Baayidan yeroo rafan isa afuura isaan kutuuf meeshaa wal'aanu fayyadamaa jiru - Waayit Hawuus

Joo Baayden

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidant Joo Baayidan dhibee siliip apniyaa jedhamu qabaniif meeshaa wal'aanuuf isaan gargaaru fayyadamaa akka jiran Waayit Hawuus beeksise.

Dhibeen siliip apniyaa jedhamu kun yeroo rafanitti irra deddeebiin dhibee hafuura baafachuu addaan kutudha.

Baayidan maanguddoo ganna 80 ti. Seenaa US keessatti pirezidantii umriin hangafaa yoo ta'an, meeshaa CPAP jedhamu akka fayyadamaa jiranWaayit Hawus ibseera.

Ibsi medikaalaa kun kan dhufe gaafa Roobii, gazexeessitoonni dirmammuu fuula isaanirra jiru - kan maaskii galgala akka isaan hafuura baafachuu danda'aniif gargaaruun uumamee erga arganii booda.

Ogeessoti fayyaa akka jedhanitti lammiileen Ameerikaa miiliyoona 30 ta’an dhibee siliip apniyaa qabu.

Meeshaan CPAP (continuous positive airway pressure) jedhamu, yeroo hirribaatti maaskii afaan fi funyaan irratti kaawwatamuun suuta qilleensa afuufuun, ujummoon qilleensaa akka banaa ta’u kan gargaarudha.

“Bara 2008 irraa eegalee, Pirezidant Baayidan gabaasa medikaalaa isaan waa’ee dhibee siliip apniyaan qabachuu bal’inaan ibseera,” jechuun Dubbii Himaa Waayit Haawus, Andiruu Beets ibsaniiru.

“Kaleessa galgala Meesha CPAP fayyadamaniiru. Kun namoota seenaa dhibee kanaa qabaniif waan baramaadha,” jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boodarra qondaaltonni Waayit Haawus Baayidan meeshaa CPAP kana torbanoota hedduuf akka fayyadamaa turan ibsaniiru.

Siliip apniyaan dhibee hirribaa addunyaa irratti beekamoo ta’an keessaa tokkodha.

Addunyaa guututti namoota biiliyoona tokko ta’an kun hubudha.

Qorannoowwan akka ibsanitti dhibeen kun harka caalaatti maanguddoo irratti kan mul’atu ta’us, dargaggootas hubuu danda’a.

Utuu rafaa jiranii tasa afuura baafachuu dhaabu, hirriba keessa afuurri adda cituu, garmalee kurruufuu fi halkan sirritti rafanis dadhabii qabaachuun mallattoolee siliip apniyaa keessaa muraasadha.

Kuni immoo xiyyeeffannaa nama tokko ni laaffisa, akka dagannaa baay'isan taasisa.

Dadhabbiin sababa dhibee kanaan dhufu ammo balaaf akka nama saaxilu ogeessoti fayyaa ni ibsu.

Namootni garmalee kurruufan, halkan hafuura baafachuun jidduutti jalaa citu, kan guyyaa keessa dadhabbii ykn hirribni garmalee isaan rakkisuufi kan halkan tasa hirribaa dammaqan, hakiimota isaanii waliin mari’achuu akka qaban ogeessoti ni gorsu.

Akkamiin siliip apniyaa to’anna:

  • Yoo ulfaatinni ykn furdinni keessan ol ka’aa ta’e hir’isuu yaalaa
  • Cinaacha keessaniin rafaa - boraatii addatti qophaa’e fayyadamaa
  • aTmboo xuuxuu dhaabaa
  • Alkoolii garmalee hin dhugiinaa - keessumaa hirriba dura
  • Gorsa ogeessa fayyaan ala qoricha hirriba raffisu hin fudhatiinaa.

Dhibeen siliip apniyaa hammaataa ta’e kiliinika hirribaa keessatti wal’aanamuu mala.

Meeshaa CPAP fayyadamuun wal’aansa kennamuu keessa tokko ta’uu mala.