaaddoon isaanii bulchiinsa Baayidaniin ''irra deddeebiin fudhatama dhabsiifamuu'' dubbatan.

''Sagaleen namoota naannicha hubataniifi jijjiiramoota naannichaa beekanii hin dhagaahamne'' jedhu.

Wanti haala amma jiru keessatti aadda ta'e mootummaan isaanii haalicha dhaabsisuu dadhabuu osoo hin taane wanta dogoggora ta'e jajjabeessaa jiraachuu ta'uu dubbatan.

Qondaalli eenyummaa isaanii akka dhoksinuuf gaafatan kun haalli akkasii amma dura mudatee beekuusaa ''hin yaadadhuu'' jedhu.

Ibsa kanarratti qondaaltota mootummaa US, Gamtaa Awurooppaa, Biyyoota Awurooppaa akka UK, Faransaayiifi Jarman fa'atu mallattoosaanii kaahe.

Ibsi kun ''Israa'eel duula waraana Gaazaa keessatti gaggeessiturratti daanga kamuu hin keenye jedha. ''Kunimmoo ajjeefamuu namoota nagaa kumoota kudhaniin lakkaa'amanii kan silaa hambisuun danda'amu uumeera, deeggarsi akka hin dhiyaanne danqamuun... namoota nagaa kumootaan lakkaa'aman beelaa fi du'a suutaaf saaxileera.''

Itti dabaluunis ''imaammatni mootummaa keenyaa sarbama olaanaa seera idila addunyaa, yakka waraanaafi duguggaa sanyii ykn sanyii dhabamsiisuu carraan saaxiluu isaa olaanadha'' jedha.

Enyummaan qondaaltota Awurooppa mallattoosaanii kaahan kanaa ifa hin godhamne. Garuu ammoo abbootii aangoo muuxannoo waggoota 10 olii qaban akka ta'an BBC odeeffateera.

Ambaasaaddarri US duraanii kan xalayaa mallattaa'e kana keessa hin jirre Roobert Foord haalli hojjettoota mootummaa qoqqooduu kun muuxannoo isaanii waggoota 40 keessatti arganii kan hin beekne ta'uu dubbatan.

Aljeeriyaa fi Siiriyaatti Ambaasaaddar US kan turan namni qondaalotni mootummootaa 800 ta'an kun yaaddoo isaanii maqaa dhokfachuun ifa kan godhan balaan waraana Gaazaa walxaxaa fi dhiibbaan isaas guddaa waan ta'eefi jedhan.

Qondaaltotni kun deeggarsi mootummoonni isaanii gama waraanaan, siyaasaafi dippiloomasiin Israa'eliif gochaa jiran ''haala qabatamaa osoo hin hubatiini fi gaafatamummaa hin qabneeni'' jedhaniiru.

Kun ammoo ajjeechaa namoota nagaa Filisxeem hammeessuu qofa osoo hin taane, namoota Hamaas akka qabdootti qabates balaarra buusa jedhu. Nageenya Israa'eel mataa isheefi tasgabbii naannichaafis balaadha jedhaniiru.

''Duullii waraanaa Israa'el gorsa ogeeyyii farra shororkeessummaa erga 9/11 horatamanii hunda fudhatama dhabsiiseera. Duulli kun galma Israa'el Hamaasiin injifachuuf qabatteef hin gumaachine. Inumaayyuu qabsoo Hamaas, Hezbollaafi kanneen biroof hamilee hore'' jedha ibsi akeekkachiisaa kun.