Erga waltajjii Koloraadoorratti kufanii booda Pirezidant Baayidan 'nagaa' qabu -Waayit Hawus

Pirezidant Baayidan kufanii yeroo lafaa kaafamaa jiranitti

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidant Joo Baayidan waltajjii qophii Koloraadoorratti erga korojoo cirrachaan takaalamanii erga kufanii booda 'nagaa' qabu jedhe Waayit Hawus.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayian osoo Koloraadootti Akaadaamii Humna Qileensaa US sirna eebbarratti waraqaa ragaa kennaa jiranu gufachuun ture kan kufan.

Maangoddoo waggaa 80 kan ta'an pirezidant Baayidan, bakka kufanii namootaan gargaaramuun ka'aniiru. Akkuma deebi'anii dhaabbataniinis waan miidhaan irra hin geenye fakkaachuun mul'atan.

Joo Baayidan pirezidaantoa Ameeerikaa keessaa kan undaa ol jaaredha.

Pirezidantiichi kaadhiimamtoota 921 eebbifaman hunda harka fuudhuudhaaf sa'aatii tokkoofi wallaakkaaf dhaabbataa turan.

Daareektarri Komunikeshinii Waayita Hawuus 'nagaa isaati' jedhaniiru.

''Wayita innii harka fuudhaa turetti korojoo cirrachaan gutamaniitu waltajjii irra ture,'' jechuun ture Been Laaboolt Kamisa toora tiwitara isaarratti kan barreesse.

"Korojoo cirrachaan guutametu na mudate'' jechuun baacaa gaazexessitootatti himan seequudhaan pirezidantichi erga gara Waayit Hawuusiitti deebii'aniin booda.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexessaan kutaa Pirees Sekireetaarii Waayit Haawus, Baayidan osoo waltajjiirra deemuu korojoo cirracha gurraachaan gufatan jedheera.

Waraabbiin viidiyoo taatee sanaas, Baayidan osoo qondaaltoota Humna Qilleensaafi tajaajila Icciitii isaatiin gargaramuun kaafamaa jiruutti, korojoowwan cirrachaa bakka inni haasaa irratti taasisaa turerratti yoo kufuu agarsiisa.

Booda ammoo gara teessumaa isaatti gargaarsa malee wayita deebi'u mul'ata. Erga taatee kanaatiin booda akkuma qophichi xumurameen gara konkolaataa isaatti deemeera.

Gaazexessaan jidduugalichaa akka jedhetti, pirezidantichi gaaffilee omaa osoo hin keessummeessiin gara xiyyaara isaaniitti deebii'an.

Pirees Sekireetaariin Waayit Hawuus, Kaarina Jeen Piree akka jedhaniitti, Baayidan 'baayyee nagaafi' kokkolfaa gara xiyyaara isaaniitti seenan.

Qeeqxoonnis Baayidan yeroo lammaffaadhaa biyyattii bulchuuf baayyee dulloomaadha jedhu.

Yaada dhiheenya walitti qabameen irra caalaan Ameerikaanoota waa'ee umuriin jaaruu isaarratti yaaddoo qabu. Yoo filannoo ittaanu kan mo'atu ta'e jalqaba aangoosaarratti maanguddoo waggaa 82 ta'a.

Kufaatiin isaa ammaa kunis kan kana dura bishikiliitiirraa kufeefi kan ammaa waltajjii Humna Qilleensaa kana waliin yaaddoo dabaleerra.

Pirezidantiin duraanii biyyattii Donaald Tiraamp, filannoo bara 2024tti gaggeeffamuun Baayidaniin dorgomuuf qophiitti jiru.

Innis bakka duula na filadhaarra jiraniirraa taatee Baayidan mudate kanaan ''Wanti hunduu maraatummaadha'' jedheera.

''Miidhaan akka irra hin qaqqabnen abdadha,'' jedhan Tiraamp maanguddoon waggaa 76 fi kan yeroo hunda umurii Baayidaniitti qoosu. ''Kun kan na kakkaasu miti.''

"Sanu akka sirra gahu waan hin barbaadneef of eeggannoo gochaa turte,’’ jedhan Tiraamp itti dabaluun mudannoo mataasaa kan bara 2020 mata duree oduu ta’e yaadachuun.

Yeroo sanatti irraan gadeen Akkaadaamii Waraana Ameerikaa kan West Poyinit, Niiw Yookr keessaa baayyee mucaaacaa ture jechuun yaadatan.

Bulchaan Filooridaa Roon Desaantis kan Riippablikaanoota bakka bu’uun finnannoo bara 2024’f dorgomaa jiran gamasaanitiin, ‘‘miidhaa isa mudaterraa dafee akka bayyanatuuf Baayidaniif hawwiina.

‘‘Akkasumas, sababii Joo Baayidaniifi imaammata isaatiin miidhaa Ameerikaa mudaterraa hatatamaan akka daftee bayyanattu hawiina’’ jedhan.

Baayidan yeroo dhumaatiif qorannoo fayyaa kan taasisan Guraandhala darbe ture. Yeroo sanattis Hakimiin Waayitii Hawuus Dr Keeviin O’Konor, ‘‘Pirezidantichi guutuummaan hojiisaanii hojjachuuf gahumsa akkuma qabanitti jiru,’’ jechuun barreessanii ture.

Doktariin kun dabalunis, Baayidan sababii miidhaa maashaa miila isaarra gaheetiin of qabanii deemu, garuu ammoo haalli fayyaa isaa kunis kan dura Sadaasa bara 2021 irra ture irraan jijjirama omaatuu hin agarsiisu jedhan.

Baayidan ajajaa olaanaa kaameeraa duratti dhaabbachuu dadhabe kan jalqabaati.

Pirezidanti Baaraak Obaamaan osoo sadarkaa ol bahaa jiruu qophii bara 2012 irratti gufatanii turan. PirezidantiGaraald Foord ammoo bara 1975 keessa waltajjii Humna Qilleensaa irraa kufaniiru.

Joo Baayidan wayita kaafaman

Madda suuraa, Getty Images