'Du’aafi jireenya gidduu ta’een mallattoo diddaa agarsiise, du’arraa hafeenimmoo bultii ijaarradhe'

Barsiisaa Tokkummaa Tarreessaa kaadhimaa isaa waliin

Madda suuraa, Tokkummaa Tarreessaa

Ayyaana Irreechaa Bara 2016 Hora Aarsadiitti kabajame irratti mormiifi diddaa saganticharratti uumameen lubbuun namoota hedduu darbuun yaadannoo hin dagatamne.

Boolla namootni hedduun itti dhuman san keessaa miidhaa cimaan irra gahus lubbuun kan hafe barsiisaa Tokkummaa Tarreessaa ammoo haala addaatin yaadatama.

Suuraan isaa du’aaf jireenya gidduu ta’ee mallattoo diddaa agarsiisuun kaafame ibsituu balaa sanaa ta’ee hedduu leellifame.

Barsiisaa Tokkummaan erga balaa sanarraa hafee tibbana bultii ijaarratee warroomeeraa.

Waa’ee guyyichaafi suuraa isaa hedduu beekamee, dhimma bultii ijaarrachuu isaafi miira keessa ture irratti BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasiseera.

Maqaan isaa Tokkummaa Tarreessaa jedhama. Kan dhalatee guddate aanaa Iluu Galaan Ganda Irgoo Alchaamootti. Yeroo ammaa kanammoo Ogummaa Barsiisummaa irratti bobba’uun hojjechaa jira.

Tokkummaan Onkololeessa 2, bara 2016 gaafa Ayyaana Irreechaa Kkbajuuf bahee balballi du’aa gahee deebi’e ammayyuu waggaa 7 booda akka waan kaleessa ta’eetti yaadata.

“Yeroo sana barataa Yunvarsiitiin ture. Hiriyoota kiyya waliin akkuma bara baraan goonu ayyaana kana kabajuuf Bishooftuu deeme. Guyyaa sana fincilatu dhoohe. Nutis garee keenya waliin mallattoo diddaa kan ta’e harka qaxxaamursinee agarsiisaa turre”.

“Gidduma kanatti poolisoonni gaaza nama imimmaanessu darbachuu jalqaban. Battaluma sanatti dhukaasni kallattii maraan jalqabame. Ilaaleen gara dhukasni hin jirretti baqadhe. Garri sana ammoo boolla qileetu jira. Erga irra geessee namni duubaa sidhiiba. Sigigaadheen boolla fagoo sana seene,” jechuun ta’ii gaafasii yaadata.

Battala qilee sanatti seene waan ta’e yeroo yaadatu ammayyuu miirri isaa akka jeeqamus hima.

“Boollichi dukkana. Abaluusaa hin beektu dhaqee namumarran bu’e. Ani nama najala jirun ukkaamse, namni narra bu’emmoo ana ukkaamse. Yeroo sana akkan du’u keessikoo amaneera. Sagaleen ijoollee dubartootaa najalaa osoo iyyaa jiranii booda achumaan sagaleen isaanii bade ammayyuu yoon yaadadhu hirriiba nadhorka,” jedha Tokkummaan.

Suuraa seenaa qabeessa…

Tokkummaa Tarreessaa

Madda suuraa, Tokkummaa Tarreessaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkuma Tokkummaa guyyaa sana boolla sana keessaa akka carraa ta’ee kanneen lubbuun oolan hedduudha.

Tokkummaa namoota sana keessaa adda kan godhe suuraa inni miira du’aafi jireenyaa gidduu ta’uun harka qaxxaamursee mallattoo diddaa agarsiisuun kaafamedha.

Suura kana eenyu akkamitti akka isa kaaselleen hin yaadatu. Ta’us erga boolla keessaa baafamee qilleensa argatee booda akka ta’e ni beeka.

“Eenyu akka achi keessaa nabaase hin beeku. Gubbaatti nabaasanii jennaan qilleensa argadheen ija yoon banadhu namoota kaameeraan suura nakaasan arge.

Bakkuman ciisu sanattin mallattoo diddaa sana agarsiise. Ergasii daqiiqaa muraasa booda of wallaaleen hospitaala seene,” jechuun waan yeroo sana ta'e yaadta Tokkummaan.

Erga hospitaala seenee guyyaa lama booda akka of bareefi miidhaa cimaan dugda isaarra akka gahee tures hima.

Suuraan inni gaafa sana ka’e miidiyaalee irratti hedduu kan qoodameefi namootni hedduun sumatu akkana ta’ee deebi’ee fayye kan jedhu amanuuf rakkatanii tures jedha.

Tokkummaa Tarreessaafi kaadhimaa isaa

Madda suuraa, Tokkummaa Tarreessaa

Tokkummaan balaa gaafa snaarraa lubbuun erga hafee miidhaa dugda isaarra gahe yaala argachuun ji’a tokkoon booda Yunvarsiitii Finfinneetti barnoota isaatti deebi’ee itti fufe.

Erga Yunvarsiitirraa eebbifamees waggoota darban ogummaa barsiisummaatiin tajaajilaa jira.

Namni balaa gaafa Irreechaa sanaan balbala du’aa gahee haala raajii jedhamuun lubbuun hafe kuni, bulti ijaarratee jennaan namoonni ‘yaa hojii Waaqaa’ jechuun miidiyaa hawaasaa irratti dinqisiifannaa isaaf qaban ibsaa jiru.

Dilbata darbe Finfinneetti sirna gaa’elaa isaa kan raawwate Tokkummaan, balaa sanarraa hafee lubbuun jiraadhee gammachuu akkasii arguun miira gammachuu addaa naaf kenneera jedha.

“Ani wareegama guyyaa sanaa irraa oolee gaa’ilakoo gahuu hedduun gammade. Miidiyaa hawaasaa irrattis namni hedduun gammachuu naaf qabu naaf ibsaa jiru. Awwaala keessaa baheen gaa’ila godhadhee abbaa warraa ta’e. Kuni gammachuu addaati,” jedha.

Gammachuu gaa’ila dhaabbachuu isaa guutuu kan hin goone garuu kaayyoo wareegamtootaafi fincila sanaa akka yaadametti galma gahuu dhabuun ammoo akka isa gaddisuus hima.

“Ijoollee guyyaa sana dhuman sana yoon yaadadhu nan gadda. Sagaleen suni gurrakoo keessaa iyya. Kaayyoon isaan dhumaniif suni galma gahuu dadhabuun, wanti itti wareegaman fiixa bahuu dhabuun isaa nagaddisiisa,” jechuun miira lama keessa akka seene dubbata.

Namoota guyyaa sana boolla sana keessaa isa baasaniifi yaala akka argatu godhan ‘ani beekuu baadhulleen oolmaa keessaniif galannikoo isin haa gahu’ jedheera Barsiisaa Tokkummaa Tarreessaa.