Baayiden, pirezidaantii Masirii Al-Siisii, pirezidaantii Meksiikoo jedhanii waamuun dubbii ijoo tahan

Pireezidant Joo Baayidan

Madda suuraa, Reuters

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan bu'aa qorannoo ragaalee mootummaa iccitiin qabamuu malan akka ta'utti hin qabannee, jireenya isaanii keessattis ta'iiwwan ijoo yaadachaa hin jiran jedhuuf deebii aariin guutame kennan.

Kamisa galgala tasa miidiyaaleef ibsa kan kennan Baayidan, dandeettiin waa yaadachuukoo rakko hin qabu'' jedhan.

Yaada haala ilmisaanii yeroo du'u ture hin yaadatan jedhuuf deebii kennaniin ''akkamitti yaadni akkasii ka'a'' jechuun dheekkamaniiru.

Qorannoon gaggeefame Baayidan ''fedhaan ragaalee iccitii ifa godhaniiru'' jechuun, ammoo isaan himachuuf akka hin adeemne ibseera.

Qondaalli Olaanaan Muummee Haqaa biyyattii Robeert Haar Baayidan odeeffannolee iccitii waraanaa fi imaammata alaa Afgaanistaaniin walqabatan akka hin taanetti qabatan jedhan.

Gabaasni qo'annoo kanaa fuula 345 qabachuun dhiyaateefi Kamisa ganama ifa godhame dandeettiin waa yaadachuu pireezidantichaa ''sadarkaa olaanaan kan daanga'eedha'' jedha.

Haar qo'annoo kana yeroo gaggeessu sa'aatii shaniif Pireezidant Baayidan, nama ganna 81 kana waliin af-gaaffii taasiseera.

Baayidan wayita Pireezidantii Itti aanaa turan(2009-2017) waan jiru hedduu hin yaadatan jedhe. ''Ilmisaanii Baaw wayita du'erraa qabee waggoota jiran keessatti waa hin yaadatan.''

Baayidan miira aariin guutamanii ibsa Kamisa galgala kennan irratti, keessumaa waa yaadachaa hin jiran isa jedhurratti jabeessanii dubbatan.

''Namni kamuu Baaw yeroo du'e haala ture akka na yaadachiisu hin barbaadu'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli Muumme Haqaa biyyattii bara darbe Onkololessa 8-9 wayita isaan dubbisu ''rakkoo idila addunyaa mudateen muddamarran ture'' kan jedhan Baayidan Israa'eliifi Gaazaan wal loluu wayita jalqaban af-gaaffiin gaggeefamuu himaniiru.

Qorannoon kun Baayidan odeeffannoo iccitii harkaan katabame nama yaadannoosaanii barreesuuf dabarsanii kennaniiru jedha. Pireezidantichi garuu kunis dhugaa mitii jedhan ibsa kennan keessatti.

Qondaalli Muummee Haqaa kun pireezidanticha odeeffannoo icciitii mootummaa akka hin tanetti qabuun akka isaan hin himanne yoo beeksisan sababni dhiyeessan Baayidan maanguddoo hanqina yaadachuu qaban ta'uu ibsuun bilisa of baasu yaada jedhuun ta'uu ibseera.

''Ani gaariin jira. Ammoo jaarsa. Waanan hojjedhu nan beeka. Biyyi kun miila lamaan deebitee akka dhaabbatu nan godha'' jedhan Baayidan.

Itti dabaluun yaada furmaataa Muummeen Haqaa biyyattii dhiyeesseef ''yaada furmaatasaanii fudhachuun na hin barbaachisu'' jedhan.