'Haala ulfaataa keessatti shaampiyoonaa ta'uun nu boonse' - taphattoota kilaba Dambi Doolloo

Kilabni Dambi Doolloo shaampiyoonaa Liigii Olaanaa Oromiyaa bara 2023 tahe

Madda suuraa, Waaj. Komunikeeshinii mgaalaa Dambi Doolloo

Kilabni Magaalaa Dambi Doolloo dorgommii kubba miilaa Liigii Olaanoo Oromiyaa tibbana magaalaa Buraayyuutti dorgomamaa ture irratti shaampiyoonaa tahee xumure.

Kilabichi dorgommii kileboota naannolee Itoophiyaa, Waxabajji 3 bara 2015, naannoo Sidaamaa magaalaa Hawwaasaatti gaggeeffamu irratti Oromiyaa bakka bu'uun hirmaata.

Kilabiin Maqaa Masoo "Urjii Lixa Biiftuu" jedhamuun waamamu Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Dambii Doolloo Seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf Shaampiyoonaa Liigii Olaanoo Oromiyaa Waliigalaa ta'uun gulaallii Liigii Biyyaalessaaf dhaqabe.

Haala ulfaataa [rakkoo nageenyaa] keessa tahee shaampiyoonaa tahuun, gammachuu guddaa akka isaaniif kenne taphattoonni kilabichaa BBCtti himaniiru.

Jalqaba dorgommii kileboota Oromiyaa Jimmatti gaggeeffame irratti kilabni magaalaa Dambi Doolloo qabxii gaarii argachuun akka darbe leenjisaan kilabichaa Obbo Gazzaahiny Taayyee BBC'tti himan.

Dorgommicha irraa kan mo'atanii darban kileboota shanan keessaa tapha tokkoyyuu osoo hin mo'amiin shaampiyoonaa tahanii xumuruu BBCtti himan.

Dorgommii shaampiyoonaa adda baasuuf kilebootni Oromiyaa bakka bu'an shanan taasisan kan gaggeeffame magaalaa Buraayyuuttidha.

Oromiyaa irraa kilebootni shan darbuu kan himan Obbo Gazzaahiny, Dambi Doolloo, Bulchiinsa magaalaa Gimbii, Arfan Noonnoo fi Ammayya akka tahan himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dorgommiin waancaa Buraayyuutti gaggeeffame kana irratti, kilebootni shan erga wal morkataa turanii Dambi Doolloo fi Kilabni Ammaayyaa xumuraaf dhaqabuun, kilabni Dambi Doolloo galchii 1 fi 0'n mo'atee darbe.

Dorgommii kileboota naannoolee Hawaasaatti wal dorgomuun qabxii gaarii galmeessan ammoo gara Liigii Biyyaalessaa Itoophiyaatti guddatu.

Obbo Gazzaahiny '''icciitiin milkaa’ina isaanii naamusaan taphachuu fi wal dhagahuu keenya’’ jedhan.

Abbootii qabeenyaa magaalaa Dambi Doolloo fi bulchiinsi deeggarsa gaarii gochaafii akka turan kan himan Obbo Gazzaahiny, taphattootni dandeettii gaarii qaban naannoo sana akka jiranis himaniiru.

Sadarkaa Liigii Oromiyaatti tahuu baatusy, injifannoon akkasii kilaba isaaniif haaraa akka hin taane kan himan Obbo Gazzaahiny, dubartootaanis ijoollee magaalichaa leenjisanii biyyaaf akka gumaachaa turan himan.

Dubartoota keessaa taphattuun kubba miilaa Maartaa Walduu jedhamtu, aanaa Sayyoo naannoo Dambi Doolloo jiru keessaa filamuun garee biyyaalessaa Itoophiyaa umurii 20 gadiif taphataa jiraachuu himan.

Isaan namoota ishee leenjisaa turan keessaa tokko akka tahan himanii, kilaba Sulultaaf filamuun taphachaa akka jirtu dubbatan.

Dabalataan Maartaan Itoophiyaa bakka bu’uun biyyoota akka Yugaandaa fi kaan deemuun taphachaa turuus eeraniiru.

Gazzaahiyn Taayyee waggoota 20 tahaniif kilaba magaalaa Dambi Doolloo leenjisaa turuu himan.

''Nuyi Ambaasadara nagaati''

Waggoota afurii oliif Lixi Oromiyaa rakkoo nageenyaa guddaa keessa jirti.

Rakkoon nageenyaa naannicha yoo jiraateyyu magaala keessa nagaa waan taheef danqaa tokko malee dorgommii gaggeesinee taphattoota filataa turre jedhan leenjisaan kilana Dambi Doolloo Obbo Gazzaahiny.

''Haala ulfaataa naannoo keenya jiru keessa teenyee injifannoo kana argachuu keenyaaf hedduu gammanneerra,’’ taphataa kilabichaa Roobeeraa Mitikkuu.

''Nuuf injifannoo guddaa fi seena qabeessadha. Haalli jiru ni hubatama. As keessatti injifannoo akkasii sadarkaa Oromiyaatti argachuun miira gammachuu addaa nuuf kenna.

''Nuyi ambaasadara nagaati. Magaalaan keenyas magaalaa nagaa jaalattuufi qabdudha. Haala ulfaataa keessatti waan guddaa milkeessuun akka danda’amus agarsiifneerra,’’ jedhe.

Dabalataan ijoollee sadarkaa biyyaatti bakka bu’uun taphachuu danda’anis akka qabnu hubanneerra jedhe Roobeeraan.

Hawaasnni godina isaanii ispoortii haalaan akka jaalatan kan himan Obbo Gazzaahiny ammoo injifannoo argataniifis shoora olaanaa taphataniiru jedhu.

Istaadiyeemiin magaalaan Dambi Doolloo lafa diriiraa fi bareedaa tahus, kunuunsa akka barbaadu garuu hin haalamu.

Bara dhufutti istaadiyeemicha haaromsuuf bulchiinsi magaalaa isaanii Biiroo Ispoortii Oromiyaa fi yuunvarsiitii Dambi Doolloo waliin tahuun qophii tahuu himan.

Obbo Gazzaahiny taphattootni isaanii miindaa akka hin qabne himuun duurgoo guyyaan qofa taphachaa turan jedhan.